30
Eebba Gara Mootii Waan Maraa Deebi'iisaan Dhaggamu
1 «Eebbaa fi abaarsi ani adha isin dura keye kun martinuu yennaa isin dhaqqabe, isin addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan gosa biyya adda addaa mara odduu isin bittinneessetti deebitanee yennaa waan kana qaabattane, 2 isinii fi sanyiin teessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitanee, akkuma ani adha isin ajajetti, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isaaf yoo ajajantane, 3 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan boojuu teessan hin deebisa; isiniif hin marara; addee isin itti bittinneesse gosa biyya adda addaa keessaa, deebisee wolitti isin hin qaba. 4 Haga qaccee biyya lafaatitti bittinnoottanulle, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan wolitti isin qabee deebisee isin hin fida. 5 Inni gara lafa abbootiin teessan qabatte san isin hin fida; isinille isii san hin qabattan. Inni abbootii teessan caalaa isin qananoonsee, laakkossa keessanille hin baceessa. 6 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin isa jaalatanee leetanu, qalbii teessanii fi qalbii ijoollee teessanii haqanqabaa hin qaba. 7 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan abaarsa kana mara diinota keessan worra isin jibbuu fi worra isin miidhu irratti hin fida. 8 Isin deebitanee isaaf hin ajajantan; ajaja ani adha isin ajaju mara hin eegattan. 9 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin hujjanu maraan, ijoolle'een, hortee horii keessaniitii fi midhaan ficha'aatiin isin hin duroonsa. Inni abbootii teessan duroonsiisaan akkuma gammade, isinille duroonsiisaan hin gammada. 10 Tun yoo isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajajaa fi seerata kitaaba kana keessatti barreeffame mara eegatiisaan, gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebitane teeti.
Du'aa Fi Jiruu Keessaa Tokko Filatiisa
11 «Ajaji ani adha isin ajaju kun guddoo ka isin rakkisuu moti yookiin ka isin irraa fagoo jiruu moti. 12 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuuf, eentu ol-gubbaa bayee fidee nutti hima?› akka hin jenne ol-gubbaa hin jiru. 13 Isin, ‹Akka nuuti dhageennee ajajannuufille, eentu abbaayaa gamatti bu'ee fidee nutti hima?› akka hin jenne ajaji kun abbaaya'aan gama hin jiru. 14 Garuu jechi isinuma bira jira; akka isin ajajantanuufille afaanii fi gadhaa keessan keessa jira. 15 Kunoo, ani adha jiru'uu fi qananummaa, du'aa fi badii isin dura keyeera. 16 Akka isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaalatanu, karaa isaa irra akka ideentanu, ajaja isaa, seerata fi seera isaalle akka eegattanu, ani isin ajaja; achiin duuba jiru'uun hin leetan; hin hortan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan lafa isin itti galtanee qabattanu keessatti isin hin eebbisa. 17 Gadhaan keessan isa irraa deebi'ee, isaaf ajajamiisa diddanee, waaqota dhibii sagadiisaaf sobantanee yoo isaan waaqonfatane ammoo, 18 dhuguma akka isin baddanu ani adha isinitti hima; laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabattanu san keessa bara dheeraa hin leetanu. 19 Ani adha jiru'uu fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akka keye ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa akka bayanu hin godha. Tanaaf Isinii fi sanyiin teessan akka leetanu jiruu filadha'a. 20 Mootii Waan Maraa Waaqa keessan jaaladha'a; isaaf ajajama'a; isatti maxxana'a; inni jiruu teessan waan te'eef, lafa abbootii teessan ta durii Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kakate san keessatti bara dheeraa isiniif hin kenna» jedhe.