4
1 Isin dubartooti akka sa'oolee Baashaanii,
ta gaara Samaariya'aa irratti gabbattanee,
worra hiyyeeyyii ka cunqursitanu,
worra rakkataalle ka butuchitanu,
abbootii worra teessaniin,
«Daadhii nu'uuf fida'a!» ka jettanu,
jecha kana dhage'a'a!
2 Goottaan Mootiin Waan Maraa
woyyummaa ifiitiin kakatee,
«Guyyaan isin malxaqqo'oon
harkifantanu hin dhufa;
worri isin keessaa hafanelle
malxaqqoo qurxummi'iitiin hin harkifaman.
3 Tokko tokkoo keessan
qowa dalleya dhaka'aa ka fuula keessan duraatiin
harkisanee gara gaara Hermoonii isin hin baasan» jedha.
Israa'el Baratiisa Didde
4 Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«Ee kolbaa Israa'elii,
Bet'el dhaqa'aatii cubbuu huja;
Giilgaliille dhaqa'aatii cubbuu baceessa'aa huja'a;
guyyuma guyya'aan ciincaa,
guyyaa sad saditti
kudhan keessaa tokko dhikeessa'a.
5 Ee Israa'eloota,
wonni isin godhiisaaf jaalattanu tana waan teeteef,
daabboo uukoo qaddu irraa ciincaa galataa dhikeessa'a;
kennansa fedhii teessaniin kennitanuun
ifi jaja'aatii koora'a» jedha.
6 Mootiin Waan Maraa,
«Qachoota gugurdaa keessan mara keessatti
wonni afaaniin qaddanu akka hin dhagganne,
qachaa mara keessatti
sagaleen akka dhabantu ka godhe ana;
isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
7 Midhaan galfatiisaaf jiin sad adoo jiruu
bokkeya isin irraa dhoogge;
qachaa tokkotti bokkeenni akka roobu,
qachaa kaanitti bokkeenni akka roobuu hin dandeenne godhe.
Fichaan tokko bokkeya qaba;
fichaan dhibiin bokkeya dhabee goge.
8 Maarre namooti bisaan barbaadatiisaaf,
qachaa tokko irraa gara qachaa tokkoo joonjane;
te'uu malee unanee dheebuu bawuu hin dandeenne;
isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.
9 Mootiin Waan Maraa,
«Ani yennaa hedduu gugguufa'aa fi shanto'oon
oorru'uu fi muka woyni'ii keessan balleesse.
Muka harru'uutii fi muka ejersaa keessan
awwaannisi nyaatee fixe;
isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
10 Ani balaa biyya Gibxi'iititti erge
isin irralle'etti erge.
Dargaggoota teessan shallaaga'aan ijjeesisee,
fardoota teessan akka booji'amanu godhe;
addee qubattanetti reeffi nama du'ee
akka isinitti ajowu godhe;
isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.
11 Mootiin Waan Maraa,
«Ani Sodoomii fi Gomoraa akkuma balleesse,
isin keessalle'ee garii balleesseera.
Isin keessaa gariin akka muka
ibidda bobe'u keessaa butamee ti;
isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.
12 Tanaaf, ee kolbaa Israa'elii
ani akkasuma isin irratti hin godha;
ani tana isin irratti waan godhuuf,
ee kolbaa Israa'elii, Waaqa keessan woliin
wol dhaggiisaaf qophowa'a» jedha.
13 Ka gaara huje,
qilleensalle ka dade,
ka yaada ifii namatti mudhisu,
ka ganama gara dukkanaatitti jijjiiru
ka gooroo lafaa irra ideemu,
maqaan isaa Mootii Waan Maraa
Waaqa Waan Mara Dande'u.