12
Barri rakko'oo adoo hin dhufin, woggooti, ati, «Ana hin gammachiisanu» jettulle adoo hin dhikaatin, bara dargaggummaa teetii ka si dade qaabadhu. Ati yennaa dulloontu aduun, ifi, jiinii fi urjiin hin dukkanowan; duumensi bokkeyaa hin dabaru. Yennaa san harki keeti hin hollata; miilli keeti hin dadhaba; ilkaan keeti waan si irraa harca'uuf corqitee hin dandeettu; ilti teetille hubattee hin dhaggitu. Yennaa san gurri keeti dhage'uu hin dadhaba; yennaa wo nyaattulle corqiis hin dhage'amu; namooti yennaa sinbirreen woccu hin ka'an; qoonqoon woca isaanii ammoo sitti diqqoo dhage'ama. Yennaa san tarba bayiisa hin sodaatta; miilaan deemiisa guddoo hin sodaatta; rifeensi keeti akka daraaraa muka «Almond» jedhamuu adii hin te'a; yennaa ideentu akka korophiisaa hin tatabbitta; fedhiin teeti hin baddi. Achiin duuba ati gara mana keeti ka bara baraa hin deenta; kolbaan awwaala keetiif hin yaati. Jiruun teeti akka haachaba meeti'ii adoo hin citin yookiin akka qorii worqi'ii adoo hin cabin yookiin akka waan bisaaniin woraabbatanuu, madda biratti adoo hin bututin yookiin akka korboo bisaan boollaa ittiin woraabbatanuu, adoo hin cabin, biyyeen gara biyye'ee adoo hin deebi'in, hafuurrille gara Waaqa isa kennee adoo hin deebi'in ka si dade qaabadhu.
Lallabaan, «Wonni martinuu bu'aa hin qaddu! Dhugumaan bu'aa hin qaddu!» jedha.
Yaada Buufataa
Lallabaan qaroo waan te'eef, waan ifii beeku kolbaa barsiise; mammaassa hedduu itti yaadee, qorqoree, tarree galchee qopheesse. 10 Inni jecha sirri'ii dhaggiisaaf qorqoree, waan dhugaa te'ee fi sirrii te'e barreesse. 11 Jechooti qaroole'ee akka sibiila mutaa qotiyyoo ittiin oofanuu ti; jechooti isaanii ka wolitti qabamane, akka mismaara lixee seenee ti; jechi kun martinuu Waaqa tokkocha nu mara tissu irraa kennamane.
12 Ilma kiyya, gorsa dhibii kanatti aanee jirulle fudhadhu! Kitaabota hedduu barreessiisille muummee hin qabu; kitaaba qorqortii baceessiis nama dadhassiisa.
13 Amma wonni marti dhage'anteerti; muummeen waan maraa tana waan teeteef, Waaqa sodaadhu; ajaja isaa eeggadhu; hujiin namaa guddittiin tana. 14 Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura'aa hin fida.