17
Phawuloosii Fi Siilaas Tasalonqe'etti
1 Phawuloosii fi siilaas qachoota Amfiipholiisiitii fi Apholoniya'aa keessa dabaranee, gara qachaa Tasalonqe'ee dhaqane; achi manni waaqonfannaa Yihudootaa jiraayyu. 2 Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqonfannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sad marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate; 3 inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du'aa ka'uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe. 4 Isaan keessaa gariin, Giriikoota Waaqa waaqonfatanu heddu'uu fi dubartooti beekkamane hedduun dubbii isaa fudhatanee, Phawuloosii fi Siilaas woliin wol qabatane.
5 Yihudooti ammoo isa hinaafanee, namoota hujii malee karaa irra yaa'anu wolitti qabanee, hammeessanee, nageya booressane; isaan qachaa san duudii raasanee, Phawuloosii fi Siilaas kolbaa duratti gad baasiisaaf mana namicha Yaason jedhamuu cassane. 6 Yennaa Phawuloosii fi Siilaas dhabane ammoo, Yaasonii fi dhugeeffattoota garii harkisanee, bulchitoota qacha'aa duratti geessanee, «Worri biyya lafaa duudii rakkise kun, amma gara qachaa keennaalle dhufeera. 7 Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‹Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira› jedhaa, seera mooticha mootota worra Rooma'aa morman» jedhaa iyyane. 8 Gumi'ii fi bulchitooti qachaa sanii waan kana yennaa dhage'ane raafamane. 9 Worri bulchitootaa Yaasonii fi worra isa woliin jiranu wobii waansisanee gad lakkisane.
Phawuloosii Fi Siilaas Beriya'atti
10 Halkanuma san dhugeeffattooti, Phawuloosii fi Siilaas gara qachaa Beeriya'aa ergane. Isaan yennaa achi geyane mana waaqonfannaa Yihudootaa dhaqane. 11 Yihudooti Berii'a jiranu worra Tasalonqe'ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya'aan fedhii guddo'oon Barreeffama Woyyicha qorqorane. 12 Isaan keessaa worri hedduun, Giriikoota keessalle'ee dubartooti beekkamanee fi dhiirti hedduun dhugeeffatane. 13 Yihudooti Tasalonqee keessa jiranu ammoo, Phawuloos Jecha Waaqaa qachaa Beriya'aalle'etti akka lallabe yennaa dhage'ane, achille dhaqanee kolbaa hammeessanee nageya booressane. 14 Yoosuma dhugeeffattooti Phawuloos gara irga abbaaya'aa ergane; Siilaasii fi Ximootewoos ammoo qachuma Beriya'aatitti hafane. 15 Namooti Phawuloos geegessane qachaa Ateena'aatiin isa geyanee, dhaansa Phawuloos, «Siilaasii fi Ximootewoos ariiti'iin gara kiyya dhufanuu ti» jedhe fuudhanee gara qachaa Beeriya'aa deebi'ane.
Phawuloos Ateena'atti Lallabe
16 Phawuloos qachaa Ateena'aa keessatti Siilaasii fi Ximootewoos adoo eeguu waaqoti qachaa san attam akka guutane yennaa dhagge, gadhaan isaa gubate. 17 Maarre inni Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti Yihudootaa fi Giriikoota Waaqa waaqonfatanu, worra addee dikko'ootitti dhaggu wolille'een dudubbate. 18 Worra Ephequriyoosii fi Istoyikos jedhamanu keessaa ka waan biyya lafaa qorqoranu isatti falmane; gariin, «Funaantichi kun maan jedhuu barbaada?» jennaan,
Worri dhibiille waan Phawuloos marroo Yesuusiitii fi du'aa ka'a isaa lallabeef, «Inni marroo waaqota ormaa dubbataara fakkaata» jedhane. 19 Maarre isaan Phawuloos qabanee kora gaara Aariyophaagos jedhamuu irratti wolitti qabamu dura geessanee, «Barsiisa haareya ati barsiittu kana maan akka te'e beekuu dandeennaa? 20 Wonni ati jettuun dhageenne gariin haareya nutti teeteerti. Tanaaf wonni kun maan akka teete beekuu barbaanna» jedhaneen. 21 Worri Ateena'aa duudi'ii fi ormi achi le'u duudiin waan haareya odeessu'uu fi dhage'uu malee, yennaa ifii waan dhibii irratti hin dabarsanu. 22 Phawuloos kora mura'aa ka gaara Aariyophaagosii dura dhaabbatee, «Worra Ateena'aa, isin karaa maraanuu namoota dhugeeffanna'aa akka teetane dhaggeera. 23 Ani qachaa keessan keessa dabaruun, addee isin Waaqa waaqonfattanu yennaa ilaale, addee ciinca'aa ‹Waaqa hin beekkanneef› jedhamee irratti barreeffame tokko dhaggeera. Yoona ani Waaqa isin adoo hin beekin waaqonfattanu kana, isinitti lallaba. 24 Waaqi biyya lafaatii fi waan isii keessa jiru mara dade, Goottaan ol-gubba'aatii fi lafaa, galma harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u. 25 Inni nama duudi'iif jiru'uu fi hafuura, waan dhibii maralle ka kennu waan te'eef, wonni isa irraa dhidhatu hin jiru; qarqaarsi namaalle isaaf hin barbaachisu. 26 Inni sanyii namaa duudii nama tokko irraa dadee, lafa mara irra akka le'anu godhe; inni bara leetoo isaaniitii fi addee leetoo isaaniille meessaa itti godhe. 27 Waaqi akka namooti isa barbaadanee qorqoranee, akka dhagganuuf tana godhe. Te'uu malee Waaqi tokko tokkoo keenna irraa fagoo hin jiru. 28 Nuuti isaan jiruu dhagganna; isaan tachoona; isaan leena. Isin keessaa worri weeddisu akkuma jedhu, ‹Nuutille ijoollee isaa ti›.
29 «Nuuti eega ijoollee Waaqaa teene ‹Waaqi fakkii worqii irraa yookiin meetii irraa yookiin dhakaa irraa hojjatame fakkaata› jennee yaaduu hin qannu. 30 Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja. 31 Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du'aa kaasiisaan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera» jedhe. 32 Phawuloos marroo du'aa ka'iisaa dubbatuun yennaa dhage'ane, worri gariin itti murge; worri dhibiin ammoo, «Nuuti marroo waan kanaa ammalle si irraa hin dhageenna» jedhane. 33 Yennaa san Phawuloos kora mura'aa lakkisee deeme. 34 Worri gariin ammoo waan inni jedhe gula goree dhugeeffate. Worra dhugeeffate keessaa Diiyoniisiyos ka jedhamu miseensa kora mura'aa Aariyophaagosii ka te'e, akkasuma dubartii Damaariis jedhantu takkaa fi worri dhibiille jiran.