29
Gondooroon Mo'aab Keessatti Haareffante
Mootiin Waan Maraa Gondooroo ifii ta Horeebitti*Horeeb: Gaara Siina'aa ti. Israa'eloota woliin godhate irratti dabalee, lafa Mo'aabii keessatti akka isaan woliin Gondooroo godhatuuf, ta inni Muusee ajaje ta asii gad jirtu:
Muuseen kolbaa Israa'elii mara waamee, «Waan Mootiin Waan maraa biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti mooticha Fara'oonii fi qondaaltota isaa irratti, biyya isaa mara irralle'etti tolche dhaggitaneertan. Balaa gugurdaa, bilbaasotaa fi waan maade'ee gugurdoo san iluma teessaniin dhaggitaneertan. Garuu Mootiin Waan Maraa haga adhaa qalbii hubattu yookiin ila dhaggitu yookiin gurra dhage'u isiniif hin kennine. Inni, ‹Ani woggoota afurtama goomolee keessa isin sooresse san woyaan teessan hin dulloonne; kopheen teessanille hin dhumanne. Isin daabboo hin nyaanne; daadhii woyni'ii yookiin untoo nama macheessitu hin unne. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka te'e akka beettanuuf tana godhe› jedhee isinitti himeera. Yennaa isin addee tana dhuttane, mootiin Heshiboonii Sihoonii fi mootiin Baashaanii Oog nu loliisaaf dhufane; te'uu malee nuuti isaan injifanne; lafa isaaniille fudhannee, gosa Ruubeniitiif, gosa Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'eetiif dhaala goonee kennine. Tanaaf wonni isin gootanu marti akka isinii teetuuf, jechoota gondooroo tanaa eegadha'a.
10 «Isin marti, sooressitooti gosa teessanii, jaarsoleen teessan, qondaaltoti teessanille, namooti Israa'elii marti adha Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura dhaabbataneeran; 11 ijoolleen teessan, niitoti teessanii fi alagaan addee quttumaa teessan keessa jiranu, worra qoraan isinii cassuu jalqabee haga worra bisaan isiniif woraabuutitti isin woliin dhaabbataneeran. 12 Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin kakatiisaan Gondooru san, isa woliin godhatiisaaf, isin adha as dhaabbattaneertan. 13 Mootiin Waan Maraa akkuma isiniif waadaa gale, akkuma abbootii teessan Abrahaamiif, Yisihaqiif, Yaaqoobiifille kakate, inni Waaqa isinii te'iisaaf, kolbaa ifiille isin godhatiisaaf adha tana godhe. 14 Mootiin Waan Maraa Gondooroo tana isin woliin qofa adoo hin te'in, 15 worra adha Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura as nu woliin dhaabbatuu fi worra adha as nu woliin hin jirre wolille'een godhe.
16 «Nuuti biyya Gibxi'ii keessa attam akka leenee fi gosa biyya adda addaa keessa attam dabarree akka dhunne isinuu hin beettan. 17 Odduu isaaniititti waan jibbisiisaa, waaqota dharaa ka isaanii ka mukaatii fi dhaka'aa, ka meeti'iitii fi worqi'ii dhaggitaneertan. 18 Isin keessaa dhiirti yookiin dubartiin, maatiin yookiin gosi gadhaan isaanii Mootii Waan Maraa Waaqa keenna irraa deebi'e, dhaqanee waaqota gosa biyya adda addaa akka hin waaqonfanne ifi eegadha'a. Hiddi midhaan hadhowaa summii qabu buusu odduu teessan akka hin jiraanne ifi eegadha'a. 19 Nami akkasii jechoota abaarsaa kana dhage'ee, gadhaa ifii keessatti, ifi eebbifatee, ‹Ani mataa jabeennaan le'ulle, hantuun na hin dhaqqaddu› jedhee yoo herrege, worra dansa'aa fi worra hamaa irratti badii hin fida. 20 Mootiin Waan Maraa nama akkasiitiif hin araaramu. Aari'ii fi hinaaffaan Mootii Waan Maraa isa irratti hin bobeetti; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame marti isa irratti hin bu'a. Mootiin Waan Maraa maqaa isaa lafa irraa haxowee hin balleessa. 21 Mootiin Waan Maraa akkuma abaarsa gondooro'oo ka kitaaba seeraa kana keessatti barreeffameetitti, nama akkasii gosa Israa'elii mara keessaa baasee hin balleessa.
22 «Dhalooti isin duubaan dhufu, sanyiin teessanii fi ormi fago'oo dhufu bala'aa fi dhibee Mootiin Waan Maraa lafa teessan irratti fide dhagganee, 23 ‹Latti sun guutumatti dhakaa bobe'uu fi sooddaan hin gubatti; wonni tokkolle irratti hin dhaabantu; wonni tokkolle irratti hin lattu; isiin akka badii Sodoomii fi Gomora'aa, akka Aadima'aa fi Zebo'iimii ta Mootiin Waan Maraa aari'ii fi mufii ifii guddo'oon garagaggalchee hin teeti› hin jedhan. 24 Achiin duuba gosi biyya adda addaa marti maadeffattee, ‹Mootiin Waan Maraa maaf lafa tana irratti waan akkasii godhe? Wonni inni aaree bobe'eef maan?› hin jetti. 25 Achiin duuba kolbaan deebittee, ‹Isaan Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii isaanii yennaa biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase, isaan woliin gondoore san waan diiganeef. 26 Isaan dhaqanee waaqota hin beenne, ka inni hin ajajin waaqota dhibii tajaajilanee waaqonfatane. 27 Tanaaf Mootiin Waan Maraa lafa tanatti aaree bobe'ee, abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame mara lafa irratti fide. 28 Mootiin Waan Maraa aaree bobe'ee, mufii ifii guddo'oon lafa isaanii keessaa isaan buqqisee, akka adha jiranu kanatti biyya ormaa keessatti isaan gate› hin jetti.
29 «Wonni dhossa'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa ti; wonni mudhate ammoo, jecha seera kanaa mara akka hordonnuuf, teennaa fi ta ijoollee teennaa ti.

*29:1 Horeeb: Gaara Siina'aa ti.