14
Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa
(2 Dab. 25:1-24)
1 Ilmi Yeho'ahaazii Yeho'aash Israa'el irratti mootii te'ee woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'e. 2 Inni mootii yennaa te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yo'adaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 3 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka Daawitii abbaa ifii ka durii hin hunye; inni waan mara akka abbaa ifii Yo'aasii huje. 4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
5 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. 6 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne;
7 Amaasiyaan worra Edoomii kuma kudhan dhooqa sooddaa keessatti fixe; inni qachaa «Selaa» jedhamu lolee qabatee, «Yaqti'el» jedhee moggaase; qachaan sun haga adhaalle maquma kanaan waamama.
8 Achiin duuba Amaasiyaan akaakoo Yehu'uu ilma Yeho'aazii gara mooticha Israa'elii, Yeho'aashitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. 9 Yeho'aash mootichi Israa'elii ammoo, Amaasiyaa mooticha Yihuda'aatiif deebisee, «Yennaa tokko qoreen Libaanos keessaa, muka hindheensaatiin, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jette nama itti ergite; bineensi Libaanosii tokko ammoo karaa san dhufee, qoree san irra sirbe. 10 Ati dhugumaan worra Edoomii injifatteerta; gadhaa keeti keessatti ifi jajjeerta. Injifachaa dhaggatteen gammadii, mana keeti tee'i; maaniif ifiif jiddee Yihudaalle akka jidduuf tuttuxxee rakkinna ifi irratti fida» jedhe.
11 Amaasiyaan ammoo isa dhage'uu waan dideef, mootichi Israa'elii Yeho'aash loltoota ifii fudhatee, mooticha Yihuda'aa Amaasiya'atti duulee, biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti isa lole. 12 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, marti isaanii gara mana ifii baqatane. 13 Mootiin Israa'elii Yeho'aash Bet-Shemeshitti, Amaasiyaa ilma Yo'aasii mootii Yihuda'aa akaakoo Ahaaziya'aa booji'e; achiin duuba inni gara Yerusaalemii dhaqee, dalleya Yerusaalemii ka dhaka'aa karra Efreemiitii haga karra roga dalleyaatitti ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. 14 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiruu fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu mara, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.
15 Wonni dhibiin ta mootichi Yeho'aash huje duudiin, jannummaan isaa ta inni mootii Yihuda'aa Amaasiyaa lolelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 16 Yeho'aash du'ee, qachaa Samaariya'aa keessatti mootota Israa'elii biratti awwaalame; Yerobi'aam addee isaatitti mootii te'e.
Du'a Amaasiyaa Mooticha Yihuda'aa
(2 Dab. 25:25-28)
17 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. 18 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
19 Amaasiyaa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala itti waan dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishiititti baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee achitti isa ijjeesisane. 20 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Daawitii Yerusaalem keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane. 21 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa ilma Amaasiya'aa Azaariyaa ka woggaan isaa kudha jaa, addee Amaasiyaa abbaa isaatitti isa mootii godhane. 22 Amaasiyaan du'een duuba, Azaariyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise.
23 Ilmi Yo'aasii Amaasiyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam mootii Israa'elii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche. 24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine. 25 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, karaa tajaajilaa ifii Yoonaasii ilma Amiitaayii raagicha Gaat-Hefertiin akkuma dubbatetti, Yerobi'aam meessaa Israa'elii, seensuma gara Haamaatii irraa kaasee, haga Abbaayaa Arabaayii*Abbaayaa Arabaayii: Abbaayaa sooddaalle hin jedhanti. addee duriititti deebise.
26 Nami Israa'el keessaa marti, garbi yookiin nami bilisa te'e akka farriisatti jiranu, nami isaan qarqaarulle akka hin jirre Mootiin Waan Maraa dhagge. 27 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Maqaa Israa'elootaa biyya lafaa irraa ijjumaa hin balleessa» waan hin jedhiniif, inni karaa Yerobi'aamii ilma Yeho'aashiitiin isaan hambure.
28 Wonni dhibiin ta Yerobi'aam huje duudiin, jannummaan isaa ta inni ittiin lole, Damaasqo'oo fi Haamaat ka kutaa biyya Yihuda'aa te'ane Israa'elootaaf attam akka deebise, kitaabaa dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 29 Yerobi'aam du'e; addee isaatitti ilmi isaa Zakaariyaas mootii te'e.