24
Yihudooti Phawuloos Himatane
Guyyaa shaniin duuba Anaaniiyaasiin Hayyichi Guddaan, jaarsolee gari'ii fi beekaa seeraa ka Xerxilos jedhamu tokko woliin, gara Qiisaariya'aa gad bu'e. Isaan Feeliksii bulchaa biyyaa dura dhikaatanee, himannaa Phawuloos irratti qabanu dhikeeffatane. Phawuloos waamamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee,
«Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera. Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda'aan fudhanna. Ani tana caalaa si dadhassiisuu*Dadhassiisuu: Ko'oonsuu hin barbaadu; teetuu malee himata gabaabaa nuuti qannu, gadhi-laafinnaan akka nuuf dhageettu si kadhadha. Namichi kun dhukkuba hamaa nutti te'eera; inni Yihudoota biyya lafaa duudii oddu'utti nageya booressaa, golii worra Naaziretiitiif sooressaa te'eera. Inni Galma Waaqaatuu xureessiisaaf wodhaanuun qanneerra; [akka seera keennaatitti isatti muriisaaf yaadanneerra. Liisiiyaasiin ajajaan woraana Rooma'aa dhufee, hunnaan harka keennaa isa fuudhee, achiin duuba worri isa himatu gara keeti akka dhufanu ajaje.] Ati namicha kana yoo qorte, atinuu wonni nuuti himannu duudiin dhugaa akka teete hin mirkaneeffatta» jedhe. Yihudooti, «Wonni kun duudiin dhuga'a» jedhanee himata dhikaate irratti wolii galane.
Phawuloos Feeliksi Duratti Falmate
10 Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille,
«Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata na irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera. 11 Ani waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii haga ol bayee, guyyaa kudhanii lama akka hin caalin, atinuu mirkaneeffatuu dandeetta. 12 Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun na dhagganee hin beekanu. 13 Waan amma ittiin na himatanu kanaaf, tokkolle dhugaa sitti dhikeeffatuu hin dande'anu. 14 Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‹Dhara› jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha. 15 Worri balcha'aa fi balchaa hin te'inille du'aa akka ka'anu, akkuma isaan addatanu, anille Waaqatti addii qaba. 16 Ani Waaqaa fi nama duratti wodanaa dansaa akka qabaadhu yennaa maraa mixiixxadha.
17 «Ani Yerusaalem keessaa bayee, woggaa heddu'uun duuba, beesee qarqaarsa kolbaa tiyyaaf geessiisaa fi woreega Waaqaaf kenniisaaf gara Yerusaalemii dhaqe. 18 Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun na woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane.HuE. 21:17-28 19 Yihudooti gariin ka Asiya'aa dhufane ammoo, achi jiraniiyyu; isaan waan si irratti na himatanu adoo qabaatanee, amma si dura dhikaatanee na himatanuu ti; 20 yookiin yennaa ani kora mura'aa dura dhaabbadhe, waan ani yakke worri as jiru himuu ti. 21 Ani odduu isaanii dhaabbadhee, qoonqoo tiyya ol qabadhee, ‹Ka du'ane hin ka'an› waan jedheef, adha mura'aaf isin duratti dhikaadhe malee, wonni dhibiin ani huje hin jirtu» jedhe.HuE. 23:6
22 Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, «Ajajaan woraana Rooma'aa Liisiiyaas yennaa dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura» jedhee isaan ifi irraa geegesse. 23 Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, «Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin» jedhe.
Phawuloos Feeliksii Fi Dirusilaa Duratti Dhikaate
24 Guyyaa diqqa'aan duuba, Feeliksi haadha manaa ifii Yihudittii Dirusilaa woliin dhufe. Inni Phawuloos waansisee, marroo Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaa dubbatuun caqase. 25 Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi toowatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, «Ammaaf hin geetti; yoo natti tolte aninuu si waama» jedhe. 26 Feeliksi Phawuloos irraa gubbooGubboo: Safuu fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse.
27 Woggaan lamaan duuba, Phorkii'os Fesxoos addee Feeliksii bulchaa te'e. Feeliksi Yihudoota gammachiisuu barbaadee, Phawuloos akkuma hidhametti lakkise.

*24:4 Dadhassiisuu: Ko'oonsuu

24:18 HuE. 21:17-28

24:21 HuE. 23:6

24:26 Gubboo: Safuu