20
Yesuus Du'aa Ka'e
(Mat. 28:1-8; Mar. 16:1-8; Luq. 24:1-12)
Guyyaa dilbataa ganama, barii halkan, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa gara goda awwaalaa dhaxxee, dhakaan afaan goda awwaalaa irraa fuudhameeruun dhaggite. Isiin gara Simoon Pheexroosiitii fi barataa kaanii, ka Yesuus isa jaalatee, rukkittee dhaxxee, «Goottaa goda awwaalaa keessaa fuudhaneeran; isaan eessa akka isa keyaneeranu nuuti hin beennu» jettee isaanitti hinte.
Achiin duuba Pheexroosii fi barataan kuun gara goda awwaalaa dhaqane. Isaan lamaanuu woliin rukkisanee, barataan kuun ammoo Pheexroos caalaa ariifatee rukkisee, dursee goda awwaalaa bira geye. Inni gad jedhee woyaa qoolaa ta ittiin marante achitti dhagge malee, keessa hin seenne. Simoon Pheexroos isa duubaan dhufee, boolla awwaalaa keessa seenee, woyaa qoolaatii fi woyaa mataa Yesuusiititti maraneeranulle achitti dhagge. Woyaan mataa Yesuusiititti maraneeranu, woyaa qoolaa ta ittiin marane woliin adoo hin te'in qofuu marantee achi jirti. Achiin duuba barataan Pheexroos dursee goda awwaalaa bira geye kuunille, keessa seenee, dhaggee dhugeeffate. Isaan Barreeffama Woyyicha, «Inni du'aa ka'uu qaba» jedhu haga ammaa hin hubanne. 10 Achiin duuba barattooti lamaan sun gara manaa deebi'anee galane.
Yesuus, Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate
(Mat. 28:9-10; Mar. 16:9-11)
11 Maariyaam goda awwaalaatiin ala dhaabbattee bowiisatti jirtiiyyu. Adoo bowiisatti jirtuu, gad jettee goda awwaalaa keessa ilaaltee, 12 ergantooti Waaqaa lamaan uffana adii uffatanee, addee reeffi Yesuusii dur jiru, tokkochi gara mata'aatiin, kuun gara miilaatiin tee'aneeranuun dhaggite. 13 Isaan, «Dubartii tana, maaf bootta?» jedhanee isii gaafatane.
Isiin deebittee, «Goottaa kiyya fuudhaneeran; eessa akka isa keyaneeranu ani hin beeku!» jette.
14 Achiin duuba isiin garagaltee Yesuus achi dhaabbateeruun dhaggite; ammoo akka inni Yesuus te'e hin beenne. 15 Yesuus, «Dubartii tana, maaf bootta? Ati eennu barbaadda?» jedhee isii gaafate.
Isiin, nama oorruu eegu isa seetee, «Goottaa kiyya, ati yoo isa asii fuutee jiraatte, eessa akka isa keette natti himi, ani dhaqee isa fudhadhaa» jetteen.
16 Yesuus, «Maariyaam» isi'iin jedhe. Isiin gara isaa garagaltee afaan Ibrootaatiin, «Rabbunii» jetteen; akkas jechuun, «Barsiisaa» jechu'u.
17 Yesuus, «Ana hin qabin! Sababille ani haga ammaa gara Abba'aa ol hin baane. Ammoo gara obboleeyyan tiyyaa dhaqiitii, ‹Ani gara Abbaa kiyyaatii fi Abbaa keessanii, gara Waaqa kiyyaatii fi Waaqa keessanii ol bayaara› jedhiitii isaanitti himi!» jedhee isi'itti hime. 18 Maarre Maariyaamiin gara qachaa Magdala'aa dhaxxee akka Goottaa dhaggiteertuu fi waan inni isi'itti hime barattootatti hinte.
Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate
(Mat. 28:16-20; Mar. 16:14-18; Luq. 24:36-49)
19 Dilbata san galgala, barattooti Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, wolitti dacha'anee balbala cufataneeranuun, Yesuus dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» jedhe. 20 Tana jedheen duuba, cinaacha ifiitii fi harka ifii lamaan isaanitti mudhise. Barattooti Goottaa waan dhagganeef guddoo gammadane. 21 Yesuus ammalle, «Nageenni isiniif te'u. Akkuma Abbaan na erge, anille isin erga» isaaniin jedhe. 22 Achiin duuba inni hafuura isaanitti baafatee, «Ayyaana Woyyicha fudhadha'a! 23 Isin yoo cubbuu kolba'aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe.
Yesuusii Fi Toomaas
24 Barattoota kudhanii lamaan keessaa, Toomaas, «Lakkuu» ka jedhame, yennaa Yesuus dhufe isaan woliin hin jiru. 25 Maarre barattooti dhibiin, «Nuuti Goottaa dhaggineerra!» jedhanee itti himane.
Toomaas isaaniin, «Madaa misimaaraa harka isaa lamaaniituu dhaggee, quba kiyya yoo keye malee, madaa cinaacha isaa keessalle harka kiyya yoo keye malee, ani hin dhugeeffadhu» jedhe.
26 Torbaan tokkoon duuba ammalle barattooti isaa wolitti qabamanee mana keessa jiraniiyyu; Toomaasille isaan woliin jira. Balbalti cufanteertuun, Yesuus ammoo dhufee odduu isaanii dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u» jedhe. 27 Achiin duuba inni Toomaasiin, «Quba keeti as fidii irra keyii, harka kiyya lamaan ilaali; harka keetille diriirsiitii madaa cinaacha kiyyaa keessa keyi. Dhugeeffadhu malee, hin mamin!» jedhe.
28 Toomaas deebisee, «Goottaa kiyya, Waaqa kiyya!» jedhe. 29 Yesuus isaan, «Waan na dhaggiteef dhugeeffattee? Worri adoo ana hin dhaggin dhugeeffatu ka badhaadhe!» jedhe.
Kaayoo Kitaaba Kanaa
30 Yesuus bilbaasota hedduu, ka kitaaba kana keessatti hin barreeffamin, barattoota ifii duratti hujeera. 31 Bilbaasoti kun ammoo akka Yesuus Masiihii te'ee fi Ilma Waaqaalle te'e, itti dhugeeffatiisaan maqaa isaatiin jiruu akka dhaggattanu barreeffamane.