2
Muraa Mo'aabitti Dhufu'uu Jirtu
Mootiin Waan Maraa,
«Worri Mo'aabii lafee mootii Edoomii
haga daadhaa teetutti gubiisaan
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
Maarre ani ibidda kushee qachaa Keriyotii luxub godhu,
qachaa Mo'aabiititti hin erga;
Worri Mo'aabii hogaa guddaa
iyya lolaatii fi
qoonqoo tultulla'aa keessa hin dhumatan.
Ani bulchaa isi'ii hin balleessa;
qondaaltota isi'ii mara
mootii isi'ii woliin hin ijjeesa» jedha.
Muraa Yihuda'atti Dhufu'uu Jirtu
Mootiin Waan Maraa,
«Worri Yihuda'aa seera kiyya didanee,
seerata kiyyalle waan hin eegatiniif,
waaqota dhara ka abbootiin isaanii ta durii
hordofatte hordofiisaan,
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
Maarre ani ibidda kushee qachaa Yerusaalemii luxub godhu,
qachaa Yihuda'aatitti hin erga» jedha.
Muraa Israa'elitti Dhufu'uu Jirtu
Mootiin Waan Maraa,
«Worri Israa'elii worra balchoota meeti'itti,
worra hiyyeeyyii kophee miilaatitti gurguratiisaan,
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef
ani isaan hin adaba.
Isaan mataa worra hiyyeeyyi'ii bukuu irratti irra sirban;
worra cunqurfameef muraa haqaa hin kennanu;
abba'aa fi ilmi dubartii takkaa woliin sagaagaliisaan
maqaa kiyya woyyicha batteessan.
Isaan addee ciinca'aa mara cinaa,
woyaa worra hiyyeeyyii liqaa kaffaluu hin dandeenne
irraa qabatane irra rafan.
Daadhii woyni'ii ta worra adabame
irraa fuudhane
mana Waaqa ifii keessatti unan.
 
«Ani worra Amoorotaa
ka akka muka hindheensaa dheeratanu,
ka akka muka qilxa'aa jabaatanu san
fuula isaanii duraa balleesse.
Midhaan isaan irraatii fi
hidda isaanii isaan jalaa balleesse.
 
10 «Ani lafa Amoorotaa isiniif kenniisaaf,
biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee
woggaa afurtama lafa goomole'ee keessa isin sooresse.
11 Ani ilmaan teessan keessaa raagota,
dargaggoota teessan keessaa
worra Waaqaaf adda baye isiniif kaaseera.
Ee kolbaa Israa'elii tun dhugumaa motii ree?
12 Isin ammoo worra Waaqaaf adda baye
daadhii woyni'ii akka unanu gootanee,
raagotille raaga akka hin dubbanne ajajjane.
13 Maarre akkuma garreettaan midhaan ba'ateeru
waan isa jala jiru butuchu,
anille isin hin butucha.
14 Nami akka malee rukkisu duraa hin bayu;
worri jajjabi jabeenna ifii hin dhaban;
worri lolulle lubbuu ifii hamburatiisa hin dande'anu.
15 Worri guube'een lolu dura hin dhaabbatu;
loltooti rukkisuu dande'anulle duraa hin bayanu.
Abbootiin fardaalle lubbuu ifii hin hamburatanu.
16 Guyyaa san loltooti goototinuu qullaa hin baqatan» jedha.