13
Mootii Israa'elii Yeho'ahaaz
1 Ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa diddamii sadeesso'ootitti, ilmi Yehu'uu Yeho'ahaaz Israa'el irratti mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa kudhanii torba bulche. 2 Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san hordofiisaan, Mootii Waan Maraa duratti hujii hantuu huje; inni hujii hantuu san irraa hin deebine. 3 Maarre Mootii Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, bara heddu'uuf harka mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliitii fi ilma isaa Ben-Hadaadiititti dabarsee isaan kenne. 4 Achiin duuba Yeho'ahaaz gara Mootii Waan Maraa daadimate; Mootiin Waan Maraalle mootichi Sooriya'aa Israa'eloota akka cunqursiisatti*Cunqursiisatti; Yookiin hacuuciisatt. jiru dhaggee, daadimata Yeho'ahaazii dhage'e. 5 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, nama Israa'eloota worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; Israa'elootille harka worra Sooriya'aa jalaa bayanee akkuma durii nageyaan le'ane. 6 Te'uu malee, isaan cubbuu sanyii Yerobi'aamii ta inni akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine; fakkiin waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, qachaa Samaariya'aa keessaa adoo hin diigamin hatte.
7 Mootichi Sooriya'aa, loltoota Yeho'ahaazii balleessee, akka bukuu yennaa midhaan dhowanu kaatuu waan godheef, abbootii fardaa shantama, garreettaa fardaan harkifamu kudhanii fi loltoota miilaa kuma kudhan malee tokkolle hin hanne. 8 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'ahaaz huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 9 Yeho'ahaaz du'ee, Samaariyaa keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'aash addee isaatitti mootii te'e.
Yeho'aashii Mootii Israa'el
10 Yo'aas Yihudaa irratti mootii te'ee woggaa soddomii torbeesso'ootitti, ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa Israa'el bulche. 11 Innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. 12 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudi'ii fi jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 13 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; ilmi isaa Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.
Du'a Elsaa'ii
14 Raagichi Elsaa'i dhibee isa ijjeette saniin worwaanatuun, mootichi Israa'elii Yeho'aash isa ilaaliisaaf dhaqee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete» jedhee isaaf bowe.
15 Elsaa'i mootichaan, «Guube'ee†Guubee: Lafa tokko tokkotti Buubee jedhama. fi daaya fudhadhu» jedhe; Yeho'aashille guube'ee fi daaya fudhate. 16 Achiin duuba Elsaa'i, «Guubee harkatti qabadhu» jedhe. Yennaa inni harkatti qabate, Elsaa'ille harka ifii harka mootichaa irra keye. 17 Achiin duuba Elsaa'i, «Foddaa ka gara aduun baatuu bani» jedhe; innille bane; Elsaa'i, «Daaya darbadhu!» jedhe; mootichi akkuma daaya darbateen, Elsaa'i, «Tun daaya Mootii Waan Maraa ka injifacha'aa ti; inni ka worri Sooriya'aa ittiin injifatamu; ati worra Sooriya'aa qachaa Afeqi'ii keessatti ijjumaa hin balleessita» jedhe.
18 Achiin duuba Elsaa'i mootichaan, «Daayota dhibii fuudhiitii lafa tuttumadhu!» jedhe; innille daayota fuudhee yennaa sad lafa tuttumatee lakkise. 19 Elsaa'i isatti aaree, «Yennaa shan yookiin yennaa jaa adoo lafa tuttumattee jiraatte, worra Sooriya'aa injifattee ijjumaa hin balleessitaayyu; amma ammoo yennaa sad qofa isaan hin injifatta» jedhe.
20 Elsaa'i du'ee awwaalame.
Ji'oota birra'aa mara gareen loltoota Mo'aabii lafa Israa'elii seenan. 21 Gaafa tokko Israa'elooti nama du'e awwaaliisatti adoo jiranuu, saamtota worra Mo'aabii dhagganee, reeffa namichaa addee awwaala Elsaa'ii keessatti qolaansane. Reeffi namichaa akkuma lafee Elsaa'ii tuqeen, namichi du'aa ka'ee dhaabbate.
Israa'elooti Qachoota Sooriya'aa Deebitee Qabate
22 Bara mootummaa Yeho'ahaazii mara mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Israa'eloota mara cunqurse‡Cunqurse: Yookiin hacuuce.. 23 Mootiin Waan Maraa ammoo sababa gondooroo Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob woliin godheetiif, isaaniif nayee, mararee isaan qarqaare. Inni haga adhaa isaan hin balleessine yookiin fuula ifii duraa isaan hin fageessine.
24 Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el du'ee, ilmi isaa Ben-hadaad addee isaatitti mootii te'e. 25 Achiin duuba ilmi Yeho'aazii Yeho'aash, qachoota Hazaa'el abbaa isaa Yeho'aaz lolee irraa fudhate, ilma Hazaa'elii Ben-hadaad irraa deebifate. Yeho'aash yennaa sad isa injifatee qachoota Israa'elii deebifate.