15
Mootii Yihuda'aa Azaariyaa
(2 Dab. 26:1-23)
Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e. Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.
Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.
Mooticha Israa'elii Zakaariyaas
Mootichi Azaariyaas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Zakaariyaas mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, ji'a jaa Israa'el bulche. Inni akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 10 Ilmi Yaabeshii Shaalum, Zakaariyaas irratti mala dhowee, kolbaa duratti dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
11 Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
12 Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe.
Mootii Israa'elii Shaalum
13 Mootichi Azaariyaan*Mootichi Azaariyaan: Afaan Ibrootaatiin Uziyaan jedha; inni namuma tokko. Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Yaabeshii Shaalum mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee ji'a tokko bulche.
14 Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 15 Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 16 Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.
Mooticha Israa'elii Menaahem
17 Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Gaadii Menaahem mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhan Israa'el bulche. 18 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; inni bara mootummaa ifii cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 19 Achiin duuba mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser ka, «Phul» jedhamu biyya Israa'elii lole; Menaahem qarqaarsa isa irraa dhaggatiisaa fi mootummaa ifii jabeeffatiisaaf, meetii kiiloogiraama kuma soddomii afurKiiloogiraamii kuma soddomii afur: Afaan Ibrootaatiin Taalentii kuma jedha. Tiiglaat-Phileeseriif kenne. 20 Menaahem meetii mooticha Asooriitiif kennu san, dureeyyii Israa'elii tokko tokkoo isaanii irraa meetii gara giraama dhibba shaniiGiraama dhibba shanii: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii shantama jedha. guure. Maarre Tiiglaat-Phileeser biyya san keessa turiisa lakkisee, gara biyya ifii deebi'ee deeme.
21 Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 22 Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e.
Mooticha Israa'elii Pheqaayaa
23 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa shantameesso'ootti, ilmi Menaahemii Pheqaayaan mootii te'ee, qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa lama Israa'el bulche. 24 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 25 Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mala isa irratti dhowee, namoota biyya Giil'aadii shantama woliin, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aatiin marfame, qachaa Samaariya'aa keessatti, Pheqaayaa, Argoobii fi Ariyee ijjeesee; addee Pheqaaya'aatitti mootii te'e.
26 Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mooticha Israa'elii Pheqaa
27 Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shantamii lammeesso'ootitti, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii te'ee qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa diddama Israa'el bulche. 28 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aamii, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.
29 Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.
30 Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 31 Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mooticha Yihuda'aa Yotaam
(2 Dab. 27:1-9)
32 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e. 33 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti. 34 Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 35 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare.
36 Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 37 Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe. 38 Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e.

*15:13 Mootichi Azaariyaan: Afaan Ibrootaatiin Uziyaan jedha; inni namuma tokko.

15:19 Kiiloogiraamii kuma soddomii afur: Afaan Ibrootaatiin Taalentii kuma jedha.

15:20 Giraama dhibba shanii: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii shantama jedha.