Hujii Ergantootaa
Seensa
Kitaab Hujii Ergantootaa Wongeela Luqaasiititti ka aaneeru; yaad guddaan kitaaba kanaa, hordofattooti Yesuusii ta qaraa Ayyaana Woyyichaan sooreffamanee Oduu Gammadaa ta waan isaa dubbatu «Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'atti, haga muummee lafaalle» (1:8) attam akka badhisane ka himu. Kitaab kun dhugeeffannaan Kiristaanaa odduu worra Yihudootaatitti jalqabantee, kolbaan biyya lafaa ta dhugeeffatte haga teetutti attam akka badhatte dabarsii hintu. Barreessaan kitaaba kanaa, Kiristaanoti mootummaa mootii mootota Rooma'aatiin bultu qoxxisiisaaf keessa keessa roorrisaa akka hin jirree fi dhugeeffannaan kiristaanaa, dhugeeffannaa worra Yihudootaa ta mijeessitu akka teete hubachiisiisaaf wodhaansa jabaa tolcheera.
Kitaab hujii Ergantootaa, ka marroo Oduu Gammadaa dubbatu, addee isiin dhaqqaddu yennuma yenna'aan badhataa akka deentee fi hundeeffamiisa wolde'a kiristaanaa ta mudhittu kutaa gugurdoo saditti qoodamuu dande'a:
1. Yesuus gara ol gubba'aa bayeen duuba, Yerusaalem keessatti marroo jalqabama dhugeeffannaa kiristaanaa.
2. Marroo dhugeeffannaan lafa Israa'elii duudii dhaqqabiisaa.
3. Biyyoota adaala abbaayaa Mediteraaniya'aa jirtu keessatti, biyya Rooma'aalle dabalatee, marroo babadhatiisa dhugeeffannaa kiristaanaa.
Hujii Ergantootaa keessatti wonni ifa te'ee mudhatu, hujii Ayyaana Woyyichaa yoo teetu, guyyaa Pheenxeqosxe'ee, kiristaana Yerusaalem keessa jiru irratti Ayyaanni Woyyichi hunnaan akka bu'e, akkasuma kitaabuma kana keessatti hujii tokko lama'aan barreeffanteen akkuma mudhate, Ayyaanni Woyyichi wolde'a kiristaanaatii fi sooreyyii wolde'a kiristaanaalle akka sooressee jajjabeesse hin dabalata. Ergaan kiristaanaa ta durii, lallaba adda addaa keessatti gabaabumatti dhikaatteerti. Hujiin kitaaba hujii ergantootaa keessatti galmeeffantelle, ergaan tun jiruu dhugeeffattootaatii fi tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessatti hunna qaddu mudhitti.
Haadhoo Dubbi'ii
Dhugaa bayiisaaf qophowiisa1:1-26
Waada'aa fi ajaja Yesuusii ka muummee irraa1:1-14
Ka addee Yihuda'aa bu'e1:15-26
Dhugaa baya Yerusaalem keessaa2:1—8:3
Dhugaa baya Yihuda'aa fi Samaariyaa keessaa8:4—12:25
Tajaajila ergamummaa Phawuloosii13:1—28:31
Deemiisa ergamumma'aa ka qaraa13:1—14:28
Yaa'ii Yerusaalem keessaa15:1-35
Deemiisa ergamumma'aa ka lammeesso'oo15:36—18:22
Deemiisa ergamumma'aa ka sadeesso'oo18:23—21:26
Hidhama Phawuloos Yerusaalem, Qiisaariya'aa fi Roomaa keessatti hidhame21:17—28:31
1
Ulfaataa Tewoofiloos!
Kitaaba kiyya ka kanaan duraa keessatti marroo waan Yesuus hujeetii fi barsiise duudii barreesseera. Wonni ani barreesselle gaafa Yesuus hujii ifii jalqabeen kaasee,Luq. 1:1-4 haga guyyaa gara ol gubba'aa bayeetitti waan huje; inni ergantoota filateef, ajaja ifii karaa Ayyaana Woyyichaatiin kenneen duuba gara ol gubba'aa baye. Yesuus du'a ifiitiin duuba akka jiraataa te'e, deddeebi'ee karaa hin mansiinneen mirkaneessaa haga guyyaa afurtamaa isaanitti mudhatee, marroo Mootummaa Waaqaalle isaanitti dubbate. Inni isaan woliin adoo jiruu, «Addii Abbaan kiyya isiniif kenne, ta ani isinitti hime san eegadha'a malee, Yerusaalemii hin bayina'a» jedhee isaan ajajaje.Luq. 24:29 Ede'eelle Yesuus, «Yohaannis bisaaniin isin cuuphe; guyyaa diqqa'aan duuba ammoo Ayyaana Woyyichaan cuuphantan» jedhe.Mat. 3:11; Mar. 1:8; Luq. 3:16; Yoh. 1:33
Yesuus Gara Ol-gubba'aa Fudhatame
Yennaa wolitti qabamane ergantooti Yesuusiin, «Gootta'a, ati ammaa tana Israa'eliif Mootummaa deebittee kennaartaa?» jettee gaafatte.
Yesuus isaaniin, «Yenna'aa fi bara Abbaan kiyya baallii ifiitiin murteesse beekuu hin dandeettanu; ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.Mat. 28:19; Mar. 16:15; Luq. 24:47-48 Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubba'aa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.Mar. 16:19; Luq. 24:50-51
10 Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, 11 «Isin namoota Galiila'aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba'aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba'aa fudhatame kun, gara ol-gubba'aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi'ee hin dhufa» jedhane.
Nama Addee Yihuda'aa Filame
12 Achiin duuba ergantooti gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemii deebi'ane; gaarri Ejersaa Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira tokko*Kiiloo meetira tokko: Deensa guyyaa Sanbataa fagaata. 13 Isaan qachaa guddicha seenanee, gara kolloo mana mana gubba'aa ol bayane. Isaanille Pheexroos, Yohaannis, Yaaqoob, Indiryaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewoos, Maatewoos, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Simoonii hinaattichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoobii fa'a.Mat. 10:2-4; Mar. 3:16-19; Luq. 6:14-16 14 Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
15 Guyyaa diqqa'aan duuba, Pheexroos woli geyii dhugeeffattoota gara dhibbaa fi diddamaa geettu tokko keessa dhaabbatee, 16 «Obboleeyyan tiyya, Barreeffama woyyicha keessatti, marroo Yihudaa worra Yesuus qabeef sooressaa te'ee, dubbiin Ayyaanni Woyyichi afaan Daawitiitiin dubbateeru muummowuu qaddiiyyu. 17 Yihudaan qooda hujii teennaa nu woliin akka qabaatu waan filameeruuf, golii teenna te'eeraayyu. 18 Namichi kun beesee hujii hammeenna ifiitiin dhaggate saniin, fichaa bitate; inni mata'aan lafa dhowee nafi isaa dho'ee, meen gadha'aa jige.Mat. 27:3-8 19 Worri Yerusaalem keessa le'anu duudiin waan kana dhage'ane; maarre isaan lafa san afaan ifiitiin ‹Akeldaamaa› jedhane; akkas jechuulle ‹Lafa dhiigaa› jechu'u.
20 «Kitaaba Faaru'uu keessatti,
« ‹Manni isaa ona te'uu ti;
eennulle keessa hin le'in›, akkasuma,
‹Nami dhibiille sooressummaa isaa fudhatuu ti›
jedhantee barreeffanteerti.
21 Tanaaf yennaa Goottaan Yesuus odduu teennatti deddeebi'e duudi'itti nama nu woliin jiru keessaa, 22 akkasuma cuuphaa Yohaannisiitiin jalqabee, haga guyyaa Yesuus nu biraa ol fudhatameetitti, worra nu woliin jiru kana keessaa tokkochi, du'aa ka'a Yesuusiitiif, nu woliin nama dhugaa bawu te'uu barbaachisa» jedhe.
23 Maarre isaan nama lamaan Yoseef ka barsaabaas yookiin Yosxos jedhamee waamamuu fi Maatiyaas dhikeessane. 24-25 Achiin duuba isaan, «Gootta'a, ati yaada nama duudi'ii beetta; nama lamaan kana keessaa, addee Yihudaan lakkisee gara addee ifii deemetti, ergamaa te'ee akka tajaajiluuf ka filatte nu'utti mudhisi» jedhaa daadimatane. 26 Achiin duuba isaan namoota lamaan keessaa tokko filiisaaf hixaa yennaa buusane, hixaan Maatiyaas dhaqqabe. Maarre inni ergantoota kudhanii tokkotti dabalame.

1:1 Luq. 1:1-4

1:4 Luq. 24:29

1:5 Mat. 3:11; Mar. 1:8; Luq. 3:16; Yoh. 1:33

1:8 Mat. 28:19; Mar. 16:15; Luq. 24:47-48

1:9 Mar. 16:19; Luq. 24:50-51

*1:12 Kiiloo meetira tokko: Deensa guyyaa Sanbataa

1:13 Mat. 10:2-4; Mar. 3:16-19; Luq. 6:14-16

1:18 Mat. 27:3-8