13
Amnoonii Fi Taamaar
Ilmi Daawiti Abiishaalom obboleettii dansittii, «Taamaar» jedhantu qabaayyu; ilmi Daawitii Amnoon isii jaalate. Isiin durra banti'ii waan teeteef, Amnoon akka te'ee isii bira gewu waan hin qabaatiniif, jaalala obboleettii ifii Taamaariitiin qabamee guddoo dhibame. Inni jaala, «Yonaadaab» jedhamu tokko qabaayyu; inni ilma Shime'aa obboleessa Daawitii ti; Yonaadaab nama guddoo maltee te'e. Inni, «Ee, ilma mootichaa, ati guyyuma guyya'aan maaf huqqata? Natti hin hintuu?» jedhee Amnoon gaafate.
Amnoon deebisee, «Ani jaalala Taamaarii obboleettii obboleessa kiyya Abiishaalomiitiin, qabamee ti» jedhe.
Yonaadaab isaan, «Ati akka dhibantee, taqee irra irkadhu; abbaan keeti si gaafatiisaaf yennaa dhufe, ‹Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee waan ani nyaadhu naaf kennituu ti; asi na biratti sagalee hujjee qopheessitee harka ifiitiin na nyaachittuu ti› jedhiin» jedhe. Maarre Amnoon akka dhibamee, taqee ifii irra irkate; mootichi isa gaafatiisaaf yennaa dhufe, inni mootichaan, «Obboleettiin tiyya Taamaar dhuttee, na duratti daabboo bilcheessitee harka ifiitii akka na nyaachittu barbaada» jedhe.
Achiin duuba Daawiti gara mana mootumma'aa Taamaaritti nama ergee, «Gara mana obboleessa keeti Amnoonii dhaqiitii sagalee isaaf qopheessi» jedhe. Maarre Taamaar gara mana obboleessi isi'ii Amnoon irkateeruu dhaxxe; bullaa diqqoo fuutee bukeesitee isa duratti daabboo bilcheessite. Achiin duuba daabboo bilcheessite san eelee irraa fuutee isaaf dhikeessite; inni ammoo nyaatiisa didatee, «Nama mara asii gad baasa'a» jedhe; nami martinuu isa biraa gad bayane. 10 Achiin duuba Amnoon Taamaariin, «Ani harka keeti irraa akka nyaadhuuf sagalee gara kolloo taqee tiyyaa fidi» jedhe; Taamaar daabboo bilcheessite san fuutee gara kolloo taqee obboleessa ifii Amnoonii geessitte. 11 Yennaa isiin sagalee isaaf dhikeessite ammoo isii qabee, «Obboleettii tiyya koy na woliin irkadhu!» jedhe.
12 Isiin isaan, «Lakkii obboleessa kiyya, na hin salphisin! Wonni akkasii Israa'el keessatti godhamee hin beeku; waan hantuu tana hin godhin! 13 Yoo na salphitte, ani maan te'a? Eessa gora? Atille maan teeta? Ati biyya Israa'elii keessatti salphicha hin teeta. Maganne'e mootichatti himadhu; inni akka ani si heerumu hin dhooggu!» jette. 14 Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, isii caalaa hunnaamessa waan te'eef, hunnaan isii gurra balleesse.
15 Achiin duuba Amnoon akka malee isii jibbe; inni haga qara isii jaalate caalaa isii jibbee, «Ka'ii asii gad bayi!» jedhe.
16 Isiin ammoo, «Lakkii, na manaa baasuun keeti yakkaa na irratti hujje caalaa cubbuu hujja» jette.
Inni ammoo waan isiin jettu dhage'iisa didee, 17 tajaajilaa ifii tokko waamee, «Dubartii tana asii gad baasiitii balbala itti cufi!» jedhe. 18 Maarre tajaajilaan isaa sun gad isii baasee balbala itti cufe; isiin yennaa san woyaa durri mootichaa ta banti'ii dur uffattu uffatteertiiyyu. 19 Taamaar daadhaa mataa ifii irratti firfiffattee, woyaa uffatte san tarsaatte; mataa ifii qabattee bowaa deente. 20 Obboleessi isi'ii Abiishaalom isi'iin, «Obboleessi keeti sun Amnoon si woliin jiraayyuu? Obboleettii tiyya cadhisi, inni obboleessa keeti waan te'eef, dubbii tana gadhaa keeti keessatti hin qabatin» jedhe; Taamaar salphattee nama irraa adda baatee mana Abiishaalomii obboleessa ifii keessa leete.
21 Mootichi Daawiti oduu tana mara yennaa dhage'e, guddoo aare. 22 Abiishaalom sababa Amnoon obboleettii isaa Taamaar salphiseef isa jibbee, waan hantu'uu fi dansaa tokkolle isatti hin dubbanne.
Abiishaalom Amnoon Ijjeese
23 Woggaa lamaan duuba Abiishaalom qachaa Ba'aal-Hazoorii ka meessaa biyya Efreemii bira jirutti hoolee ifii irraa rifeensa yennaa quxu, ilmaan mootichaa mara achi waame. 24 Abiishaalomille gara mootichaa dhaqee, «Ani tajaajilaan keeti hoolota tiyya irraa rifeensa waan quxuuf, atii fi qondaaltoti maganne'e kowa'a!» jedhe.
25 Mootichi Daawiti ammoo Abiishaalomiin, «Lakkii ilma kiyya, nuuti marti hin dhunnu; nuuti marti yoo dhunne, ba'aa si irratti hin teena» jedhe; Abiishaalom isa jabeessee kadhatulle inni dhaqiisa hin barbaanne; garuu isa eebbisee geegesse.
26 Achiin duuba Abiishaalom, «Ati yoo hin dhaqin, obboleessi kiyya Amnoon nu woliin dhaquu ti!» jedhe.
Mootichi Daawiti, «Inni maaf isin woliin dhaqa?» jedhee gaafate. 27 Abiishaalom ammoo jabeessee isa waan kadhateef, mootichi Daawiti ilma ifii Amnoonii fi ilmaan ifii ta dhibii mara Abiishaalom woliin akka deemanu erge. 28 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Amnoon daadhii woyni'ii unee yennaa machowe, ani isiniin, ‹Isa dhowa'aatii ijjeesa'a!› hin jedha; anattuu isin ajaje hin sodaatina'a! Jabaadha'a» jedhee ajaje. 29 Maarre tajaajiltooti Abiishaalomii akkuma inni isaan ajaje Amnoon ijjeesane; achiin duuba ilmaan mootichaa marti gaangolee ifii irra teettee baqatte.
30 Isaan karaa irra adoo jiranuu, Daawiti, «Abiishaalom ilmaan mootichaa mara fixe; nami tokkolle hin hanne» oduu jettu dhage'e. 31 Mootichi Daawiti ka'ee dhaabbate; gaddee woyaa ifii tarsaasee jige; tajaajiltooti isaalle martinuu gaddanee woyaa ifii tarsaasanee isa bira dhaabbatane. 32 Obboleessi Daawitii ilmi Shime'aa Yonaadaab ammoo Daawitiin, «Goottaa kiyya, ‹Ilmaan tiyya mara ijjeesaneeran› jettee hin yaadin; haga Amnoon obboleettii Abiishaalomii Taamaar gurra balleesseen jalqabee Abiishaalom kutatee waan ka'eef, nami du'e Amnoon calla'a. 33 Nami du'e Amnoon callaa waan te'eef, goottaan kiyya oduu, ‹Ilmaan mootichaa mara ijjeesaneeran› jedhanee odeessane hin addatin» jedhe.
34 Yennuma san Abiishaalomille baqate.
Nami qachaa eegu tokko ol yoo ilaalu namooti bacaan karaa gara aduun seentuun cinaa gaaraatii gad bu'anuun dhaggee, «Karaa Horonaayimiitiin namooti bacaan cinaa gaaraatii gad bu'iisatti jiran» jedhee mootichatti hime. 35 Yonaadaab mooticha Daawitiin, «Akkuma ani tajaajilaan keeti jedhe kunoo, ilmaan keeti dhufaneeran» jedhe. 36 Adoo inni dubbatee, hin fixin ilmaan mootichaa wiiccifataa bowaa dhufane; mootichii fi tajaajiltooti isaa marti guddoo wiiccifatanee bowane. 37 Abiishaalom baqatee gara Talmaayii ilma Amiihudii mootii biyya Geshuurii deeme; Daawiti ammoo ilma ifii ka du'e saniif yennaa mara bowa. 38 Abiishaalom baqatee gara biyya Geshuurii dhaqeen duuba, woggaa sad achi tee'e. 39 Mootichi Daawiti gadda ilma ifii ka Amnoonii irraa jajjabaateen duuba, Abiishaalom dharra'e.