4
Tokkummaa Nafa Kiristoosiitiin Jiru
1 Ani sababa Goottaa tajaajiluuf hidhamaa ka te'e, waamicha itti waamantane saniif akka maletti akka leetanu isin gorsa. 2 Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a. 3 Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a. 4 Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira. 5 Akkasuma Goottaan tokko, dhugeeffannaan tokko, cuupham tokko jira; 6 ammalle ka mara caalu, ka mara keessalle huju, ka mara keessa jiraatu, Abbaa kolbaa maraa ka te'e, Waaqa tokkochatti jira.
7 Akkuma safara kennansa Kiristoosiititti badhaadhi tokko tokkoo keennaaf kennameera. 8 Barreeffam Woyyichi,
«Inni gara gubba'aa yennaa ol baye,
boojuu hedduu booji'ee,
namootaaf kennansa kenne» jedha.
9 Amma, «Ol baye» jechuun maan jechuu isaa ti? Duraan dursee biyya lafaa tana keessa addee gad aantu'utti gad dhufeera jechu'u. 10 Maarre ka gad dhufe, waan duudii dhaggama ifiitiin guutiisaaf kama ol-gubbaa maraan ol baye. 11 Inni worri gariin ergantoota, gariin raagota, gariin lallaboota Wongeelaa, gariin toowattoota, gariin barsiisota akka te'anuuf kennansa isaaniif kenne. 12 Inni nafa Kiristoosii ka te'e wolde'i kiristaanaa akka ijaaramuuf, kolbaa Waaqaa hujii tajaajila kiristaanaatiif qopheessiisaaf tana godhe. 13 Maarre marti keenna dhugeeffannaa teennaa fi Ilma Waaqaa beekiisaan tokko hin teena; ayyaanaan bilchaannee, nama geyaa teenee, haga Kiristoosii geenna. 14 Nuuti danbali'iin gara duraatii fi duubaa raafamaa, qilleensa barsiisa kolbaa dokonkorsitu'uu, ka maltumma'aan worra dhibii sobee dokonkorsuu fi asii achi afuufuun, haganaa achi ijoollee hin teenu. 15 Kanaa mannaa, jaalalaan dhugaa dubbataa, gara Kiristoosii mataa te'ee, karaa maraan guddanna. 16 Kiristoosiin nafi duudiin morgeyaan hidhamee wol qabatee, mitikaan nafaa marti wol qaqqabateera. Maarre yennaa mitikaan martinuu akka hujiisaaf maletti huju, nafi duudiin jaalalaan guddatee ifi ijaara.
Jiruu Haareya Kiristoosiin Dhaggantu
17 Yoona akka worra yaadi isaanii bu'aa hin qannee, akka worra Yihudoota hin te'inii akka hin leene, maqaa Gootta'aatiin jabeessee isin gorsa. 18 Qalbiin isaanii dukkanootteerti; sababa beekuu hin barbaannee fi gadhaa jabeenna isaaniitiif jiruu Waaqi kennu irraa gargar bayaneeran. 19 Isaan fokkoo dhabanee, amala bada'aa fi battummaa mara hujiisaaf joljolanee ifi dabarsanee kennaneeran.
20 Marroo Kiristoosii wonni isin barattane akkasii moti. 21 Dhugumaan marroo isaa dhageettaneertan; dhugaa Yesuus keessa jirtulle barattaneertan. 22 Le'ii dullattii dur le'aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata'a. 23 Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama'a. 24 Jiruu haareya, balchumma'aa fi woyyummaa dhuga'aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha'a.
25 Maarre, yoona soba lakkisa'a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. 26 Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. 27 Seexanaafille karaa hin kennina'a. 28 Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata'aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. 29 Dubbii bu'aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage'uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. 30 Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa*Chaappaa: Beessisa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina'a. 31 Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma'aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. 32 Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama'a, woliif arjooma'a, gadhaalle woliif laafa'a.Qol. 3:13