15
Abiishaalom Finqiliisaaf Mala Dhowate
1 Kanaan duuba Abiishaalom garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo, namoota shantama isaan dura fiiganu qopheeffate. 2 Abiishaalom ganama ka'ee karaa gara seensuma karra qacha'aa geessu cinaa dhaabbataayyu; eennulle nami haajaa qabu haajaa ifiitiif muraa dhaggatiisaaf gara mootichaa yennaa dhufu mara, Abiishaalom nama san waamee, «Ati qachaa kamii dhutte?» jedhee gaafata; nami sunille, «Ani tajaajilaan keeti gosa Israa'elii tokko keessaa dhufe» jedhee deebisa. 3 Achiin duuba Abiishaalom nama saniin, «Ilaa, haajaan keeti dhuga'a; sirri'ille'e, te'uu malee nami bakka bu'aa mootichaa te'ee haajaa keeti si'iif ilaalu hin jiru» jedha. 4 Abiishaalom itti dabalee, «Ani biyya irratti abbaa mura'aa adoo te'ee jiraadhee, nami haajaa qabu marti gara kiyya yennaa dhufe, ani muraa haqaa hin kennaayyu» jedha 5 Nami isa bira geyee yennaa isaaf gad lafatti gombifamu, Abiishalom harka ifii diriirsee qabee, hin sunqataayyu. 6 Abiishaalom Israa'eloota muraa haqaa dhaggatiisaaf gara mootichaa dhufanu maraaf tana godhee, Israa'eloota mara gara ifii deebifate.
7 Woggaa afuriin duuba Abiishaalom mootichaan, «Waadaa Mootii Waan Maraatiif gale geessiisaaf gara qachaa Kebroonii akka dhaqu naaf eeyyam! 8 Ani tajaajilaan keeti biyya Sooriya'aa qachaa Geshuurii keessa yennaa jiru, ‹Mootiin Waan Maraa gara Yerusaalemii yoo na deebise, ani Kebroonitti isaaf hin sagada› jedhee waadaa galeera» jedhe.
9 Mootichille isaan, «Nageyaan dhaqi» jedhe; maarre Abiishaalom gara qachaa Kebroonii dhaqe. 10 Achiin duuba Abiishaalom, «Isin qoonqoo tultulla'aa akkuma dhageettaneen, ‹Abiishaalom qachaa Kebrooniititti mootii te'eera› jedha'a!» jedhee ergantoota dhossa'aa gara gosa Israa'elii mara erge. 11 Yerusaalem keessaa namooti dhibbi lama Abiishaalom woliin deemane; isaan akka keessummumma'aatitti waamamanee, qajeelumma'aan deemane malee marroo haajaa tanaa waan tokkolle hin beekanuuyyu. 12 Abiishaalom ciincaa dhikeessiisatti adoo jiruu, Ahiitofel nami biyya Giloo ka Daawitiif gorsa kennutti gara isaa akka dhufuuf nama isatti erge; maarre malli Abiishaalom dhowe jabaatee, namooti isa gula deemanu ittuma bacatane.
Daawiti Yerusaalem Keessaa Baqate
13 Ergamaan tokko dhufee, «Israa'elooti marti gara Abiishaalomii deebi'aneeran» jedhee Daawititti hime.
14 Achiin duuba Daawiti bulchitoota ifii ta isa woliin Yerusaalem keessa jiranu maraan, «Nami tokkolle Abiishaalom jalaa bawuu waan hin dandeenneef, kowa'a hin baqanna! Ammumaa asii bawuu qanna; inni ariifatee dhufe yoo nu qabe, nu hin balleessa; namoota qachaa keessa jiranulle shallaaga'aan hin fixa» jedhe.
15 Bulchitooti mootichaalle deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti waan ati goottaan keenna filatte mara godhiisaaf qophoonneerra» jedhane 16 Mootichi Daawiti mana mootumma'aa akka eeganuuf gursumeeyyii kudhan lakkisee, maatii ifii maraa fudhatee baqate.
17 Maarre mootichi namoota isa woliin jiranu mara woliin bayee deeme; haga diqqoo fagaatanee deemaneen duuba, mana dhuma irra jiru tokko bira dhaabbatane. 18 Qondaaltoti isaa martinuu, Keretootii fi Pheletooti, worri qachaa Gaatii keessaa isa gula dhufanelle, namooti dhibbi jaa hiriiranee mootichaan dura dabarane. 19 Mootichi Daawiti nama biyya Gaatii Iitaayiin, «Ati maaf nu woliin deenta? Ati nama ormaa ka biyya keetii ari'antee dhutte; Deebi'iitii Abiishaalomii mooticha woliin turi! 20 Ati kalee dhutte; ani ifiifuu eessa akka deemaa jiru hin beeku; attamiin akka ati nu woliin joonjitu godha ree? Namoota keeti ta si gula jiranu woliinuu deebi'i; jaalalli bara baraatii fi addatamummaan si woliin jiraatanu» jedhe.
21 Iitaayi ammoo deebisee mootichaan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Lubbuu teetiin kakadha! Du'aa fi jiruulle'een addee maratti waan goottaan kiyya te'u mara, ani tajaajilaan keetille hin te'a» jedhe.
22 Daawitille Iitaayiin, «Dansa'a! Naan dura deem» jedhe; maarre Iitaayi nami biyya Gaatii, namoota ifii maraa fi maatii ifii ta isa woliin jiranu woliin deeme. 23 Kolbaan marti yennaa dabaranu, namooti biyya sanii marti iyyanee bowane; mootichille dhooqa Qedroonii gamatti bu'ee baye; kolbaan marti gama buutee baatee goomolee keessa deente.
24 Hayyichi Zaadoq, Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ataneeranu mara woliin achi jiraayyu; isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa lafa keyane; hayyichi Abiyaataar kolbaan marti qachaa keessaa haga baatu ciincaa dhikeesse. 25 Achiin duuba mootichi, hayyicha Zaadoqiin, «Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qacha'aa deebisi; ani Mootii Waan Maraa duratti fudhatama yoo qabadhe, inni na deebisee Saanduqa Gondooro'ootii fi addee leetoo ifii san ammalle akka ani dhaggu hin godha. 26 Garuu inni, ‹Ani sitti hin gammanne› yoo jedhe, waan fedhe na irratti godhuu ti; anille fudhatiisaaf qophoweera» jedhe. 27 Mootichi ammalle hayyicha Zaadoqiin, «Ati nama akka malee woy dooyuu motii? Ati ilma keeti Ahimaazii fi ilma Abiyaataarii Yonaataan woliin gara qacha'aa nageyaan deebi'i. Atii fi Abiyaataar ilmaan teessan lamaan san fudhadha'aatii deema'a. 28 Ani oduu haga si irraa dhage'utti malkaa laga goomolee keessa jiruu bira tura» jedhe. 29 Maarre Zaadoqii fi Abiyaataar Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fuudhanee gara Yerusaalemii deebi'anee achuma turane.
30 Daawiti ammoo mataa hagooggatee bowaa miila duwwaa gara gaara ejersaa ol baye; kolbaan isa woliin jirtulle martinuu mataa hagooggattee bowaa ol baate. 31 Achiin duuba, «Ahiitofel worra Abiishaalom woliin mala dhowe keessa jira» jedhanee Daawititti himane; maarre Daawiti, «Ee, Mootii Waan Maraa mala Ahiitofel dhowe san bu'aa akka hin qabaanne godhi» jedhee daadimate.
32 Daawiti qaccee kooba namooti Waaqa waaqonsanuu yennaa geye, Hushaayi nami biyya Arkii woyaa ifii ta gaddaa tarsaasee, bukuu mataa ifii irratti firfirsee isa fudhatiisaaf dhufe. 33 Daawiti isaan, «Ati na woliin yoo deente ba'aa natti teeta; 34 garuu gara qacha'aa deebitee Abiishaalomiin, ‹Ee mooticha, ani tajaajilaa keeti si'iif hin te'a; ani kanaan qara tajaajilaa abbaa keetii te'eeraayyu; amma ammoo si hin tajaajila› yoo jette, mala Ahiitofel dhowe akka bu'aa hin qabaanne godhiisaan na hin gargaarta. 35 Hayyooti Zaadoqii fi Abiyaataar si woliin achi waan jiranuuf ati waan mana mootumma'aa keessatti dhageette mara isaanitti himi. 36 Ilmi Zaadoqii Ahimaazii fi ilmi Abiyaataarii Yonaataan lamaanuu isaan woliin achi jiran; waan dhageette mara karaa isaaniitiin natti ergi» jedhe.
37 Maarre Hushaayi jaalli Daawitii yennuma Abiishaalom qachaa Yerusaalemii seene, innille achi geye.