3
Mootiin Waan Maraa Gosa Biyya Adda Addaatitti Hin Mura
1 Mootiin Waan Maraa,
«Bara sanii fi yennaa sanitti,
boojuu Yihuda'aatii fi Yerusaalemii
yennaa deebisu,
2 gosa biyya adda addaa mara wolitti qabee,
dhooqa Yoshaafaaxiititti*Yoshaafaax: Afaan Ibrootaatiin Mootiin Waan Maraa mure jechu'u. hin geessa;
sababa isaan kolbaa tiyya Israa'el
biyya ormaatitti bittinneessanee,
lafa tiyya qoqoodataneef,
achitti isaanitti mura.
3 Kolbaa tiyya ta booji'ante qoodamiisaaf,
hixaa buufataneeran;
ilmaan dhiiraa
dubartii woliin sagaagalaneef gatii kennanee,
ijoollee durraa daadhii woyni'iititti gurguratanee
ittiin unane.
4 «Isin worri Xiiroosii fi Sidoonii, adaala Filisxeemotaa keessa worri jirtanu maraayyuu, maan ana irraa qaddan? Ana haluu bayiisaaf teetanii? Yoo akkas teetanu te'e, ani hujii teessan ariifadhee mataa keessanitti hin deebisa. 5 Meeti'ii fi worqii tiyya, akkasuma meya kiyya ka gatii guddoo qabu fudhattanee galma keessan keessa keyattaneertan. 6 Namoota Yihuda'aatii fi Yerusaalemii biyyaa isaanii irraa fageessiisaaf, worra Giriikootaatitti gurgurtaneertan. 7 Amma ani addee isin isaan itti gurgurtane san lakkisanee akka ka'anu isaan hin godha. Waan isin isaan gootane, anille isin hin godha. 8 Ani ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa namoota Yihuda'aatitti akka gurguramanu hin godha; isaanille dabarsanee namoota Saaba'aa, ka biyya fago'ootitti isaan hin gurguratan.
9 «Lassii tana gosa biyya adda addaatitti lassa'a;
lolaaf qophowa'a;
loltoota kakkaasa'a;
loltooti teessan martinuu as dhikaatanee lolanuu ti.
10 Qottoo teessan shallaagaa,
haantuu teessan eboo tunsiifadha'a;
nami dadhabaalle, ‹Ani jaba'a› jedhuu ti.
11 Isin gosi biyya adda addaa duudiin,
dafa'aa baya'aatii,
dhooqatti wolitti dacha'a'a!» jedha.
Ee Mootii Waan Maraa loltoota teeti gad ergi.
12 Gosi biyya adda addaa martinuu ka'anee,
gara dhooqa Yoshaafaaxii dhaqanuu ti;
ani Mootiin Waan Maraa,
gosa biyya adda addaa ta adaala saniititti muriisaaf,
achi hin tee'a.
13 Hammeenni isaanii guddoo bacateera;
akka midhaan geye haantu'uun haamanu isaan haama'a;
akka unkuruura woyni'ii addee itti cunfanutti guutanee dhiitanu dhiita'a!
14 Guyyaan Mootiin Waan Maraa dhooqa mura'aa keessatti muru dhikaateera;
tanaaf gumiin bindillaan dhooqa mura'aa keessatti wolitti qabanteerti.
15 Adu'uu fi ji'i hin dukkanowan;
urjootille ifa hin kennanu.
16 Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessaa akka neenqaa dhangaa dhowa;
Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a;
gubba'aa fi latti hin raafaman;
Mootiin Waan Maraa ammoo kolbaa ifii Israa'eliif,
addee itti baqatanu kushee hin te'a;
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Eebbisa
17 Tanaaf kolbaa isaatiin, «Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan,
Waaqa keessan akka te'e hin beettan;
Gaara woyyicha kiyya Xiyoon irra hin le'a;
Yerusaalemille qachaa woyyicha hin teeti;
ormi deebi'ee ijjumaa isii hin qabatu.
18 «Guyyaa sanitti gaarri duudiin muka woyni'ii hin uffata;
kooba irratti loon aanan mirganu hin dhaggaman;
lagi Yihudaa keessa jiru duudiin bisaaniin guutama;
Galma Waaqaa keessaa bisaan hin burqa;
dhooqa muka gololchaa†Muka gololchaa: Afaan Ibrootaatiin Shiixiim jechu'u. hin obaasa.
19 «Sababa namooti Gibxi'iitii fi namooti Edoomii Yihudaa irratti hammeennaan ka'anee,
biyya isaanii keessatti
dhiiga nama balleessaa hin qannee dhangalaasaneef,
biyyi Gibxi'ii goomolee hin teeti;
Edoomille goomolee ona hin teeti.
20 Ammoo biyya Yihuda'aa keessa kolbaan haga bara baraa hin leeti; Yerusaalem keessalle dhalootaa haga dhalootaatitti hin leeti;
21 Haluu dur namoota Yihuda'aatii fi namoota Yerusaalemiitiif hin baasin ture,
amma hin baasaaf.
Ani Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irra hin le'a» jedheera.