2
Asteer Giittii Teete
1 Mootichi Ahashiweros aarii caffateen duuba, waan giittittiin Waashit gootee fi marroo lassii isii irratti dabarsee yaadate. 2 Achiin duuba gorsitoota mootichaa keessaa worri isatti dhikaatu, mootichaan, «Durra dadansaa sii barbaadanuu ti. 3 Mootummaa teeti keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, durra dadansaa filanee, qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti gara mana dubartooti si'iif filamane le'anuu fidanee itti gaafatamaa dubartootaa guneessicha Hegaayitti kennanee inni isaan eeguu ti; dibati dansumma'aalle isaaniif kennamuu ti. 4 Achiin duuba dubartoota tana keessaa ta mooticha gammachiittu addee giittittii Waashitii, giittii teetuu ti» jedhane; gorsi kun mooticha gammachiisee, inni akkuma isaan jedhane godhe.
5 Bara san gosa Beniyaaminii keessaa Yihudichi tokko abuuboon Qiishii, akaakoon Shiimi'aayii, ilmi Yaa'iirii Mordekaayi qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa jiraayyu. 6 Inni namoota mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii Yihuda'aa Yikoniyaa*Mootichi Yikoniyaan: Mooticha Yehoyaakiin ka kitaaba 2 Mot. 24:6 keessa jiru woliin tokkuma. woliin Yerusaalemii booji'e keessaa tokko. 7 Mordekaayi intala obboleessa abbaa ifii ta, «Hadaasa» jedhantu ta, «Asteer» jedhantee moggaafante qabaayyu; isiin intala dhaaba toltuu fi bifa miidhaddu. Isiin abba'aa fi haadha waan hin qanneef, Mordekaayi fudhatee akka intala ifiititti isii guddise. 8 Ajajii fi lassiin mootichaa yennaa dhage'ante, durra hedduu gara qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabuu fidanee, Hegaayiin dubartoota eegu, akka inni isaan eeguuf itti kennane. Asteerille gara mana mootumma'aa geessanee Hegaayitti kennane. 9 Asteer fuula Hegaayii duratti jaalatamaa fi fudhatama dhaggatte; innille ariiti'iin dibata dansummaa isi'iitiif barbaachisuu fi sagalee addaa kennisiiseef. Mana mootumma'aa keessaa durra filamane torba, akka isi'iif tajaajilanu addaan baaseefii, mana dubartootaa keessaa ta addee mara caaltutti tajaajiltoota isi'ii tana woliin isii dabarse.
10 Mordekaayi waan dhooggeeruuf, Asteer nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teetee hin mudhinne. 11 Mordekaayi nageya Asteerii yookiin waan isii irra gewu beekiisaaf, guyyuma guyya'aan badhinna mana dubartootaa dura asii fi achi deddeebi'aa ture.
12 Durri takka gara mooticha Ashiwerosii seeniisaaf, badoon isi'ii adoo hin geyiniin dura, ji'a jaa dibata qumbi'iitiin, ji'a jaa fiqire'ee fi uddowaa adda addaatiin wolumatti ji'a kudhanii lama qopheeffamuu qaddiiyyu. 13 Achiin duuba mana dubartootaa keessaa waan isiin barbaaddu mara kennaneefii, gara mana mootumma'aa dhaquu dandeetti. 14 Galgala mooticha woliin rattee, boruyyaa ganama gara mana dubartootaa ka lammeesso'oo ka Sha'asgaaziin guneessichi mootichaa gursumeeyyii itti eegu dhaxxi; mootichi isi'itti gammadee maqa'aan yoo isii hin waamamin, gara isaa hin deebitu.
15 Intalti Abiihaayilii obboleessa abbaa Mordekaayii Asteer, ta Mordekaayi akka intala ifii guddiffate, badoon isiin gara mootichaa seentu yennaa geette, isiin waan Hegaayiin guneessichi dubartoota eegu akka isiin fudhattu hime malee waan tokkolle hin gaafanne. Isiin nama isii dhagge mara duratti fudhatama dhaggatte. 16 Ahashiweros mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, ji'a kudhaneesso'oo ka, «Xebet» jedhamu keessa gara mana mootumma'aa isii geessane.
17 Mootichi durra taan caalaa Asteer jaalate; isiin durra san mara keessaa isa duratti fudhatama dhaggatte. Maarre mootichi kallacha mootumma'aa itti keyee, addee Waashitiititti akka isiin giittii teetu godhe. 18 Achiin duuba mootichi ulfinna Asteeriitiif, namoota gugurda'aa fi qondaaltota mootumma'aatiif areertii guddoo qopheesse; kutaa biyyaa maratti guyyaa jilaa lassee akka arjummaa ifiititti kennansa namootaaf kenne.
Mordekaayi Lubbuu Mootichaa Hambure
19 Lammeessoo durri sun yennaa wolitti qabante, Mordekaayi karra mootichaa dura tee'eeraayyu. 20 Asteer Mordekaayi yennaa isii guddise isaaf ajajamaa waan turteef, gorsa isaa hordofiisaaf, akkuma inni isi'itti hime, nama biyya kamiitii fi maatii kamii akka teete hin mudhinne.
21 Bara Mordekaayi karra mootichaa dura tee'u san, worra karra mootichaa eegu keessaa namooti lama Biigtaanii fi Teresh aaranee, mooticha Ahashiweros ijjeesiisaaf mala dhowane. 22 Mordekaayi ammoo mala dhowame kana beekee, giittittii Asteeritti hime. Isiille akka Mordekaayi mala dhowame kana beeke mootichatti hinte. 23 Dubbiin qoratantee dhugaa yennaa teete, jarri lamaanuu muka irratti fannifamane; wonni kun marti mooticha duratti galmee dabarsi'ii keessatti barreeffante.