Kitaaba Faaruu Solomoonii
Seensa
Kitaab faaruu Solomoonii irra caalaa wolaloo jaalalaa faaruu dhiirti dubartii, dubartiin dhiira faarfattu. Hiikkaa garii keessatti kitaab kun, «Faaruu faaruu caaltu» yookiin, «Faaruu keessaa faaruu guddoo bareeddu» jedhamee beekkama. Woraabbii afaan Ibrootaa keessatti kitaab kun ka Solomoonii te'uun isaa waan beekkameef, kitaaba Solomoonii jedhama.
Faaruu tana worri Yihudootaa yennaa hedduu jaalala Waaqaa fi kolbaa isaa wodhakkaa jiruun wol fakkeessan; worri Kiristaanaa jaalala Kiristoosii fi Wolde'a Kiristaanaa wodhakkaa jiruun wol fakkeessan.
Haadhoo Dubbi'ii
Faaruu Qaraa1:1—2:7
Faaruu Lammeesso'oo2:8—3:5
Faaruu Sadeesso'oo3:6—5:1
Faaruu Arfeesso'oo5:2—6:3
Faaruu Shaneesso'oo6:4—8:4
Faaruu Jayeesso'oo8:5-14
1
1 Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu.
Faaruu Qaraa
Waajibittiin
2 «Jaalalli keeti daadhii woyni'ii waan caaluuf,
afaan kiyya keessa na sunqadhu.
3 Fooleen fiqiree teetii hin uddootti;
maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti;
tanaaf durri marti si jaalatti.
4 Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti;
ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi.
Jaaloti
Nuuti si'iin firinxiindhee hin gammanna;
daadhii woyni'ii caalaa jaalala keeti leellinna;
dubartooti marti dhuguma si jaalatan.
Waajibittii
5 Ee, durra Yerusaalemii!
Ani gurraattii te'ulle,
akka dunkaanii Qedaarii,
akka gollaa mana mootummaa Solomoonii miidhaga.
6 Ani gurraattii waan te'eef,
aduun waan na gurraachessiteef,
na hin daaw'atina'a!
Obboleeyyan tiyya natti aaranee,
oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane;
muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne.
7 Jaala kiyya ka lubbu'uu!
Hoolee teeti eessa akka tiffattu,
Waareelle eessatti akka boqachiifattu natti himi.
Ani maaniif hoolee jaalota teetii bira
akka dubartii fuula hagooggattee joonja?» jette.
Waajibichi
8 Ati ta dubartii mara caalaa miidhaddu!
Yoo hin beenne teete,
hoolee gula ideemi!
Ilmoolee re'e'ee teeti
dunkaanii tissitootaa bira dheechifadhu.
9 Obboleettii tiyya!
Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanu
ka Fara'oonii keessaa
akka farda tokkoo ti.
10 Mallaan teeti seesaan,
mormi keetille dooqaan miidhageera.
11 Ani*Ani: Afaan Ibrootaatiin «Nuuti» Jedha. Nuuti jechuun isaa akka mootichi ifi himu. worqii gurraa,
ta meeti'iin seefante hujisiisa.
Waajibittii
12 Mootiin areerratiisatti jiruun,
fiqireen tiyya uddaa ifii fiqqitte.
13 Jaalalleen kiyya akka subba qumbi'ii ti;
inni odduu harma kiyyaa boqata.
14 Jaalalleen kiyya naaf akka daraaraa uddowu,
ka addee muka woyni'ii
ka madda En-Gedii keessaa ti.
Waajibichi
15 Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda!
Ee, attam attam miidhadda!
Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti.
Waajibittii
16 Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda!
Ati attam attam nama gammachiitta!
Taqeen teenna akka marra bisile'ee ti.
Waajibichi
17 Utubaan mana keennaa muka hindheensaa ti;
dagaleen isaalle muka birbirsaa ti.