2
Du'a Keessaa Gara Jiru'uu Dabaruu
1 Isin sababa yakka'aa fi cubbuu teessaniitiif duutaneertaniiyyu. 2 Yennaa san isin karaa hamaa biyya lafaa gula deentane; ayyaana amma kolbaa Waaqaaf hin ajajanne toowatu, bulchaa hunnoota ayyaanota qilleensa keessaatiif ajajantane. 3 Dhugumaan marti keennaayyuu akkuma isaanii halchaa foon keennaatii fi qalbii teennaa waan guutu mara hujataa, akkuma halchaa teennaatitti jiraanne. Nuuti akka dadama keennaatitti, akkuma namoota kaanii, mufii Waaqaa jala jirraayyu. 4 Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka'e, 5 yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan. 6 Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isa woliin du'a keessaa nu kaasee, isuma woliin addee ol-gubba'aa keessa nu teessise. 7 Durummaa badhaadha ifii ta hagana hin jedhanne, ta arjummaa ifiitiin karaa Kiristoos Yesuusiitiin nutti mudhise, baroota dhufulle mudhisiisaaf inni tana godhe. 8 Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. 9 Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti. 10 Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa'aaf nu dade.
Karaa Kiristoosiitiin Tokko Te'uu
11 Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te'in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha'a. 12 Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa'eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi'ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha'a. 13 Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu'uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan. 14 Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera. 15 Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige. 16 Fannoo irratti du'iisaan Kiristoos diinummaa isaanii balleesse; inni fanno'oon worra lamaanuu nafa tokko godhee Waaqaan wolitti araarse. 17 Maarre Kiristoos dhufee worra Waaqa irraa fagaate, isin worra Yihudoota hin te'iniif, worra gara Waaqaa dhikaate, isin worra Yihudootaatiifille, Oduu Gammadaa ta nageyaa maraafuu lallabe. 18 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in, nuuti martinuu karaa Kiristoosiitiin Ayyaana tokkoon Abbaa bira geyiisa hin dandeenna.
19 Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te'in haganaa achi orma yookiin alaga'aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. 20 Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus. 21 Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te'iisaaf Gootta'aan guddata. 22 Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te'iisaan ijaaramiisatti jirtan.