3
Raaga Israa'el Irratti Dubbatame
1 Ee kolbaa Israa'elii,
dubbii Mootiin Waan Maraa
isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti
dubbatu tana dhage'a'a!
2 Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe;
tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.
3 Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin
karaa hin deemanii?
4 Neenqi gongomaa keessatti
waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin
dhangaa hin dhowaa?
Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin
mandhee ifii keessaa hin gurura'aa?
5 Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin
lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?
6 Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu,
kolbaan hin sodaattuu ree?
Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin
wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?
7 Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa
dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin
waan tokkolle hin godhu.
8 Neenqa dhangaa dhowe,
ka hin sodaanne eennu ree?
Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte,
ka raaga hin dubbanne eennu ree?
Badii Qachaa Samaariya'aa
9 Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi
kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii,
«Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a;
hogaa isii keessaatii fi
cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.
10 Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e
attam akka hujanu hin beekanu;
waan hunnaan nama irratti ka'anee
saamaneen mana ifii guutatan» jedha.
11 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa,
«Diinni lafa hin qabata;
kushee jajjadduu teessan diigee
mana keessanille hin saama» jedha.
12 Mootiin Waan Maraa,
«Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa
lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu,
Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra,
Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu,
akkasuma hin hafan» jedha.
13 Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,
«Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.
14 Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu,
addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga;
gaafoti addee ciinca'aa
muramanee lafa harca'an.
15 Ani mana isaan yennaa gannaatii fi
yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga;
manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada;
Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.