2
Waajibittii
Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fi
akka daraaraa dhooqa keessaa ti.
Waajibichi
Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'utti
akka daraaraa qoree odduu jiruu ti.
Waajibittii
Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti,
akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti.
Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada;
midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa.
Inni gara mana gammadaa na geesse;
beessisi jaalala isaa na irra jira.
Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef,
midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a;
midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a.
Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa;
harki isaa middichi adoo na hanqafataa.
Ee dubartoota Yerusaalemii,
haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,
jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,
ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,
isin magannifadha.
Faaruu Lammeesso'oo
Waajibittii
Kunoo, jaalalleen kiyya,
gaarota irra u'utaalaa,
koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a.
Jaalalleen kiyya jilibaa yookiin
ilmoolee gadansaa fakkaata.
Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata;
qowa dalleyaatiin,
fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira.
10 Jaalalleen kiyya natti dubbatee,
«Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!
Koy, woliin ideenna.
11 Kunoo, ganni dabareera;
bokkeenni roobuu lakkisee caameera.
12 Daraaraan baquu jalqabeera;
yennaan faaruu faarfatanu geetteerti;
qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessatti
dhage'anteerti.
13 Harruun midhaanotteerti;
woyniille daraartee uddootteerti.
Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!
Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe.
Waajibichi
14 Ee, saphaliisa tiyya,
ta holla dhakaa keessaa,
ta addee dhokata gaara keessaa,
fuula keeti natti mudhisi;
qoonqoo teeti na dhageessis;
qoonqoon teeti natti tolti;
fuulli keeti natti miidhaga.
 
15 Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaa
worra woynii teenna ta daraariisatti jirtu
nu duraa balleessu, nuu qaba'a.
Waajibittii
16 Jaalalleen kiyya, kiyyuma;
anille ta isaa ti;
inni daraaraa dansaa keessa horii tissa.
17 Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in,
aduun adoo hin bayin,
akka jiliba'aa yookiin
akka ilmoolee gadansaa,
gaara bu'aa bayii qabu irra
utaalaa gara kiyya koy.