Ergaa Phawuloos
Gara Worra Efesoonii Erge
Seensa
Ergaan Phawuloos worra Efesooniitiif barreesse waan maraan dura ka itti xiyyeeffattu, «Karoorri Waaqaa dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu maraayyuu addee takka'atti baallii Kiristoosii tokkochaa jala akka teetu godhiisa» yaada jedhu (1:10). Itti dabaliisaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin, sanyiin namaa mara tokko akka teetu, karoora Waaqaa guddaa kana hujii irra akka oolchanu, kolbaa Waaqaa ta yaadachiittu.
Ergaan gara worra Efesoonii kutaa jalqabaa keessatti, barreessaan marroo tokkummaa mata duree jalqabe badhisiisaan Waaqi Abbaan kolbaa ifii attam akka filate, Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin cubbuu isaaniitiif araara dhaggatanee, attam akka bilisa te'anee fi, dubbiin Waaqaa ta addii guddo'oo, karaa Ayyaana Woyyichaatiin attamiin akka mirkanootte dubbatti; kutaa lammeesso'oo keessatti, barreessaan worri ergaa tana dubbifatu jireenna woliin qabanu keessatti, Kiristoosiin te'anee tokkummaan isaan qabanu dhugaamettii akka teetu, attam le'iisa akka isaan barbaachisu, isaan yaadachiisa.
Namooti tokkummaa karaa Kiristoosiitiin qabanuun attam godhanee tokkumma'aan le'iisa akka dande'anu, haala dubbii adda addaatiin mudhifameera; wolde'i kiristaanaa akka nafaa yennaa te'u, Kiristoos akka mataa nafaa ti; wolde'i kiristaanaa akka ijaarsa dhaka'aan ijaaramu yennaa te'u, Kiristoos akka dhakaa roga qaccee ijaarsaa ti; wolde'i kiristaanaa akka niiti'ii yennaa te'u, Kiristoos akka dhirsaa ti; barreessaan ergaa tanaa, marroo badhaadha Waaqaa ka karaa Kiristoosiitiin mudhatee, guddisee maadeffataa yennaa dubbatu, gad fageessee issiisaan dhikeessa; waan maraayyuu karaa jaalala Kiristoosiitiin, karaa woreegamaatiin, karaa araaraatiin, karaa badhaadhaa fi qulqullinnaatiin ilaala.
Haadhoo Dubbi'ii
Itti seensa1:1-2
Kiristoosii fi wolde'a kiristaanaa1:3—3:21
Kiristoosiin jiruu haareya4:1—6:20
Yaada buufataa6:21-24
1
Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuusii te'e irraa:
Worra Kiristoos Yesuusiif addatantane, kolbaa Waaqaa ta Efesoon keessa jirtanuuf,HuE. 18:19-21
Waaqi abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.
Eebba Ayyaantumma'aa Ka Kiristoosiin Dhaggamu
Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubba'aa maraan nu eebbise, galatoomuu ti! Inni dadama biyya lafaatiin duraayyuu, isa duratti woyyootaa fi worra komii hin qanne akka teenu, Kiristoosiin nu filateera.
Jaalala ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin ijoollee ifii akka nu godhatuuf Waaqi akka fedhaa fi halchaa ifii dansa'aatitti duruu murteesseera. Badhaadhi isaa ulfaataan, ka inni Ilma ifii jaalatama'aan tola nuuf kenne, akka galateeffamuuf tana godhe. Akkuma durummaa badhaadha Waaqaatitti, dhiiga Kiristoosiitiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhaggane.Qol. 1:14 Badhaadha ifiille qaroomaa fi beekkumsa maraan nuuf dhangalaase. Waaqi akkuma duraan karaa Kiristoosiitiin karoorfate, dhossaa fedha ifii akka halchaa ifii dansa'aatitti akka nuuti beennu godhe. 10 Karoorri Waaqi yennaa barri geye muummessu, dadi ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu mara, wolitti qabantee baallii Kiristoosii jala akka teetu godhiisa.
11 Waaqi waan mara akka fedhaa fi gorsa ifiititti hujatu, jalqaba irrattuu akkuma murteessetti, Kiristoosiin kolbaa isaa akka teenuuf nu filate. 12 Wonni inni tana godheef, nuuti worri Kiristoositti addii godhatiisaan worra duraa teene, akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu*Akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu: Yookiin galata ulfinna Waaqaatiif akka leenu.
13 Isinille ergaa dhuga'aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te'een mallatteeffantaneertan. 14 Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti.
Daadimata Phawuloosii
15 Waan kanaaf, ani haga Goottaa Yesuusitti dhugeeffatiisa keessanii fi kolbaa Waaqaa mara jaalatiisa keessan dhage'ee jalqabee, 16 daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne. 17 Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha. 18 Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te'e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, 19 nu worra dhugeeffatulle'eef, hunna isaa ta waan duudi'iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka, 20 yennaa inni Kiristoos du'a keessaa kaasee, ol-gubba'atti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. 21 Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te'in, ta dhuttulle'etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise. 22 Waaqi waan mara baallii Kiristoosii jala galchee, waan mara irratti mataa godhee wolde'a kiristaanaatiif isa kenne. 23 Wolde'i kiristaanaa nafaa fi guutummaa Kiristoosii waan mara karaa maraan guutuu ti.Qol. 1:18

1:1 HuE. 18:19-21

1:7 Qol. 1:14

*1:12 Akka ulfinna Waaqaatiif galata galchinu: Yookiin galata ulfinna Waaqaatiif akka leenu

1:23 Qol. 1:18