3
Phawuloos Worra Yihudoota Hin Te'iniif Lallabe
1 Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te'iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te'eera. 2 Bu'aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana naaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan. 3 Akkuma ani armaan gubba'atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa'aa mudhisee akka ani beeku godheera. 4 Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan. 5 Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhifanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera. 6 Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te'in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te'anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle'etti qoodamiisa.Qol. 1:26-27
7 Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin naaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera. 8 Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana naaf kenne. 9 Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te'e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname. 10 Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde'a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba'aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekanu. 11 Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse. 12 Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneerruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna. 13 Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete.
Jaalala Kiristoosii
14 Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha. 15 Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga'aa Waaqa biraa fudhatti. 16 Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. 17 Karaa dhugeeffanna'aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha. 18 Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti'ii qabaattanu, 19 akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkumsa bira dabare te'e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha.
20 Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf, 21 Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen.