4
Waajibichi
1 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!
Ee, ati attam attam dansitti'i!
Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,
akka ila saphaliisaa kuulle'e;
rifeensi mataa keetii
re'oota gaara Giil'aadii irraa
gad yaa'anu fakkaata.
2 Ilkaan keeti akka hoolota adii
yennaa rifeensi isaanii muramu
nafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti;
hooloti tun martinuu lakkuu dhalti;
maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu.
3 Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti;
haasonni keeti namatti tola.
Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,
midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata.
4 Mormi keeti xelleephoo Daawitii,
ta wonteen gugurdoon kum tokko,
wonteen goototaa martinuu
itti fannifamanu fakkaata.
5 Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee,
lakkuu jilibaa ilmoole'ee,
ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata.
6 Adoo boruun hin dayya'in,
aduun adoo hin bayin,
ani gara gaara qumbi'iitii fi
gara kooba hixaanaa hin dhaqa.
7 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!
Womaa dhidhinna hin qaddu.
8 Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy!
Libaanon irraa gara kiyya koy!
Qaccee gaara Amaanaa irraa,
qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii,
goda neenqaa,
koobota qeeransaa irralle gad bu'i.
9 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Ati midhuu teeti takkatti'iin,
dirata morma keetiitiin
qalbii tiyya boojite.
10 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa!
daadhii woyni'ii caalaa
attam attam gabbi nama godha!
Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti.
11 Waajibittii tiyya!
Hidhiin teeti akka dhaaba dammaa
nadhii coccossiti;
aananii fi dammi arraba keeti jala jiran;
fooleen woyaa teetii akka foolee
hindheensa Libaanonii ti.
12 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Ati akka oorruu itti ijaaramee ti;
akka madda dalleyaan marfameetii fi
akka burqaa cuqqaalamee ti.
13 Ati akka oorruu muka rumaanii,
ka midhaan dansaa buusu,
ka daraaraan uddowuu fi
biqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti.
14 Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu,
marri uddowu, qarafaan,
muki hixaanaa, muki qumbi'ii,
daraaraan hargiisaatii fi
uddowaan dansaan adda addaa marti
achi keessa jiran.
15 Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu,
ka boolla keessaa yaa'u,
bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti.
Waajibittii
16 Ee, qilleensa kaabaa dammaqi!
Ee, qilleensa kibbaa koy!
Oorruu tiyyatti qilleensi;
fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti.
Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufee
midhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti.