21
Yesuus Barattoota Torbatti Mudhate
Kanaan duuba, Yesuus qarqara abbaayaa Xiberiyaasiititti ammalle barattoota ifiititti mudhate. Akki inni itti mudhatelle akkas: Simoon Pheexroos, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, Naataanaa'el nami qachaa Qaana'aa ka lafa Galiila'aa, ilmaan Zabdewoosiitii fi barattooti Yesuusii ta dhibiin lamaan woliin jiraniiyyu. Simoon Pheexroos, «Ani qurxummii guuriisa dhaqaara» isaaniin jedhe.
Isaanille, «Nuutille si woliin dhandhaa» jedhaneen. Maarre isaan gad bayanee hoboloo yaabane. Halkan san ammoo waan tokko hin qabanne. Yennaa aduun baatu, Yesuus qarqara bisaanii dhaabbate; barattooti ammoo akka Yesuus te'e hin beenne. Achiin duuba inni isaaniin, «Ijoolle! Qurxummii woyii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaan, «Waawwo'o» jedhanee deebisane.
Inni isaaniin, «Hobolo'oon gara middaatitti caccoo teessan buusa'a, hin guurattan» jedhe. Isaanille caccoo buusanee qurxummii hedduu waan qabaneef, harkisuu dadhabane.
Barataan Yesuus isa jaalate, Pheexroosiin, «Gootta'aa be!» jedhe. Pheexroos akka inni Goottaa te'e yennaa dhage'e, woyaa facaafatu ta ifi irraa baafateeru uffatee gara abbaaya'aa utaale. Barattooti kuun gara ciqilee dhibba lamaa callaa lafa irraa waan fagaataneeranuuf, caccoo qurxummiin guutte harkisaa, hoboloo keessa tee'anee, gara qarqara abbaaya'aa dhufane. Isaan yennaa qarqaratti bayane, daabbo'oo fi qurxummii kashila cile'ee irra jirtu achitti dhaggane. 10 Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Qurxummuma amma qabattane irraa fida'a» jedhe.
11 Simoon Pheexroos hoboloo yaabee, caccoo qurxummiin gugurdoon dhibbaa fi shantamii sadii keessa guutte, gara lafaa harkise; adoo qurxummiin haga kana heddattuu, caccoon hin tarsaane. 12 Yesuus isaaniin, «Kowa'aa diiranteeffadha'a!» jedhe. Isaan Goottaa te'uu isaa waan beekaneef, barattoota keessaa tokkolle, «Ati eennu?» jedhee gaafatiisaaf ka itti game hin jiru. 13 Maarre Yesuus dhufee, daabboo fuudhee, isaaniif kenne; qurxummiille akkasuma godhe.
14 Yesuus eega du'aa ka'e, barattootatti mudhatuun isaa tun yennaa sadeesso'oo ti.
Yesuusii Fi Pheexroos
15 Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii*Woraabbiin durii gariin «Yoonaa» jedhan, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe.
Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisiDheedisiisi: Kunuunsi» jedhe. 16 Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen.
Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen. 17 Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe.
Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen;
Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi. 18 Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen. 19 Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.
Yesuusii Fi Barataa Jaalatamaa
20 Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate. 21 Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate.
22 Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen.
23 Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. 24 Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.
25 Wonni Yesuus huje dhibiin heddu'utti jira. Marti isi'iituu tokko tokkoon adoo barreeffantee jiraattee, silaafuu biyyi lafaa duudiin kitaabota barreeffamanu kana dandeettee hin ba'attuuyyuu jedhee herrega.

*21:15 Woraabbiin durii gariin «Yoonaa» jedhan

21:15 Dheedisiisi: Kunuunsi