4
Pheexroos Fi Yohaannis Kora Mura'aa Dura Dhikaatane
1 Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqaatii fi Saduqooti itti dhufane. 2 Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte. 3 Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane. 4 Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate.
5 Boruyyaa sooressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane. 6 Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaaffaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran. 7 Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhaabbachiisanee, «Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?» jedhanee gaafatane. 8 Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, «Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen, 9 marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii? 10 Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase. 11 Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e.
12 Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.
13 Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale. 14 Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane. 15 Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee, 16 «Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu. 17 Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa» jedhane.
18 Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane. 19 Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, «Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a. 20 Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu» jedhane. 21 Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne. 22 Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala.
Dhugeeffattooti Akka Hin Sodaanne Daadimatte
23 Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. 24 Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i. 25 Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin,
«‹Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane?
Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte?
26 Moototi lafaa ifi qopheeffatanee,
bulchitootille wolitti qabamanee,
Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane› ka jette si'i.
27 «Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane.Mat. 27:1-2; Mar. 15:1; Luq. 23:1; 7:11; Yoh. 18:28-29 28 Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane. 29 Ammalle Gootta'a, sodaachisaa*Sodaachisaa: Roorroo isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. 30 Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.
31 Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.
32 Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu. 33 Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu. 34 Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee, 35 ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu. 36 Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti «Baarnaabaas» jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun «Ka nama jajjabeessu» jechu'u; 37 inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne.