14
Abiishaalom Gara Yerusaalemii Deebi'e
Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab akka mootichi Daawiti Abiishaalom dharra'eeru beeke. Maarre Yo'aab gara qachaa Teqo'aa nama ergee, dubartittii qaroo takka akka fidanu godhee, isi'iin, «Akka nama gadda irra jiruu woyaa gaddaa uffadhu; waan tokkolle hin iffatin; akka dubartii yennaa bacaa nama du'eef gadditeertu fakkaadhu. Achiin duuba gara mootichaa dhaqiitii, dubbii ani sitti himu tana isatti dubbadhu» jedhee waan isiin dubbattu isi'itti hime.
Dubartiin qachaa Teqo'aa sunille gara mootichaa dhaxxee, ulfinna isaatiif lafatti gad gombifantee, «Ee mooticha, maganne'e na gargaar» jette.
Mootichille, «Maan rakkatte?» jedhee isii gaafate.
Isiille, «Ani dhugumaan haadha hiyyeessaa ka abbaan manaa irraa du'e. Ani tajaajiltuun teeti ilmaan dhiiraa lama qabaayyu; isaan lamaanuu diida keessatti wol lolanee nami isaan wol irraa dhooggu waan hin jirreef, tokkochi kaan dhowee ijjeese. Kunoo amma firri duudiin ana tajaajiltuu teeti irratti ka'ee, ‹Ilma keeti ka obboleessa ifii ijjeese san ijjeennee haluu akka baanuuf nutti dabarsii kenni; achiin duuba atille dhaala malee hatta› naan jedhan; isaan ilma kiyya ka anaaf hafe tokkocha ka akka qaanqee ibiddaa san na jalaa balleessanee, maqaa yookiin sanyii abbaa manaa kiyyaa lafa irraa hin balleessan» jette.
Mootichille isi'iin, «Ani marroo haajaa keetii ajaja hin baasa, ati gara mana keetii deemi!» jedhe. Dubartiin qachaa Teqo'aa sun ammoo mootichaan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, marroo dubbii tanaatiif, anii fi maatiin tiyya itti gaafatannuu ti; atii fi mootummaan teeti itti hin gaafatantanu» jette.
10 Mootichille isi'iin, «Eennulle waan tokko yoo sitti dubbate, gara kiyya isa fidi; inni deebi'ee si hin rakkisu» jedhe.
11 Isiille, «Worri haluu bawu ilma kiyya ka hafe ijjeesanee badii badii caalte akka hin hunye, mooticha maganne'e, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin naaf kakadhu» jette.
Mootichi deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, mataa mucaa keetii irraa rifeensi tokkolle lafa hin bu'u» jedheen.
12 Achiin duuba dubartittiin, «Ani tajaajiltuun teeti dubbii tokko si mooticha goottaa kiyyatti dubbadha» jette.
Innille deebisee, «Dubbadhu!» jedhe.
13 Dubartittiille, «Ati ilmi keeti addee baqatee akka deebi'u waan hin godhiniif, ifi irratti muraa kennitee motii ree? Waan akkasii kolbaa Waaqaa irratti maaf yaadatte? 14 Akkuma bisaan dhangala'ee deebi'ee hin woraabbanne, nuuti martinuu hin duuna; Mootiin Waan Maraa nami baqatee biyyaa baye, akka isa irraa hin fagaanne karaa inni deebi'u qopheessa malee lubbuu isaa hin balleessu. 15 Ani amma kolbaan waan na sodaachitteef tana goottaa kiyya mootichatti himiisaaf dhufeera; ani tajaajiltuun teeti, ‹Waan ani mootichatti dubbadhu inni naaf hin muummessa fa te'a; 16 harka worra anaa fi mucaa kiyya dhaala Waaqi nu'uuf kenne irraa nu kaasuu barbaaduu jalaa hin baasa fa te'a› jedhee waan yaadadheef, haajaa kiyya sitti himadheera. 17 Ani tajaajiltuun teeti ammalle, ‹Goottaan kiyya mootichi hama'aa fi dansaa gargar baasiisaan, akka ergamaa Waaqaa waan te'eef, dubbiin goottaa kiyyaa na jajjabeessituu ti› jedhee hin addadha. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jiraatuu ti» jette.
18 Achiin duuba mootichi dubartitti'iin, «Waan ani si gaafadhu, atille deebii na hin dhossin» jedhe.
Isiille deebittee, «Goottaa kiyya mooticha, waan feete na gaafadhu!» jette.
19 Mootichille, «Tana mara akka ati dubbattu Yo'aabitti sitti himee?» jedhee isii gaafate.
Dubartittiille deebittee, «Dhugaa lubbuu teeti goottaa kiyya mootichaatiin kakadha, waan ati dubbatte irraa nami gara bita'aa yookiin gara middaa deebi'u hin jiru; eeti'i, tana akka ani godhu, dubbii tana maralle ana tajaajiltuu teetitti nami hime, tajaajilaa keeti Yo'aab. 20 Tajaajilaan keeti Yo'aab haajaa jiru mara jijjiiriisaaf tana godhe; goottaa kiyyaa, ati ammoo qarummaa akka ergamaa Waaqaa waan qadduuf, waan lafa irratti te'u mara hin beetta» jette.
21 Mootichille Yo'aabiin, «Guddoo dansa'a! Ani waan ati jette hin godha; dhaqiitii Abiishaalomii dargaggeessicha san fidi» jedhe.
22 Yo'aab ulfinna mootichaatiif lafatti gad gombifamee, mooticha eebbise; Yo'aab ammalle, «Goottaa kiyya, ati kadhaa tajaajilaa keetii waan dhageetteef, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama akka dhaggadhe adha beeke» jedhe. 23 Achiin duuba Yo'aab gara biyya Geshuurii dhaqee, Abiishaalom deebisee gara Yerusaalemii fide. 24 Mootichi ammoo, «Inni gara mana ifii dhaquutii malee ani ila tiyyaan isa hin dhaggin» jedhe; maarre Abiishaalom gara mana ifii deeme malee ila mootichaa hin dhaggine.
Abiishaalom Abbaa Ifii Daawiti Araarfate
25 Israa'eloota mara keessatti nami akka Abiishaalomii miidhagu hin jiruuyyu; rifeensa mata'aatii haga faana miilaa komii hin qabu. 26 Rifeensi mataa isaa yennaa isatti ulfaate wogga'atti yennaa tokko quxataayyu; rifeensi mataa isaa ka quxame yennaa madaalamu gara kiiloogiraama lamaa ol te'a. 27 Abiishaalom ilmaan sadii fi intala durra takka ta, «Taamaar» jedhantu uumate; isiin intala guddoo miidhaddu.
28 Abiishaalom ila mootichaa adoo hin dhaggin, woggaa lama Yerusaalem keessa le'e. 29 Achiin duuba Abiishaalom gara mootichaa isa ergatiisaaf, nama itti ergee Yo'aab waansise; Yo'aab ammoo gara isaa dhufiisa didate; maarre Abiishaalom ammalle nama itti erge; Yo'aab ammalle dhufiisa didate. 30 Achiin duuba Abiishaalom tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, fichaan Yo'aabii fichaa kiyyatti aanee jira; inni fichaa ifii keessaa garbuu waan qabuuf dhaqa'aatii ibidda itti naqa'a» jedhe; maarre tajaajiltooti Abiishaalomii fichaa Yo'aabiititti ibidda naqane.
31 Achiin duuba Yo'aab gara mana Abiishaalomii dhaqee, «Tajaajiltooti teeti fichaa kiyyatti maaf ibidda naqane?» jedhee gaafate.
32 Abiishaalom Yo'aabiin, «Kunoo, ani akka ati mooticha bira naaf dhaxxee, ‹Ani Geshuurii maaf dhufe? Haga ammaa adoo achuma jiraadhee naaf woyya jedheera› jettee akka isatti hintuuf nama sitti ergadhe; ani amma ila mootichaa dhagguu barbaada; yakkaa yoo qabaadhe inni na ijjeesuu ti!» jedhe.
33 Maarre Yo'aab gara mootichaa dhaqee tanuma isatti hime; achiin duuba mootichi Abiishaalom waansise; innille dhufee mooticha duratti lafatti gad gombifame; mootichille Abiishaalom sunqate.