2
Bu'iisa Ayyaana Woyyicha
Jilti guyyaa shantameesso'oo ta «Phenxeqosxee» jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu. Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte. Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e. Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeessisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu. Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane. Isaan baaseffataa maadeffataa, «Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii? Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna? Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa, 10 Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne, 11 worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane. 12 Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, «Wonni kun maan jechu'u?» jedhaa wol gagaafatane.
13 Worri dhibiin ammoo, «Kolbaan tun daadhii woyni'ii untee machootteerti!» jedhaa itti murge.
Dubbii Pheexroos Dubbate
14 Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a. 15 Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu. 16 Tun ammoo afaan raagicha Yo'eliitiin,
17 «‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi:
nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa.
Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan;
dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti,
Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
18 Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane*Garboota dhugeeffatane: Tajaajiltoota tiyya
ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu,
Ayyaana kiyya hin buusa;
isaanille raaga hin dubbatan.
19 Ani ol-gubba'atti baasa,
gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa;
Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
20 Guyyaan Gootta'aa guddichii fi
ulfaataan adoo hin dhufin dura,
aduun hin dukkanti;
jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.
21 Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya› jedhe.
22 «Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti. 23 Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.Mat. 27:35; Mar. 15:24; Luq. 23:33; Yoh. 19:18 24 Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.Mat. 28:5-6; Mar. 16:6; Luq. 24:5 25 Daawiti marroo isaatiif,
«‹Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga;
Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.
26 Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera;
arrabi kiyyalle gammadaan guutameera.
Akkasuma nafi kiyya du'aan
addi'iin jiraata.
27 Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu;
ati garbicha addatamaa keeti,
addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.
28 Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta;
Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha.
29 «Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira. 30 Daawiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekeera. 31 Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera. 32 Waaqi Yesuusii kana du'aa kaaseera; nuuti duudiille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota. 33 Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa. 34-35 Daawiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu,
«‹Goottaan Goottaa kiyyaan,
haga ani diinota keeti ijjata miila keeti jala godhutti,
asi maddii midda kiyyaatitti tee'i› jedhee dubbateera.
36 «Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!» jedhe.
37 Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette. 38 Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan. 39 Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef» jedhee deebise.
40 Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, «Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a» jedhe gorse. 41 Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. 42 Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
Jireenna Dhugeeffattootaa
43 Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane. 44 Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.HuE. 4:32-35 45 Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. 46 Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa, 47 Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.

*2:18 Garboota dhugeeffatane: Tajaajiltoota tiyya

2:23 Mat. 27:35; Mar. 15:24; Luq. 23:33; Yoh. 19:18

2:24 Mat. 28:5-6; Mar. 16:6; Luq. 24:5

2:44 HuE. 4:32-35