16
Ximootewoos Phawuloosii Fi Siilaas Woliin Deeme
Phawuloos gara qachaa Derbe'ee dhaqee, qachaa Lisxira'aatitti dabare. Achi dhugeeffataan Ximootewoos jedhamu tokko jiraayyu. Haati isaa Yihudittii kiristaana teeteertu; abbaan isaa ammoo nama Giriiki'ii ti. Ximootewoos dhugeeffattoota qachaa Lisxira'aatii fi Inqoniiyum keessa jiranu duudii biratti gurra dansaa qabaayyu. Phawuloos akka Ximootewoos isa faana deemu waan barbaadeef, haqanqabaa isa qabe. Sababille Yihudooti achi jiranu duudiin abbaan Ximootewoosii Giriikii akka te'e waan beekaneef tana godhe. Isaan qachoota keessa yennaa dabaranu, murtee ergantootaa fi jaarsoleen Yerusaalem keessatti muraneef dhugeeffattooti akka ajajamanu itti himane. Maarre wolde'ooti Kiristaanaa dhugeeffanna'aan jajjabaatanee, guyyuma guyya'aan laakkossaan heddatane.
Phawuloos Namicha Lafa Meqedooniya'aa Yaadaan Dhagge
Phawuloosii fi Siilaas lafa Asiya'aatitti Jecha Waaqaa akka hin lallanne Ayyaanni Woyyichi waan dhooggeef lafa Firiigiya'aatii fi Galaatiya'aa keessa dabaranee deemane. Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya'aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne. Maarre isaan lafa Misiyaasii keessa dabaranee, gara Xiiroosii gad bu'ane. Halkan san namichi lafa Meqedooniya'aa tokko dhaabbatee, «Gara lafa Meqedooniya'aa koyiitii nu qarqaar» jedhuun Phawuloos yaadaan dhagge. 10 Phawuloos waan kana yaadaan*Yaadaan: Mudhi'iin dhaggeen duuba, akka nuuti Oduu Gammadaa kolbaa Maqedooniya'aatiif lallannu, Waaqi akka nu waame waan hubanneef, yoosuma gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf qophoonne.
Liidiyaan Gootta'atti Dhugeeffatte
11 Qachaa Xiiroosiitii hoboloo gudditti'iin kaanee, adoo asii achi hin gorin gara oddoola Samotiraaqe'ee dhandhee, boruyyaa gara qachaa Ne'apholiisitti dabarre. 12 Achille'ee qachaa Filiphisiiyuusii geenne; qachaan Filiphisiiyuusii qachaa guddaa Maqedooniyaa keessatti beekkamu, ka worri Rooma'aa itti qubateeru; achille guyyaa hedduu bubbulle. 13 Guyyaa Sanbataa karra qacha'aatiin ala baanee, gara irga lagaa addee Yihudooti daadimataaf wolitti qabamanuu seenee dhandhe; achi teenneelle dubartoota achitti wolitti qabanteertu Jecha Waaqaa barsiinne. 14 Dubartoota nu caqasiisatti jirtu keessaa, dubartiin qachaa Tiyaatira'aatii dhutte, ta woyaa dhiillee gatii guddo'oo gurgurtu takka jirtiiyyu; maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Waaqa waaqonsitu; waan Phawuloos jedhu akka caqattuuf, Goottaan qalbii isi'ii bane. 15 Isi'ii fi worri mana isi'ii keessa jiru cuuphameen duuba, «Akka ani Gootta'atti dhugeeffadhe ka fudhattanu yoo te'e, mana kiyya kowa'aa tura'a» jettee jabeessitee kadhatte.
Phawuloosii Fi Siilaas Hidhamane
16 Gaafa tokko gara addee daadimanna'aa adoo deennuu, durrittii garbittii ayyaana hamaa waan gara duraa morsiisu qaddu takkaan woldeenne; isiin moriisaan goottota ifiitiif beesee hedduu galchaa turte. 17 Isiin, «Namooti kun tajaajiltoota Waaqa Ol-aana'aa ti! Isaan karaa fayyinnaa isinitti lallaban» jettee iyyaa Phawuloosii fi nu hordotte. 18 Isiin guyyaa hedduu itti deddeebisaa kana goote. Phawuloos ammoo aaree itti garagalee ayyaanni sun isii keessaa akka bawuuf, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatu si ajaja» jedhe; ayyaanni sun yoosuma isii keessaa baye. 19 Goottoti isi'ii, addiin beesee isaan dhaggatanuu akka irraa hatte yennaa hubatane, Phawuloosii fi Siilaas qabanee harkisaa gara badhinna dikko'oo fidanee, worra baallii qabu dura dhikeessane. 20 Qondaaltota worra Rooma'aa duratti isaan fidanee, «Jarri tun Yihudoota; isaan qachaa keenna raasiisatti jiran. 21 Isaan aadaa nu worri Rooma'aa fudhatiisaaf yookiin hujiisaaf seeraan ala te'e nu barsiisan» jedhane. 22 Gumiin wol qabattee Phawuloosii fi Siilaas miidhiisaaf kaate.
Achiin duuba qondaaltoti, woyaa Phawuloosiitii fi Siilaasii tarsaattee akka isaan ule'een dikamanu ajajje. 23 Akka malee dikamaneen duuba gara mana hidha'aa galchisiisane; achitti jabeessee akka isaan eeguuf, eeddicha mana hidha'aa ajajane. 24 Eeddichi ajaja kana fudhateen duuba, kolloo mana hidha'aa ta keessaatitti isaan galchee, miila isaanii jirma ulfaataa lama wodhakka'atti jabeessee hidhe.
25 Gara halkan wodhakka'aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna'aa fi faaru'uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu. 26 Dedhuma haga hundeen mana hidha'aa raafantutti tacho'i lafaa guddaan te'e; balbalti duudiin takkumaan banante; wodaroon sibiilaa namoota hidhamane duudii irraa hiikante. 27 Namichi mana hidha'aa eegu hirriibaa dammaqee, balbalti mana hidha'aa bananteertuun yennaa dhagge, worri hidhameeru isa duraa waan miliqeeru seyee, ifi ijjeesiisaaf shallaagaa buqqifate. 28 Phawuloos ammoo qoonqoo guddo'oon, «Nu martinuu waan as jirruuf, woy ifi hin godhin» jedhaa itti iyye.
29 Yennaa kana namichi mana hidha'aa eegu, ifa fichisiifatee gara mana hidha'aa ol seenee, rorommaa miila Phawuloosiitii fi Siilaasititti jige. 30 Achiin duuba inni isaan gad yaasee, «Goottota tiyya! Ani fayyiisaaf maan godhuu qaba?» jedhe.
31 Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane. 32 Achiin duuba Jecha Waaqaa isaa fi worra mana isaa keessa jiru duudi'iif himane. 33 Halkan saatuma sanitti, namichi mana hidha'aa eegu isaan fuudhee madaa isaanii dhiqe; yoma san innii fi worri mana isaa duudiille cuuphame. 34 Kanaan duuba inni Phawuloosii fi Siilaas gara mana ifii geessee, sagalee isaaniif dhikeesse; inni Waaqatti waan dhugeeffateef, innii fi maatiin isaa guddoo gammadane.
35 Boruyyaa ganama qondaaltoti worra Rooma'aa, «Jara san gad dhiisi!» jedhanee namicha mana hidha'aa eegutti akka himanuuf Poolisoota itti ergane.
36 Maarre namichi mana hidha'aa eegu, «Qondaaltoti worra Rooma'aa akka isin gad lakkifantanu nutti erganeeran; tanaaf gad baya'aatii nageyaan deema'a» jedhee Phawuloositti hime.
37 Phawuloos ammoo, «Jarri tun nuuti worra Rooma'aa teenee adoo jirruu, adoo yakkaan nu'utti hin muramin kolbaa duratti nu dhaananee, mana hidha'aatitti nu galchane; amma ammoo dhossa'aan gad nu baasanii? Tun hin teetu! Isaanuu dhufanee nu baasanuu ti» jedhe.
38 Poolisooti waan kana qondaaltota worra Rooma'aatitti himane; qondaaltoti worra Rooma'aalle Phawuloosii fi Siilaas worra Rooma'aa akka te'ane yennaa dhage'ane sodaatane. 39 Tanaaf dhufanee araara isaan gaafatanee, mana hidha'aa keessaa isaan baasane; qachaa keessalle'ee akka bayanuuf kadhatane. 40 Phawuloosii fi Siilaasille mana hidha'aa keessaa bayanee, gara mana Liidiya'aa dhaqane. Achitti dhugeeffattoota dhagganee jajjabeessane; achiin duuba ka'anee deemane.

*16:10 Yaadaan: Mudhi'iin