Kitaaba Asteerii
Seensa
Kitaaba Asteerii keessatti wonni barreeffameeru, addee mootiin moototaa ka Faaresii ganna le'u keessatti, waan te'e yennaa te'u, dubartittii jajjabeenna gudda'aa fi jaalala guddaa kolbaa ifiitiif qadduun, kolbaa ifii harka diinotaatiin badiisa irraa ta hamburte, Yihudittii janna ta, «Asteer» jedhantee moggaafante takka irratti xiyyeeffata; kitaab kun jilti Yihudootaa ta, «Furiim» jedhantee beekkantu, attam akka jalqaddee fi hiikkaan isi'ii maan akka teete hima.
Haadhoo Dubbi'ii
Asteer Giittii teete1:1—2:23
Haamaan Yihudoota Balleessiisaaf Mala dhowe3:1-15
Mordekaayi Qarqaarsa Asteer Gaafate4:1-17
Mordekaayi Ulfinna Dhaggate5:1—6:14
Haama'atti Duuti Murante7:1-10
Yihudooti Diinota Ifi Irraa Dhooggatanee Balleessane8:1—9:19
Jila Furiimii9:20-32
Guddinna Ahashwerosiitii fi Mordekaayii10:1-3
1
Giittittiin Waashit Mooticha Ahashiwerosiif Ajajamuu Didde
Bara mootichi Ahashiweros biyya Hindiitii haga biyya Itoophiya'aa*Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. biyya dhibbaa fi diddamii torba bulchu keessatti wonni te'e ka asii gad jiru: bara san mootichi Ahashiweros qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessatti, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra tee'ee bulchaayyu; inni mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti areertiiAreertii: Yookiin nyaachisa yookiin affeerra. qopheessee qondaaltota ifiitii fi worra gugurdaa waame; jila tana irratti sooreyyiin loltoota Faaresiitii fi Medoonii, sooressitooti biyyaatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa dhaggamaneeraniiyyu. Inni guyyaa dhibbaa fi saddeettama guutuu, qabeenna guddaa mootummaa ifii, arnyaa fi ulfinna ifii mudhise.
Achiin duuba mootichi Ahashiweros worra qachaa Suusaa ka dalleya dhaka'aa qabu keessa le'u, gudda'aa fi diqqaa mara, mana mootummaa ifii keessatti badhinna oorru'uun marfametti, jila jilisee guyyaa torbaaf waame. Badhinni addee oorru'uu sun gollaa quncee talba'aa irraa hujame adi'ii fi dhiillee qabaayyu; gollaan sun wodaroo quncee talba'aa adi'ii fi dhiillee irraa dhowamee, qubee meeti'iititti hidhamee, utubaa cabbii cululuxxu'uu irratti gad rarraafameeraayyu; taqeen gaggabaadduun worqi'ii fi meetii irraa hujamane, lafa dhakaan gatii guddo'oo adiin, diima'aa fi dadansaan dhibiin irratti afamane irra jiraniiyyu. Mootichi daadhii woyni'ii ta mootumma'aa bacaa waan qabuuf arjoomee, muduunuu adda addaa ta worqii irraa hujanteen namootaaf akka qoodanu godhe. Nama tokko tokkoofuu akka fedha isaatitti daadhii woyni'ii akka kennanuuf, mootichi tajaajiltoota ifii mara waan ajajeef, keessummooti martinuu haga fedhane unane.
Giittittiin Waashitille mana mootumma'aa ka Ahashiwerosii keessatti dubartootaaf jila jilitte.
10 Jilti jalqabantee guyyaa torbeesso'ootitti, mootichi Ahashiweros daadhii woyni'ii unee yennaa gammade, guneessota torba worra isa tajaajilanu Mihumaan, Biiztaan, Harbonaa, Biigtaan, Abaagtaa, Zetaarinii fi Karkaasin waamee, 11 «Giittittiin Waashit kallacha mootumma'aa keyattee akka as dhuttu godha'a» jedhee isaan ajaje; mootichi giittittiin Waashit guddoo dansittii waan teeteef, kolba'aa fi qondaaltotatti mudhisiisaaf tana godhe. 12 Tajaajiltooti mootichaa guneeyyiin, ajaja mootichaa giittittii Waashititti yennaa himane ammoo, isiin mooticha dura dhikaatiisa didde; achiin duuba mootichi aaree bobe'e.
13 Haajaa seeraatii fi haqaa ilaalchisee, beekkolee qorachuun mooticha biratti waan baratame waan teeteef, beekkolee woliin mari'ate. 14 Beekkoleen mootichi yennaa mara woliin mari'atu qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii torba worra mootummaa keessatti baallii guddoo qabanu Karshenaa, Shetaar, Admaataa, Tarshiish, Meres, Marsena'aa fi Memukaan. 15 Mootichi, «Giittittiin Waashit ajaja ani mootichi Ahashweros guneessota tajaajiltoota tiyya itti ergee isii ajaje waan diddeef, akka seeraatitti maan isii godhuu woyya?» jedhee gaafate.
16 Achiin duuba Memukaan mootichaa fi qondaaltota duratti, «Giittittiin Waashit ka qaanessite mooticha qofa adoo hin te'in, qondaaltota maraa fi kolbaa kutaa biyya Ahashwerosii keessa jiranu mara qaanessite. 17 Waan isiin goote kana dubartooti marti hin dhage'an; maarre isaan, ‹Mootichi Ahashiweros giittittii Waashit gara isaa akka dhuttuuf ajajulle, isiin ammoo dhufuu didde› jedhanee, dhirsoota ifii hin tuffatan. 18 Dubartooti qondaaltota Faaresiitii fi Medoonii worri oduu giittittii tanaa dhage'ane, adhuma tana akkuma isiin jette, isaanille dhirsoota ifiitiin hin jedhan; dubartooti biyyaa martinuu dhirsoota ifiitiif ulfinna kennuu lakkisanee, dhirsoota ifii woliin wol hin lolan. 19 Maarre mootii keenna! Yoo fedhii teeti teete, giittittiin Waashit si mooticha Ahashiweros dura akka hin dhikaanneef, ajaja baasiitii seera Faaresiitii fi Medoonii ka jijjiiramuu hin dandeenne keessatti barreessi; giittummaa isi'iille dubartii isii caaltu ta dhibi'iif kenni. 20 Achiin duuba ajaji keeti mootummaa teeti badhoo tana duudii keessatti yennaa himamu, dubartooti martinuu, kun dureessa kun hiyyeessa adoo hin jedhin dhirsoota ifiitiif ulfinna hin kennan» jedhe.
21 Mootichii fi qondaaltoti marti gorsa kanatti gammadane; maarre mootichi akkuma Memukaan jedhe godhe. 22 Mootichi Ahashiweros barreeffama, «Abbaan manaa martinuu mana ifii irratti bulchaa te'ee, afaan kolbaa ifii dubbatuu ti!» jedhu, kutaa biyyaa tokko tokkoofuu akka isaan itti barreeffatanuttiAkka isaan itti barreeffatanutti: Akkaataa qubee isaaniitiin jechu'u., kolbaa maraaf afaan isaaniitiin barreessee, kutaa biyya mootummaa ifii maratti erge.

*1:1 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.

1:3 Areertii: Yookiin nyaachisa yookiin affeerra.

1:22 Akka isaan itti barreeffatanutti: Akkaataa qubee isaaniitiin jechu'u.