6
Agaraan Bisaan Gubba'atti Ol Baye
1 Korri raagotaa, Elsaa'iin, «Addeen nuuti si woliin le'iisatti jiru guddoo nutti dhipho'o. 2 Gara laga Yordaanosii dhandhee, muka murannee, mana keessa leenu akka ijaarannu nuuf eeyyam» jedhane.
Elsaa'ille, «Dhaqa'a» isaaniin jedhe.
3 Achiin duuba raagota keessaa tokkochi, «Maganne'e, atille nu tajaajiltoota teeti woliin hin dhaxxuu?» jedhe;
Elsaa'ille, «Hin dhaqa» jedhee, 4 woliin deemane. Isaan yennaa Yordaanos geyane, muka muruu jalqabane. 5 Isaan keessaa tokkochi adoo muka muruu, agaraan buqqa'ee bisaan keessa bu'e. Inni iyyee, «Hoola! Goottaa kiyya agaraan ka ergisa'aa ti» jedhe.
6 Nami Waaqaa Elsaa'i, «Eessaan bu'e?» jedhee gaafate.
Namichi addee agaraan bu'e Elsaa'itti yennaa mudhise, inni muka tokko muree achi bisaan keessa buusee, akka agaraan bisaan gubba'atti bayu godhe. 7 Elsaa'i, namichaan, «Baasiitii fudhadhu» jedhe; namichille hiixatee fudhate.
Elsaa'i Loltoota Sooriya'aa Ila Jaamse
8 Mootichi Sooriya'aa Israa'el woliin loliisatti adoo jiruu, qondaaltota ifii woliin mari'atee, «Ani quttuma kiyya addee akkasiitii fi akkasiititti godhadha» jedhe. 9 Nami Waaqaa Elsaa'i ammoo, «Worri Sooriya'aa achitti gad bu'iisatti waan jiranuuf, karaa san akka hin dabarre» jedhee mooticha Israa'eliititti erge. 10 Maarre mootichi Israa'elii addee nami Waaqaa Elsaa'i isa ifi eeggachiise san nama itti ergee qorqore; nami Waaqaa Elsaa'i yennaa hedduu isa ifi eeggachiisee, mootichille achi irraa ifi eeggate.
11 Mootichi Sooriya'aa waan kana guddoo aaree, qondaaltota ifii waamee, «Nu keessaa mootii Israa'eliitiif ka dooyu, eennu akka te'e natti hin hintanuu?» jedhee gaafate.
12 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Ee, goottaa kiyya mooti'i! Waan dhossa'aa ta ati kolloo taqee teetii keessatti dubbattu mara, mootii Israa'eliititti ka himu raagicha Elsaa'i malee, nu keessaa ka himu eennulle hin jiru» jedhee deebise.
13 Mootichi Sooriya'aa, «Akka ani namoota itti ergee isa qabu, dhaqa'aatii addee inni jiru barbaada'a» isaaniin jedhe.
Isaan, «Inni qachaa Dootaanii keessa jira» jedhanee mootichatti himane. 14 Achiin duuba mootichi loltoota hedduu fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu gara qachaa Dootaanii erge. Isaan halkaniin achi geyanee, qachaa san marsane. 15 Boruyyaa barii ganama tajaajilaan nama Waaqaa Elsaa'ii ka'ee yennaa gad baye, loltooti fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu qachaa marsiteertuun dhaggee, nama Waaqaa Elsaa'i'iin, «Hoola! Goottaa kiyya! Maan goonu nuu woyya?» jedhee gaafate.
16 Elsaa'ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen. 17 Achiin duuba Elsaa'i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa'ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu'uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa'ii mara jirtuun dhagge.
18 Worri Sooriya'aa gara Elsaa'ii gad yennaa dhufane, inni, «Kolbaa tana ila isaanii jaamsi» jedhee gara Mootii Waan Maraa daadimate. Akkuma Elsaa'i gaafate Mootiin Waan Maraa ila isaanii jaamse. 19 Achiin duuba Elsaa'i isaaniin, «Karaalle, qachaalle kanaa moti; na gula kowa'a; ani gara nama isin barbaaddanuu isin hin geessa» jedhee gara qachaa Samaariya'aa isaan geesse.
20 Akkuma isaan qachaa seenaneen Elsaa'i, «Ee, Mootii Waan Maraa! Akka isaan dhagganu ila isaanii bani» jedhe; maarre Mootiin Waan Maraa ila isaanii banee, isaanille ilaalanee qachaa Samaariya'aa keessa akka jiranu dhaggane.
21 Mootichi Israa'elii yennaa isaan dhagge, «Abbaa kiyya! Isaan ijjeesuu? Isaan ijjeesuu?» jedhee Elsaa'i gaafate.
22 Elsaa'ille, «Waawwo'o! Loltoota shallaaga'aa fi guubee teetiin boojite hin ijjeettaa? Akka isaan nyaatanuu fi unanu sagale'ee fi bisaan kenniif; achiin duuba gara mootii ifii deebi'anuu ti» jedheen. 23 Maarre mootiin Israa'elii areertii guddoo isaaniif godhee, isaan nyaatanee unaneen duuba gad isaan lakkise; isaanille gara mootii ifii deemane. Yennaa saniin jalqabanee, gareen loltoota sooriya'aa lafa Israa'elii loliisatti hin deebine.
Marfamiisa Qachaa Samaariya'aa
24 Yennaa diqqo'oon duuba, mootiin Sooriya'aa Ben-hadaad loltoota ifii duudii wolitti qabatee, qachaa Samaariya'aa marse. 25 Qachaan sun marfamee waan tureef beelti hantuun seentee, gatiin mataa harree tokkoo meetii gara kiiloogiraama tokkoo*Kiiloogiraama tokko: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii saddeettama jedha., udaan saphaliisaa ka gara giraama dhibba lamaa, meetii gara giraama jaatamaa†Meetii giraama jaatamaa: Afaan Ibrootaatiin meetii sheeqelii shan jedha. baasuu jalqabe.
26 Gaafa tokko mootiin Israa'elii dalleya dhaka'aa ka qacha'aa san irra ideemaa dabariisatti adoo jiruu, dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Ee, goottaa kiyya mooti'i, maganne'e na qarqaar» jetteen.
27 Mootichille, «Mootiin Waan Maraa yoo si hin qarqaarin, ani attamiin si qarqaaruu dande'a ree? Eeddummee tiyya irraa moo? Addee cunfaa woyni'ii tiyya irraa?» jedheen. 28 Achiin duuba, «Rakkoon teeti maan» jedhee isii gaafate.
Isiille, «Dubartiin tun, ‹Adha ilma keeti fidi hin nyaanna; boru ilma kiyya hin nyaanna› anaan jetteerti. 29 Tanaaf ilma kiyya iffeelannee nyaanne. Boruyyaa, ani, ‹Ilma keeti fidi hin nyaanna› jedhee gaafadhe. Isiin ammoo ilma ifii dhoffatte» jetteen.
30 Mootichi tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; adoo inni dalleya dhaka'aa irra ideemaa dabariisatti jiruu, inni woyaa gaddaa nafa ifiititti aanfatee uffateeruun kolbaan isa dhaggite. 31 Mootichille qoonqoo ol qabatee, «Adha mataan Elsaa'ii ilma Shaafaaxii yoo isa irraa hin muramin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe. 32 Inni ifiin dura nama gara Elsaa'ii erge.
Yennaa kana Elsaa'i, jaarsolee isa ilaaliisaaf dhutte woliin mana ifii keessa jiraayyu; namichi gara Elsaa'ii ergame adoo isa bira hin geyin, Elsaa'i jaarsolee saniin, «Namichi nama ijjeesu sun na ijjeesisiisaaf nama natti ergeera. Yennaa inni as gewu balbala itti cufa'aatii, seensa isa dhoogga'a. Goottaan isaalle duuba isaatiin dhufiisatti jira» jedhe. 33 Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichille‡Mootichille: Afaan Ibrootaatiin Ergamaalle jedha., «Balaan kun Mootii Waan Maraa biraa dhufe; haganaa achi ani maan isa irraa eegadha ree?» jedhe.