5
Na'amaan Dhukkuba Goga'aa Farrisiisaa Irraa Fayye
1 Na'amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya'aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya'aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda'aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba'a; ammoo dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabaayyu. 2 Worri Sooriya'aa biyya Israa'elii lolee, intala diqqoo takka Israa'el keessaa booji'e; isiille haadha manaa Na'amaanii tajaajilaa turte. 3 Gaafa tokko isiin giittii ifiitiin, «Goottaan kiyya gara raagicha Samaariyaa jiruu adoo dhaqee, inni dhukkuba kana irraa isa fayyisuu hin dande'a» jette. 4 Na'amaan waan kana yennaa dhage'e, gara mootichaa dhaqee waan intalti biyya Israa'eliitii dhutte jette san itti hime. 5 Mootichille, «Xalayaa kana fuudhiitii gara mooticha Israa'elii geessi» jedhe.
Maarre Na'amaan meetii gara kiiloogiraama dhibba sadii fi afurtamaa, worqii gara kiiloogiraama torbaatamaatii*Kiiloogiraam torbaatama: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii kuma jaa jedha. fi woyaa adduu kudhan qabatee deeme. 6 Xalayaan inni gara mootii Israa'elii fuudhee deeme sun, «Tajaajilaa kiyya Na'amaan dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka fayyittuuf xalayaa kana itti kennee gara keeti ergeera» ka jedhu.
7 Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe.
8 Nami Waaqaa Elsaa'i, akka mootiin Israa'elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage'e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa'el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame.
9 Maarre Na'amaan fardo'oo fi garreettota ifii ka fardo'oon harkifamu irra te'ee dhaqee, balbala mana Elsaa'ii duratti dhaabbate. 10 Elsaa'ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde'etti hin deebi'a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen. 11 Na'amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga'aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye. 12 Lagi Damaasqo'oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa'elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi'ee deeme.
13 Tajaajiltooti Na'amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba'a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si'iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane. 14 Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e.
15 Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe.
16 Elsaa'i deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa ani tajaajiluu; ani waan tokkolle hin fudhadhu» jedhe.
Na'amaan akka inni fudhatuuf kadhatulle, Elsaa'i ammoo fudhatiisa didate. 17 Achiin duuba Na'amaan, «Ati Kennansa kiyya yoo fudhatuu didde, ani tajaajilaan keeti deebi'ee ijjumaa Mootii Waan Maraatiif malee, waaqota dhibi'iif ciinca'aa fi woreega waan hin dhikeessineef, biyyee fe'iisa gaange'ee lama fuudhee akka deemu naaf eeyyam. 18 Maarre goottaan kiyya waaqonfatiisaaf gara galma Rimoonii waaqa Sooriya'aa yennaa seenu, harka kiyyatti ciqilfatee waan sagaduuf, anille galma Rimoonii san keessatti yoo gad jedhe, Mootiin Waan Maraa marroo waan kanaatiif, ana tajaajilaa keetiif araaramuu ti» jedhe.
19 Elsaa'i, Na'amaaniin, «Nageyaan deem» jedhe.
Na'amaan diqqoo irraa fagaatee deemeen duuba, 20 tajaajilaan Elsaa'ii nama Waaqaa, Gehaaz, «Goottaan kiyya waan Na'amaaniin nami Sooriya'aa fide fudhatuu didee akkasumaan gad lakkise. Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani isa gula rukkisee woy isa irraa fudhadha» jedhee yaadate. 21 Maarre Gehaaz ka'ee Na'amaan gula rukkise; Na'amaan inni gara isaa rukkisuun yennaa dhagge, isa qophatiisaaf garreettaa fardaa ifii irraa bu'ee†Garreettaa irraa bu'e: Garreettaa irraa baye jechu'u., «Nageyaayyuu?» jedhee gaafate.
22 Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii‡Kiiloogiraama soddomii afur: Afaan Ibrootaatiin Taalentii tokko jedha. fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen.
23 Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii§Kiiloogiraama jaatamii saddeeti: Afaan Ibrootaatiin Taalentii lama jedha. subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane. 24 Kooba Elsaa'i le'u yennaa geyane, Gehaaz meya ba'atane tajaajiltoota irraa fuudhee, mana keessa keye. Achiin duuba tajaajiltoota Na'amaanii gad lakkise; isaanille deemane. 25 Gehaaz gara manaa seenee, goottaa ifii Elsaa'i dura dhaabbate. Elsaa'ille, «Gehaaz! Haga ammaa eessa jirta?» jedhee isa gaafate.
Innille deebisee, «Goottaa kiyya, ani tajaajilaan keeti eessalle hin dhandhe» jedhe.
26 Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree? 27 Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe.
Achiin duuba Gehaaz dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamee adii akka dhakaa bokkeyaa te'ee isa duraa bayee deeme.