3
Namichi Naafi Tokko Fayye
1 Gaafa tokko Pheexroosii fi Yohaannis yennaa daadimataa saafowa saatii sagalitti, gara Galma Waaqaa deemane. 2 Achi «Karra miidhadduu» jedhantu dura, namichi haga dhalatee jalqabee naafa te'e tokko jiraayyu; inni worra Galma keessa seenanu irraa akka beesee kadhatuuf guyyaa mara ba'atanee balbala dura isa keyan. 3 Inni Pheexroosii fi Yohaannis gara keessaa seenaaranuun yennaa dhagge, akka woy isaa kennanuuf kadhate. 4 Pheexroosii fi Yohaannis isa hubatanee ilaalanee, Pheexroos «Ol jedhii nu ilaal» jedheen. 5 Maarre inni isaan irraa waan wo dhaggatu seyee, hubatee isaan ilaale. 6 Pheexroos ammoo, «Ani beesee*Beesee: Meeti'ii fi worqii hin qabu; waan qabu ammoo si'iif hin kenna; maqaa Yesuus Kiristoosii Naaziretiitiin ka'ii ideemi» jedhe. 7 Achiin duuba inni harka middicha isaa qabee ol kaase; yoosuma miilaa fi gulubiin†Gulubiin: Komettuun isaa jabaatte. 8 Inni ol utaalee miilaa ifiitiin dhaabbatee, ideemiisa jalqabe; Galma Waaqaa keessa isaan woliin seenee, asii fi achi deemaa u'utaalaa Waaqa leellifate. 9 Nami duudiin inni ideemaa Waaqa leellifatuun dhaggane. 10 Isaan inni kadhaticha karra «Miidhadduu» jedhantu dura tee'ee kadhatu kaan akka te'e yennaa beekane, waan namicha irratti te'e kanatti maalalanee baaseffatane.
Waan Pheexroos Galma Waaqaa Keessatti Dubbate
11 Yennaa namichi fayye sun Pheexroosii fi Yohaannis biraa hafuu dide, gumiin duudiin jajjee gara addee «Soroo‡Soroo: Barandaa manaa, gimoo, sissaabii, gaaddisa jala deddeebi'anu Solomoonii» jedhantuu rukkitte. 12 Pheexroos gumii wolitti qabante san dhaggee, «Worra Israa'elii maaf waan kana baaseffattan? Maaf nu hubattanee ilaaltan? Nuuti hunna teennaan yookiin hujii teenna dansa'aan nami kun akka ideemu waan goone seetanii?» isaaniin jedhe. 13 Waaqi abbootii teennaa, ka Abrahaamii, ka Yisihaqiitii fi ka Yaaqoobii, ilma ifii Yesuus ulfeesseera. Isin ammoo harka Philaaxoosiititti dabarsitanee kennitane; Philaaxoos isa lakkisiisaaf barbaadulle, isin isa diddane. 14 Isin ammoo Yesuusii Woyyichaa fi balchichaa diddanee, ka nama ijjeese akka hiikamuuf gaafattane. 15 Isin ka jiruu kennu ijjeettane; Waaqi ammoo du'aa isa kaase. Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota. 16 Namicha naafa te'e kanaaf hunna jabeennaa ka kenne hunna maqaa Yesuusii ti. Wonni isin dhaggitanuu fi beettanu maqaa Yesuusiititti dhugeeffatiisaan teete; akkuma isin duudiin dhaggitanu wonni isa fayyise, dhugeeffannaa inni Yesuusitti qabu.
17 «Ammalle obboleeyyan tiyya, waan Yesuus irratti gootane, isinille akkuma bulchitoota teessanii wollaalchaan akka gootane hin beeka. 18 Waaqi bara heddu'uun dura Masiihiin akka rakkattu afaan raagota maraatiin ka dubbate, karaa kanaan akka muummottu godheera. 19 Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi'aatii, gara Waaqaa dacha'a'a. 20 Waaqa irralle'ee barri isin itti haareffantanu hin dhufa; Waaqi masiihii dursee isiniif file Yesuus isiniif hin erga. 21 Inni haga yennaan waan duuchi'ii hareffamiisaa geettutti, akkuma Waaqi karaa raagota woyyootaatiin woggaa heddu'uun dura lallabe ol-gubba'atti turuu qaba. 22 Muuseen, ‹Goottaan Waaqi keessan akkuma amma na kaase, kolbaa teessan keessaa raagaa tokko isiniif hin kaasa; waan inni isinitti himu mara dhage'a'a. 23 Nami raagicha san dhage'uu didu duudiin, kolbaa Waaqaa irraa adda bayee hin bada› jedheera. 24 Raagoti Saamu'eliin jalqabanee ka'anee fi dubbatane duudiinuu, waan bara kanaa dubbataneeran. 25 Isin sanyii raagotaati; akkasuma gondooroo Waaqi abbaa keessan Abrahaamiin, ‹Ani karaa sanyii teetiitiin kolbaa lafaa duudii hin eebbisa› jedhee gondoore worra dhaalu. 26 Tanaaf Waaqi karaa hamaa keessan irraa deebisee isin eebbisu'uuf, tajaajilaa ifii Yesuus filee dursee isiniif erge» jedhe.