7
1 Elsaa'i deebisee, «Jacha Mootii Waan Maraa dhage'i! Mootiin Waan Maraa, ‹Boru yennaa tana karra qachaa Samaariya'aatitti, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman› jedha» jedhe.
2 Qondaaltichi mootichi itti ciqilfatu, nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» jedhe.
Elsaa'i deebisee, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhe.
Baqatiisa Loltoota Sooriya'aa
3 Karra qachaa Samaariya'aa dura, namooti afur ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu jiraniiyyu; isaan, «Maaf haga duunu as teenna? 4 Nuuti, ‹Gara qacha'aa seenna› yoo jenne, achi beelti waan jirtuuf, hin duuna; yoo asitti hannelle hin duuna; maarre gara quttuma worra Sooriya'aa dhandhuu ti. Yoo isaan nu hamburane, hin jiraanna; yoo nu ijjeesanelle hin duuna» woliin jedhane. 5 Maarre isaan galgala dimimmisa, gara quttuma worra Sooriya'aa dhaqane. Yennaa achi geyanu nami tokkolle achi hin jiru. 6 Loltooti Sooriya'aa hididdeettii garreettaa fardaan harkifamuu, hididdeettii fardo'ootii fi loltoota heddu'uu akka dhage'anu, Mootiin Waan Maraa waan godheef, isaan, «Mootiin Israa'elii mootii Heetotaatii fi mootii Gibxi'ii akka nu lolanuuf nutti biteera» woliin jedhane. 7 Tanaaf galgala san worri Sooriya'aa dunkaanii ifii, fardoo ifiitii fi harree ifii, addee quttuma ifiille akkuma jirtutti lakkisanee, lubbuu ifii hamburatiisaaf baqatane.
8 Namooti dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabamaneeranu sun, addee quttuma worra Sooriya'aa yennaa geyane, dunkaanii takka seenanee, waan achi jiru nyaatanee unanee, meetii, worqi'ii fi woyaa fudhatanee, dhaqanee dhoffatane; achiin duuba isaan deebi'anee dunkaanii dhibii seenanee, achi keessalle'ee waan dhibii fudhatanee, dhaqanee dhoffatane. 9 Achiin duuba isaan, «Wonni nuuti hujiisatti jirru sirri'ii moti; guyyaan adhaa guyyaa oduu gammadaa himanu; nuuti ammoo cadhi jenne; haga latti bariitutti yoo turre, hin adabanna; tanaaf ammuma gara mana mootumma'aa dhandhee hinnuu ti» woliin jedhane. 10 Maarre isaan dhaqanee, eeddota karra qacha'aa waamanee, «Gara addee quttuma worra Sooriya'aa dhandhee, fardo'oo fi harree hidhamane malee, nami tokkolle hin jiru; qoonqoo nama tokkoolle hin dhageenne; dunkaanoti isaaniille akkuma jirtutti jirti» jedhanee himane.
11 Achiin duuba eeddoti karra qacha'aa oduu san, worra mana mootumma'aa keessa jirutti himane. 12 Mootichi halkaniin ka'ee, qondaaltota ifiitiin, «Waan worri Sooriya'aa nu irratti hujiisatti jiru, ani isinitti hima. Isaan akka nuuti beela irra jiru hin beekan; maarre isaan, ‹Isaan qachaa keessaa bayiisa hin dhabanu; nuutille jiru'uun isaan boojinee, gara qachaa sanii hin seenna› jedhanee yaadanee, addee quttuma ifii lakkisanee dhokatiisaaf, qacha'aan alatti bayane» jedhe.
13 Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Kolbaan as keessatti hattelle, akkuma kolbaa Israa'elii ta tanaan qara dhumattee te'iis isaanii waan hin oolleef, namooti gariin fardoo asitti hatte shan fudhatanee dhaqanee waan te'e akka hubatanuuf, erginee ilaalla» jedhe. 14 Maarre isaan garreettaa fardaan harkifamu lama fardoo woliin filane; mootichille namoota san loltoota Sooriya'aa gula ergee, «Dhaqa'aatii, waan te'e ilaala'a» jedhee ajaje. 15 Isaanille haga laga Yordaanosii loltoota Sooriya'aa gula deemanee, loltooti Sooriya'aa ariiti'iin yennaa baqatanu woya'aa fi meya karaa mara irratti gatane dhaggane. Maarre worri ergame sun deebi'ee mootichatti hime. 16 Achiin duuba Kolbaan Samaariya'aa baatee, addee quttuma worra Sooriya'aa saante; maarre akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti gurguramane.
17 Yennaa tana mootichi Israa'elii, qondaalticha mootichi itti ciqilfatu, itti gaafatamaa seensuma karra qacha'aa waan godheeruuf, kolbaan isa irra sirbitee, akkuma nami Waaqaa Elsaa'i yennaa mootichi gara mana isaa dhufe raage, innille du'e.
18 Akkuma nami Waaqaa Elsaa'i mootichaan, «Boru yennaa tana karra Samaariya'aa duratti bullaan qamadi'ii dansaan kiiloon sad yookiin bullaan garbu'uu kiiloon jaa meetii gara giraama kudhanii lamaatitti hin gurguraman» jedhe muummotte. 19 Qondaaltichi sun nama Waaqaa Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa foddaa ol gubba'aa yoo banelle, tun te'uu hin dandeettii ree?» waan jedheeruuf, Elsaa'i, «Ati tana ila teetiin hin dhaggita; ammoo tokkolle afaaniin hin qaddu!» jedhee deebiseeraayyu. 20 Namooti seensuma karra qacha'aa keessatti isa irra sirbanee inni waan du'eef, wonni isa irratti raagame dhugumaan teete.