3
1 Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti
jaala kiyya ka lubbu'uu barbaade;
ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.
2 Ani amma ka'ee qachaa keessa,
karaa irra, woldeennaa kara'aa irra deddeemee,
jaala kiyya ka lubbu'uu hin barbaada;
ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.
3 Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu,
na dhaggane;
anille, «Jaala kiyya ka lubbu'uu
dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.
4 Isaan irra akkuma dabareen,
jaala kiyya ka lubbu'uu san dhaggee,
isa qabadhe;
gara mana haadha tiyyaa,
gara kolloo haadha na deetteetitti
haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.
5 Ee dubartoota Yerusaalemii,
haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,
jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,
ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,
isin magannifadha.
Faaruu Sadeesso'oo
Waajibittii
6 Ka lafa goomole'ee keessaa
akka duumensa aaraa
ol bayiisatti jiru,
ka akka fiqiree qumbi'ii fi hixaanaan
daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?
7 Kunoo, barcumaan mootumma'aa*Barcumaa mootumma'aa: Barcumaan mootumma'aa kun ka kolbaan Solomoon ittiin ba'attee asii fi achi ideentu. ka Solomoonii,
loltoota hunnaameyyii Israa'elii
keessaa ta filatante jaatamaan marfameera.
8 Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan;
martinuu muuxannoo lolaa qaban;
bidhaa halkaniitiif
tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.
9 Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa,
barcumaa mootumma'aa ka ifii hujisiifate.
10 Miilli barcumaa mootumma'aa sanii meetii irraa,
irkoon isaa worqii irraa,
addeen tee'iisaa woyaa dhiille'een gonfameera;
keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.
11 Ee Dubartoota Yerusaalemii,
dhaqa'aatii kallacha Solomoonii mootichaa,
ka haati isaa guyyaa fuudha isaa,
guyyaa gadhaan isaa gammadetti
itti keette ilaala'a.
*3:7 Barcumaa mootumma'aa: Barcumaan mootumma'aa kun ka kolbaan Solomoon ittiin ba'attee asii fi achi ideentu.