25
Phawuloos Fesxoos Dura Dhikaate
1 Fesxoos bulchaa te'ee guyyaa sadiin duuba, Qiisaariya'aa ka'ee gara Yerusaalemii dhaqe. 2 Achitti sooreyyiin hayyootaatii fi sooreyyiin Yihudootaa, Phawuloos himatane. 3 Isaan kara'atti riphanee Phawuloos akka ijjeesanu waan malataneef, isa Yerusaalemitti nuuf ergi jedhanee, Fesxoos gaafatane. 4 Fesxoos deebisee, «Phawuloos Qiisaariya'atti hidhamee eegamiisatti jira; anille dafee achi deebi'aara. 5 Sooressitooti teessan na woliin gara Qiisaariya'aa dhaqanee, wonni Phawuloos yakkeeru yoo jiraatte, achitti isa himatanuu ti» jedhe.
6 Fesxoos guyyaa saddeeti yookiin guyyaa kudhan isaan bira bubbuleen duuba, gara Qiisaariya'aa deeme; boruyyaa barcumaa mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos dhikeessanu ajaje. 7 Phawuloos yennaa dhikaate, Yihudooti Yerusaalemii dhufane isa marsanee, himata jajjabaa ka dhugaa hin qanne itti dhikeessane. 8 Phawuloos ammoo, «Ani Seera Yihudootaa irratti yookiin Galma Waaqaa irratti yookiin Mootii Mootota Rooma'aa irratti yakkaa tokkolle hujee hin jiru» jedhee falmate.
9 Fesxoos Yihudoota gammachiisiisaaf barbaadee, Phawuloosiin, «Gara Yerusaalemii dhaxxee, dubbii tanaaf akka ani muraa siif kennu hin feetaa?» jedhee gaafate.
10 Phawuloos deebisee, «Ammumaayyuu ani addee muraa itti fudhadhu, barcumaa mura'aa ka Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbadheera. Akkuma ati miidhassitee beettu, ani Yihudoota irratti yakkaa tokkolle hin hunye. 11 Ani yakkee waan du'a natti mursiittu yoo godhee jiraadhe, du'a jalaa bayiisaaf hin gaafadhu. Ammoo himati isaanii yoo dhugaa hin te'in, eennulle isaanitti dabarsee na kennuu hin dande'u. Ani amma Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha» jedhe.
12 Fesxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Maarre mootichatti iyyadha eega jette, gara mootichaa hin dhaxxa» jedhee itti hime.
Phawuloos Agriipha'aa Fi Berniiqee Duratti Dhikaate
13 Guyyoota diqqa'aan duuba mootichi Agriipha'aa*Agriiphaa: Agriiphaan kun Agriiphaa lammeesso'oo ti; inni ilma Agriiphaa matoomaa, ka foora 12 keessatti dubbinnu. Inni biyyoota laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu jiranu bulcheera. Inni akka laakkossa Awuropha'aatitti, dhaloota Kiristoosiitiin duuba bara 50-94 bulche. fi Berniiqeen, Fesxoos dubbisiisaaf gara Qiisaariya'aa dhufane. 14 Isaan guyyaa hedduu achi turaneen duuba, Fesxoos waan dubbii Phawuloosii mooticha Agriipha'atti issee himee, «Nami Feeliksi hidhee lakkisee deeme tokko as jira; 15 ani yennaa gara Yerusaalemii dhaqe, sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isa himatanee, akka ani yakkaa isatti muru na gaafatane. 16 Ani ammoo, ‹Nami himatame tokko worra isa himatu dura dhaabbatee, deebii falmataa adoo hin kennin dabarsanee kenniis, aadaa worra Rooma'aatii moti› jedhee isaanitti hime. 17 Worri isa himate wolitti qabamee yennaa as dhufe, ani adoo hin turin, boruyyaa barcumaa kora mura'aa irra tee'ee, akka Phawuloos na duratti dhikeessanu ajaje. 18 Worri isa himatu isa himatiisaaf yennaa bira dhaabbatane, inni waan hantuu hujeera jedhee akka ani yaadetti, isaan waan himataan isa gewu tokkolle hin dhikeessine. 19 Moromaan isaan isa woliin qabanu marroo dhugeeffannaa ifiitii fi marroo Yesuusii du'eeru, ka Phawuloos ammoo, ‹Jiraata'a› jedhuu ti. 20 Ani dubbii tana akka itti qorqoru wollaalee, Phawuloosiin, ‹Gara Yerusaalemii dhaxxee, achitti dubbii tanaaf muraa dhaggatuu feetaa› jedhee isa gaafadhe. 21 Phawuloos ammoo, dubbii tana Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha waan jedheef, ani haga achii isa ergutti, mana hidha'aa keessa akka inni turu ajaje» jedhe.
22 Agriiphaan Fesxoosiin, «Aninuu dubbii namicha kanaa dhage'uu barbaada» jedheen. Fesxoos, «Boru isa dhageetta» jedhe.
23 Boruyyaa Agriiphaa fi Berniiqeen, uffana mootummaa ifii uffatanee, ulfinna gudda'aan dhufanee, sooressitoota loltootaatii fi jaarsolee qacha'aa woliin, mana muraa itti kennanu ol seenane. Ajaja Feesxoosiitiin, Phawuloos ol seensisane. 24 Fesxoos, «Mootii Agriipha'a! Isinille worra nu woliin as jirtanu duudiin keessan! Namichi isin dhaggitanu kun, jiraatu'uuf hin malle jedhanee, kolbaan Yihudootaa duudiin Yerusaalemii fi asille'etti natti iyyataneeran. 25 Ani ammoo yakkaa du'aan isa geessittu tokkolle hin dhaggine. Ammoo waan inni Mootii Moototaa, ka Rooma'aatitti iyyadha jedheef, achi isa ergiisaaf murteeffadheera. 26 Te'uu malee goottaa kiyyaaf barreessiisaaf, waan namicha kanaa waan mirkanaaye hin qabu. Tanaaf isin duudii duraa fi keessattuu si'i mooticha Agriiphaa duratti, isa qorqoreen duuba marroo isaa waan barreessu akka qabaadhu, isa asi fideera. 27 Namaa hidhame tokko, waan inni itti himatame adoo hin qulleessin, Mootii Mootota Rooma'aatitti ergiisii, sirrii natti hin fakkaattu» jedhe.
*25:13 Agriiphaa: Agriiphaan kun Agriiphaa lammeesso'oo ti; inni ilma Agriiphaa matoomaa, ka foora 12 keessatti dubbinnu. Inni biyyoota laga Yordaanosiitiin gara aduun baatu jiranu bulcheera. Inni akka laakkossa Awuropha'aatitti, dhaloota Kiristoosiitiin duuba bara 50-94 bulche.