26
Phawuloos Agriiphaa Duratti Falmate
1 Agriiphaan Phawuloosiin, «Ifii keetiif falmatuu hin dandeetta» jennaan, Phawuloos harka ifii diriirsee falmatee,
2 «Mooticha Agriipha'a! Waan Yihudooti na himatane duudii akka falmadhu adha si duratti dhikaatuu kiyyaan guddoo gammada. 3 Keessumattuu aada'aa fi moromaa Yihudootaa duudii miidhassitee beetta. Tanaaf ossataan akka naaf dhageettu si kadhadha.
4 «Ijoollummaa tiyyaan jalqabee, biyya tiyya keessaa fi Yerusaalemille'etti attam akka le'e Yihudooti duudiin hin beekan. 5 Isaan yoo naaf dhugaa bayuu fedhane, worra golii Fariisaayotaa ka dhugeeffannaa teenna jabeeffatanu keessaa, ani tokko akka te'e duruuyyuu beekan.HuE. 23:6; Filp. 3:5 6 Amma ammoo, waadaa Waaqi abbootii teennaaf gale, waan addadheef ani asitti himatamiisatti jira. 7 Waadaan sun, ta gosi teenna kudhanii fi lama akka dhaggattuuf addattee, halkanii fi guyyaa Waaqaaf tajaajilte. Mooticha Agriipha'a! Sababa addii tanaatiif, Yihudooti amma na himatiisatti jiran. 8 Waaqi worra du'e akka kaasuu, maaf mantan?
9 «Aninuu karaa dande'e maraan, maqaa Yesuusii Naaziretii kanaan mormuu qaba jedhee, yaadadheeraayyu. 10 Ani waanuma kana Yerusaalem keessatti godhe. Ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadheen, kolbaa Waaqaa hedduu mana hidha'aatitti galcheera; yennaa isaan ijjeesanulle, worra ijjeesu woliin wolii galeera. 11 Yennaa hedduu Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isaan adabee, akka isaan dhugeeffannaa ifii mormatanu godhiisaaf wodhaaneera. Isaan irralle'etti aaree, qachaa ormaa keessalle'etti isaan miidheera.
Akka Phawuloos Gara Kiristoosii Deebi'e
(HuE. 9:1-19; 22:6-16)
12 «Adoo tana irra jiruu baalli'ii fi ajaja sooreyyii hayyootaa irraa fudhadhee, gara Damaasqo'oo dhaqe. 13 Mooticha! Orraa gara saatii jaatitti ani karaa gubbaa adoo jiruu, ifi aduu caalaa balaqqisu gubba'aan gadi dhufuun dhagge; ifi sunille adaala kiyyaa fi namoota na woliin deemiisatti jiranuutitti ife. 14 Nuuti duudiin lafatti jinneerruun, afaan worra Yihudootaatiin qoonqoo, ‹Saa'ol! Saa'ol! Ati maaf na miita? Sibiila mutaa yoo dhiitte ifuu miita› jettu dhage'e. 15 Anille, ‹Gootta'a, ati eennu?› jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, ‹Ani Yesuusii ati miidhiisatti jirtu. 16 Ammoo ka'iitii miila keetiin dhaabbadhu. Akka ati tajaajilaa kiyya teetu si filatiisaaf, waan kiyya ka adha dhaggitee fi ka ani sitti mudhisu'uu jiru, akka dhugaa baatu ani sitti mudhadhe. 17 Worra ani itti si ergaaru kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'in irraa si fayyisa. 18 Ati ila isaanii bantee, dukkana irraa gara ifaa, hunna Seexanaa jalaa gara Waaqaa isaan hin deebitta; isaanille natti dhugeeffatiisaan, cubbuu ifiitiif araara dhaggatanee, kolbaa Waaqaaf woyyoonte oddu'utti dhaala fudhatan› jedhe.
Phawuloos Hujii Ifii Hime
19 «Maarre mooticha Agriipha'a, ani mudhii ol-gubba'aatiif ajajamuu hin didanne. 20 Jalqaba worra Damaasqoo keessa jiruuf, itti aansee worra Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru duudi'iif, achiin duuba worri Yihudoota hin te'inille cubbuu irraa deebi'anee, gara Waaqaa akka deebi'anu, cubbuu irraa deebi'uu isaaniille waan mudhisu akka hujanu, isaanitti lallabeera.HuE. 9:20,28-29 21 Yihudooti tanaaf Galma Waaqaa keessatti na qabanee, ijjeesiisaaf wodhaanane. 22 Haga guyyaa adhaatitti Waaqi na qarqaaree, anille as dhaabbadhee, diqqa'aa fi guddaa duudi'iif dhugaa bayiisatti jira. Ani waanuma raagotii fi Muuseen hin te'a jedhane malee, waan tokkolle hin dubbanne. 23 Isaan, ‹Masiihiin rakkatuu qaba; du'aa ka'iisaan ka jalqabaa te'ee, ifa fayyinnaa kolbaa Israa'eliitii fi worra Yihudoota hin te'iniif hin mudhisa› jedhane, jedhee dhugaa isaaniif baye» jedhe.1 Qor. 15:20
24 Phawuloos akkana falmatiisatti jiruun, Fesxoos qoonqoo ol qabatee, «Phawuloos! Guddoo baratiisi keeti si maraachaara!» jedhe.
25 Phawuloos deebisee, «Kabajamaa Fesxoos! Ani maraata'aa moti! Dubbii dhuga'aa qalbi'iin dubbatiisatti jira. 26 Mooticha Agriipha'a! Ati waan kana duudii marroo beettuuf, sodaa malee sitti dubbatiisa dande'a. Wonni kun cina'atti dhokattee waan hin te'iniif, waan duudii akka mootichi hubatu hin addadha. 27 Mooticha Agriipha'a! Ati raagotatti hin dhugeeffattaa motii? Akka ati dhugeeffattu aninuu hin beeka» jedhe.
28 Agriiphaan deebisee, Phawuloosiin, «Yennaa gabaadduu tana keessatti kiristaana waan na gootu seetaa?» jedheen.
29 Phawuloos deebisee, «Yennaan gabaabbattulle yookiin dheerattulle, si qofa adoo hin te'in worri adha na dhage'iisatti jiranu duudiin, hidhamiisa kiyya malee, akka kiyya akka ite'anu Waaqa daadimadha» jedhe.
30 Achiin duuba Mootichi, bulchaan biyyaa, Berniiqeen, worri isaan woliin tee'aneeranu duudiille ol ka'anee, 31 yennaa achii deemanu, «Namichi kun du'a yookiin hidhaa waan isatti mursiisu tokkolle hujee hin jiru» woliin jedhane. 32 Agriiphaan, Fesxoosiin, «Nami kun ‹Mootii Mootota Rooma'aatitti iyyadha› adoo jedhuu dhabee jiraate, sila akkanumaan lakkifamaayyu» jedhe.