23
Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, «Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera» jedhe. Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje. Yennaa san Phawuloos Anaaniya'aan, «Ati dhaaba manaa*Dhaaba manaa: Girgiddaa manaa ka nooraa dibame fakkaatta! Waaqi si'i hin dhowa! Akka seeraatitti natti muriisaaf achi teetteerta, ifiif ammoo seera malee, akka na dhowanuuf ajajjaa?» jedheen.Mat. 23:27-28
Worri Phawuloos bira dhaabbateeru, «Ati Hayyicha Guddaa Waaqaa arrassitaa?» jedhaneen.
Phawuloos deebisee, «Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‹Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin› jedha» jedhe.
Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, «Obboleeyyan tiyya! Ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera» jedhee dubbate.HuE. 26:5; Filp. 3:5 Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame. Saduqooti, «Du'aa ka'iis hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu» jedhan; Fariisaayoti ammoo, «Kun duudiin hin jiran» jedhanee dhugeeffatan.Mat. 22:23; Mar. 12:18; Luq. 20:27 Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, «Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!» jedhaa moromane.
10 Ajajaan woraana Rooma'aa moromaan waan o'iteef, jarri tun Phawuloos hin caccassan jedhee sodaate. Tanaaf loltooti dhaqanee, Phawuloos odduu isaaniitii baasanee, addee quttii loltootaa akka geessanu ajaje.
11 Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, «Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa naaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa naaf bawuu qadda» jedhe.
Phawuloos Ijjeesiisaaf Mala Dhowane
12 Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, «Haga Phawuloos ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu» jedhanee kakatane. 13 Worri kakuu tana kakatane namoota afurtama caalan. 14 Achiin duuba isaan gara sooreyyii hayyootaatii fi jaarsole'ee dhaqanee, «Nuuti haga Phawuloos ijjeennutti, hin nyaannu, hin unnu jennee jabeessinee kakanneerra. 15 Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophoonneerra» jedhaneen.
16 Ilmi obboleettii Phawuloosii ammoo, mala kana waan dhage'eef, gara addee quttii loltootaa dhaqee, Phawuloositti hime. 17 Achiin duuba Phawuloos ajajjoota dhibbaa keessaa tokko waamee, «Dargaggeessi kun ajajaa woraana Rooma'aatitti waan himu waan qabuuf, gara isaa geessi» jedheen. 18 Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, «Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na gaafate» jedhe. 19 Ajajaan woraana Rooma'aa, dargaggeessa harka qabee, qofitti baasee, «Wonni ati natti himiisaaf barbaaddu maan?» jedhee isa gaafate.
20 Dargaggeessille, «Yihudooti akka waan marroo Phawuloosii caalchisanee qorqoranuu fakkaatanee, akka ati boru gara kora mura'aa isa isaaniif dhikeessitu, si gaafatiisaaf wolii galaneeran. 21 Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran» jedhe.
22 Ajajaan woraana Rooma'aa, «Waan natti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin» jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise.
23 Achiin duuba ajajaan woraana Rooma'aa, ajajjoota dhibbaa ta ifii keessaa lama waamee, «Halkan keessa saatii saditti loltoota dhibba lama, abbootii fardo'oo nama torbaatamaa fi worra ebo'oo nama dhibba lama woliin gara Qiisaariya'aa dhaqiisaaf akka qophowanu godha'a. 24 Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf» jedhe. 25 Achiin duuba xalayaa, 26 «Ana Kilaawudiiyosii Liisiiyaasii irraa, bulchaa kabajamaa Feeliksiif! Nageenni si'iif te'u. 27 Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure. 28 Isaan maaf akka isa himataaranu beekiisaaf barbaadee, gara kora mura'aa ka isaanii isa geesse. 29 Himatam isaa marroo seera isaaniituma malee, yakkaa du'aan yookiin hidha'aan isa geettu, akka inni hin qanne qorqoree hubadheera. 30 Yihudooti namicha kana ijjeesiisaaf mala akka dhowane, yennaa natti himame, yoosuma gara keeti erge. Worri isa himatulle, himata isa irraa qabu akka si duratti dhikeeffatu itti himeera» jedhu barreesseef.
31 Loltooti akkuma ajajamanetti, halkanuma gaafasii Phawuloos fuudhanee Antiiphaaxriisitti geessane. 32 Boruyyaa loltooti worri miilaa gara addee quttii loltootaa deebi'e; worri fardo'oo Phawuloos woliin deeme. 33 Worri fardo'oo Qiisaariyaa yennaa geyane, xalayaa bulchaa biyyaatitti dhikeessanee, Phawuloosille isatti dabarsanee kennane. 34 Bulchaan biyyaa sun xalayaa dubbisee, Phawuloos nama biyya kamii akka te'e gaafate. Inni nama biyya Qiliiqiya'aa akka te'e yennaa beeke, 35 «Worri si himate yennaa as geye ani dubbii teeti hin ilaala» jedhe. Achiin duuba akka Phawuloos mana mootummaa Heroodisii keessatti eegamu ajaje.

*23:3 Dhaaba manaa: Girgiddaa manaa

23:3 Mat. 23:27-28

23:6 HuE. 26:5; Filp. 3:5

23:8 Mat. 22:23; Mar. 12:18; Luq. 20:27