27
Phawuloos Gara Rooma'aa Geeffame
Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi worra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa «Awugusxoos» ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane. Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasalonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu. Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame. Sidoonii kaanee, qilleensi ful-duraan gara keenna waan dhoweef oddoola Qophiroosiititti gollannee hobolo'oon deenne. Achiin duuba abbaayaa Qiliiqiya'aatii fi Phamfiliya'aa buuneen duuba, qachaa Miira'aa ka biyya Liiqiya'aa keessa jiru geenne. Achitti ajajaan dhibbaa, hoboloo biyya Iskindiriya'aatii dhuttee, gara biyya Ixaaliya'aa dhaxxu dhaggee, nu yaabbachiise.
Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre. Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaaya'aa irra dabarree, gara addee «Buufata hobolo'oo miidhagaa» jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne.
Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee, 10 «Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe. 11 Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate. 12 Addeen buufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti.
Bubbee Abbaayaa Irraa
13 Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa irra deemane. 14 Ammoo adoo hin turin bubbeen jadduun, «Bubbee kaaba bahaa» jedhantu, oddoola Qareexisii irraa gara abbaaya'aa gad bubbitte. 15 Bubbeen hoboloo guddittii dhoottee, gara duraa deemiisa waan dadhanneef, itti lakkinnee bubbe'een oofanne. 16 Oddoola diqqayyicha Kaawudaa jedhamu tokko gollaa godhannee yennaa deenne, rakkoo guddo'oon hoboloo, hoboloo guddittii teennatti hidhantee harkifantu san, qilleensa irraa buufatiisa dandeenne. 17 Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodaataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane. 18 Bubbeen nutti jabaataa waan deenteef, boruyyaa fe'iisa hoboloo guddittii keessa jiru, gara abbaaya'aa darbuu jalqabane. 19 Guyyaa sadeesso'oo, harkuma ifiitiin meya hoboloo gudditti'ii abbaayaa gudditti'itti gatane. 20 Nuuti guyyaa hedduu aduu yookiin urjii hin dhaggine; bubbeelle ittuma jabaattee waan nutti bubbitteef, hin fayyinu jennee addii kutane.
21 Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu. 22 Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubbuun nama tokkolle hin baddu. 23 Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, na bira dhaabbatee, 24 ‹Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura› jedhee natti himeera. 25 Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha. 26 Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu» jedhe.
27 Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane. 28 Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e. 29 Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane. 30 Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane. 31 Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, «Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu» jedhe. 32 Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa irratti gad lakkisane.
33 Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne. 34 Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe. 35 Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe. 36 Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane. 37 Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa. 38 Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.
Caccabiisa Hoboloo Gudditti'ii
39 Yennaa latti bariite, worri hoboloo oofu latti eessa akka teete hin beenne; ammoo isaan maansa qarqara abbaaya'aa dhagganee, yoo dande'ame hoboloo guddittii gara qarqara lafaa dhiibiisaaf barbaadane. 40 Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa keessa lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle*Muka hobolo'oon oofanu: Shaffisaa jedhama. hiikane. MarduufaMarduufa: Yookiin sharaa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaaya'aa geessitu lakkisane. 41 Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde.
42 Worra hidhamane keessaa tokkolle abbaayaa daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane. 43 Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje; 44 worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane.

*27:40 Muka hobolo'oon oofanu: Shaffisaa jedhama.

27:40 Marduufa: Yookiin sharaa