16
Daawitii Fi Ziibaa
1 Daawiti qaccee gaaraa irra haga diqqoo yennaa deeme, Ziibaan tajaajilaan Mefii-Bosheetii daabboo dhibba lama, xaltaa midhaan woyni'ii dhibba tokko, xaltaa midhaan harru'uu dhibba tokko fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko harreelee lamatti fe'ee, isa fudhatiisaaf dhufe. 2 Mootichi Daawiti, «Kana mara maaf fidde?» jedhee Ziibaa gaafate.
Ziibaan deebisee, «Harreelee, maatiin mootichaa akka irra teettuuf, daabboo, midhaan harru'uutii fi woyni'ii dargaggooti akka nyaatanuuf, daadhii woyni'ii worri goomolee keessatti dadhabe akka unanuuf fide» jedhe.
3 Achiin duuba Mootichi, «Akaakoon*Akaakoo: Akaakoon kun ilma ilma isaa ti. goottaa keetii eessa jira?» jedhee gaafate.
Ziibaan deebisee, «Inni, ‹Kolbaan Israa'elii mootummaa akaakoo kiyyaa adha deebisanee naaf hin kennan› jedhee waan hedeef, Yerusaalem keessatti hafeera» jedhe.
4 Achiin duuba mootichi Ziiba'aan, «Kunoo, wonni Mefii-Bosheet qabu marti keeti» jedhe.
Ziibaan ulfinna mootichaatiif gad gombifamee, «Ee goottaa kiyya mooticha, ulfaadhu! Anummaan si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jedhe.
Shime'i Daawiti Abaare
5 Mootichi Daawiti qachaa Bahuriimii yennaa geye, sanyii Saa'olii keessaa ilmi Geraa Shime'i dhufe; inni Daawiti abaaraa gad baye. 6 Loltootii fi eeddoti mootichaa marti bita'aa fi midda Mooticha Daawitii jiraatanulle, inni Daawitii fi qondaaltota isaatitti dhakaa qolaanse. 7 Shime'i yennaa Daawiti abaaru, «Ati nama dhiigaa! Ati nama hama'a asii bayi; asii bayi! 8 Dhiiga ati mana Saa'olii keessatti dhangalaatte maraaf, ta ati addee isaatitti mootii teeteef, Mootiin Waan Maraa haluu si bayiisatti jira; Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti ilma keeti Abiishaalomitti dabarsee kenneera; ati nama dhiigaa waan teeteef, kunoo wonni hantuun sitti dhufiisatti jirti!» jedhe.
9 Achiin duuba ilmi Zeruyaa Abiishaayi mootichaan, «Sareen du'e kun attam goottaa kiyya mooticha abaara? Ani dhaqee mataa isaa isa irraa kuta» jedhe.
10 Mootichi ammoo, «Isin ilmaan Zeruyaan deette, maanti dubbii tiyya keessa isin galche? Mootiin Waan Maraa namichaan, ‹Daawiti abaar› jedheen yoo abaaraa jiraate, ‹Ati maaf tana goota?› jedhee eentu isa gaafatiisa dande'a?» jedhe. 11 Achiin duuba Daawiti Abiishaayii fi qondaaltota isaa maraan, «Ilmi kiyya ka ani uumadhe na ijjeesiisaaf eega barbaade, Beniyaamichi kun attam irra caalaa na ijjeesiisaaf hin barbaadin ree? Maarre Mootiin Waan Maraa isatti waan dubbateef abaaruu ti lakkisa'a! 12 Mootiin Waan Maraa rakkinna kiyya dhaggee addee abaaramiisa kiyyaa adha waan dansaa naaf godha fa te'a» jedhe.
13 Maarre Daawitii fi namooti isaa karaa ifii ideemane; Shime'i dhakaa itti qolaansaa, bukuu itti bittinneessaa, isa abaaraa kooba cinaa isaa irra ideemaayyu. 14 Mootichii fi namooti isa woliin jiranu marti addee dhaqiisaaf hedane geyanee, guddoo waan dadhabaneef achitti foorfatane.
Gorsa Ahiitofeliitii Fi Hushaayii
15 Yennuma san Abiishaalomii fi namooti Israa'elii marti gara Yerusaalemii dhufane; Ahiitofeliille isa woliin jiraayyu. 16 Achiin duuba jaalli Daawitii Hushaayiin Arkaa'ichi gara Abiishaalomii dhaqee, «Ee, mooti'i bara dheeraa le'i! Ee, mooti'i bara dheeraa le'i!» jedhe. 17 Abiishaalomille, Hushaayiin, «Addatamummaan ati jaala keetiif qaddu haguma kanaa? Ati maaf jaala keeti woliin hin deemin?» jedhee gaafate. 18 Hushaayiille Abiishaalomiin, «Lakkii! Ani nama Mootiin Waan Maraa, kolbaan tunii fi namooti Israa'elii marti filatanee ka isaa hin te'a; isa wolille'een hin le'a; 19 ani eega ilma goottaa kiyyaa hin tajaajilin eennu tajaajila? Akkuma abbaa keeti tajaajile sille hin tajaajila» jedhe.
20 Achiin duuba Abiishaalom Ahiitofeliin, «Me, nutti gorsi; maan godhuu qanna?» jedhe. 21 Ahiitofel Abiishaalomiin, «Gara gursumeeyyii abbaa keetii ka inni mana mootumma'aa akka eeganuuf asitti lakkisee dhaqiitii isaan woliin rafi; achiin duuba Israa'elooti marti akka ati abbaa keeti jibbite hin dhageetti; worri si woliin jirulle hunnaameyyii hin te'an» jedhee gorse. 22 Maarre heellichoo manaa gubba'atti Abiishaalomiif dunkaanii dhaabanee, inni achitti Israa'eloota mara duratti gursumeeyyii abbaa ifii woliin rafe.
23 Bara san gorsi Abiishaalom kennu marti akka nama jecha Waaqaa gaafatee fakkaata; akka kanaan Daawitii fi Abiishaalom gorsa Ahiitofelii fudhataniiyyu.