Kitaaba Amosii Raagichaa
Seensa
Biyyi «Israa'el» jedhantu mootummoota lamatti qoodante. Ta gara kaabaa «Israa'el» jedhanti. Ta gara kibbaa «Yihudaa» jedhanti. Amos muuxannoo raagiisaa hin qabu; barnoota raaga dubbatiisaalle hin qabu (7: 14). Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa Israa'elii ta mootummaa kaabaa keessa jirtuuf ergaa akka dabarsu yennaa isa erge, Amos ollaa ifii ka Yihudaa keessaa Teqo'aa lakkisee deeme. Inni achii ka'ee gara addee waaqonfannaa Israa'elootaa Bet'el dhaqe.
Kitaaba kana keessatti Amos dursee kolbaa adaala san jirtu morma; achiin duuba kolbaa Israa'elii keessattuu worra dureeyyii morma. Isaan kolbaa saamiisaaf, garba godhataneelle bulchiisaaf hunna guddoo qabaniiyyu. Isaan keessaa nami hedduun Mootii Waan Maraatiin ala waaqota dharaa ka waaqonfatanu ka dhibii qabaatanulle Mootiin Waan Maraa akka isaan eegu addii itti godhataniiyyu. Amos ammoo cubbuu ifii hujanee akka isaan adabamanu isaanitti himee,
«Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jaaladha'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii worra hafaneef hin marara fa'a te'aa, badhinna kora mura'aa maratti haqi akka dhidhatu hin godhina'a» jedhe.
Haadhoo Dubbi'ii
Kolbaan yakkaa ifiitiif akka adabantu1:1—3:2
Badii Israa'eliitii fi Samaariya'aa3:3—6:14
Marroo adabamiisa Israa'elii, mudhii shan ta Amos dhagge7:1—9:10
Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii9:11-15
1
1 Bara Uziyaan Yihudaa irratti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ane, tissitoota qachaa Teqo'aa keessaa tokko ka te'e Amos, tacho'iis lafaa adoo hin te'in woggaa lamaan duratti raagi inni marroo Israa'eliitiif raage ka asii gad jiru: 2 Inni, «Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa hin harqa;
Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a;
kaloon tissitootaa hin goddi;
marri qaccee gaara Qarmelosii irraa hin qoora» jedhe.
Muraa Waaqaa Ta Worra Ollaa Israa'elii jiru Irratti Dhufu'uu Jirtu
Sooriya'atti
3 Mootiin Waan Maraa,
«Worri qachaa Damaasqo'oo korboo ilkaan sibiilaa qaddu
worra biyya Giil'aadii irra waan oofaneef,
anille marroo cubbuu kolbaan Damaasqo'oo itti deddeebitee hujjeetiif,
isaan hin adaba.
4 Maarre ani ibidda kushee jadduu Ben-Hadaadii mootichaa luxub godhu,
mana mooticha Hazaa'eliititti hin erga.
5 Ani danqaraa karra Damaasqo'oo hin caccassa;
kolbaa dhooqa Aween keessaatii fi
mooticha Bet-Edeenii hin balleessa;
worri Sooriya'aalle*Sooriyaa: Bara durii Aaram jedhanti. booji'amanee
gara biyya Qiirii hin dhaqan» jedha.
6 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Gaaza'aa
kolbaa booji'ane mara
worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
7 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu
dalleya dhaka'aa ka qachaa Gaaza'aatitti hin erga.
8 Ani worra qachaa Ashidoodii keessa le'uu fi
mooticha Ashiqalonii hin balleessa.
Ani worra qachaa Eqroonii keessa le'u hin adaba;
worri Filiisxiyaa keessatti hafane marti hin badan» jedha.
Xiiroositti
9 Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Xiiroosii
gondooroo obbolumma'aa diiganee,
kolbaa booji'ane mara
worra Edoomiititti dabarsanee kenniisaan
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
10 Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu,
dalleya dhaka'aa ka qachaa Xiiroosiititti hin erga» jedha.
Edoomitti
11 Mootiin Waan Maraa,
«Worri Edoomii obboleeyyan ifii Israa'eloota,
marartii malee shallaaga'aan waan ari'aneef,
aariin isaanii yennaa mara isaan irratti waan bobeetteef,
mufiin isaanii haga bara baraa waan teeteef,
ani isaan hin adaba.
12 Maarre ani ibidda kushee qachaa Bozra'aa luxub godhu,
qachaa Temaaniititti hin erga» jedha.
Muraa Amoonitti Dhufu'uu Jirtu
13 Mootiin Waan Maraa,
«Worri Amoonii meessaa biyya ifii badhifatiisaaf,
gadhaa dubartii ulfaa ta worra Giil'aadii baqasiisaan,
itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,
ani isaan hin adaba.
14 Maarre ani ibidda kushee isi'ii, guyyaa lolaa iyya keessa,
guyyaa bokkeya bubbe'ee, qilleensa jabaa keessa luxub godhu,
dalleya dhaka'aa ka qachaa Raaba'aatitti hin erga.
15 Mootiin isi'ii, qondaaltota ifii woliin hin booji'ama» jedha.