13
Israa'el Orma Irraa Gargar Baate
Gaafas isaan kitaaba Muuse'ee qoonqoo ol qabatanee dubbisane; kitaaba san keessalle'etti «Worri Amooniitii fi Mo'aabii ijjumaa wolde'a Waaqaatitti hin makamin» jedhantee ta barreeffanteertu dhaggane. Worri Amooniitii fi Mo'aabii, karaa biyya Gibxi'ii irratti sagale'ee fi bisaan kolbaa Israa'eliitiif kennuu irra, Bala'aam beese'een bitanee akka kolbaa Israa'elii isaaniif abaaru waan godhaneef, ajaji kun kenname. Te'uu malee, Waaqi keenna abaarsa eebbatti jijjiire. Kolbaan yennaa Seera kana dubbifamuun dhageette, sanyii ormaa Israa'elii irraa gargar baache.
Tanaan dura hayyichi Eliyaashiib, itti gaafatamaan meya Galma Waaqaa keessaa, Xobiiyaa woliin lansummaa qabaayyu. Inni kolloo badhoo, ta dur kennansi midhaanii, kennansi hixaanaa, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaanii ka kudhan keessaa tokkoo, daadhiin woyni'iitii fi zayitiin Lewwootaaf, faarfattootaaf, worra karra eeguufille kennamu akka keessa keyamu yaadamee hujame, akkasuma kennansi hayyootaaf kennamu keessa keyamu, Xobiiya'aaf kenne. Artashaastaan mootiin Baabilonii mootii te'ee woggaa soddomii lammeesso'ootitti ani gara mootichaa waan dhaqeef, yennaa san maraayyuu ani Yerusaalem keessa hin jiru; yennaa diqqo'oon duuba ammoo mooticha kadhadhee, gara Yerusaalemii deebi'e; achitti Eliyaashiib Galma Waaqaa keessatti kolloo tokko Xobiiya'aaf kenniisaan waan hantuu inni huje hubadhe. Kun guddoo na aarsee, meya manaa ka Xobiiya'aa mara kolloo Galma Waaqaa san keessaa gad gate. Achiin duuba ani kolloon akka qulqulleeffantu, mey Galma Waaqaa, kennansi midhaaniitii fi hixaanaalle akka deebi'ee itti galu ajaje.
10 Lewwootii fi faarfattooti Galma Waaqaa keessaa, qoodi isaanii waan hin kennaminiif, akka isaan gara fichaa ifii deebi'ane hubadhe. 11 Maarre ani bulchitoota mormee, «Galmi Waaqaa maaniif gatame» jedhee gaafadhe; Lewwootaa fi faarfattootalle wolitti waamee hujii Galma Waaqaa keessaatitti isaan deebise. 12 Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa martinuu midhaan irraa, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irraa, kudhan keessaa tokko kolloo meya Galma Waaqaatitti fidiisa jalqabane. 13 Ani Shelemiiyaa hayyicha, Zaadoqii barsiisaa Seeraatii fi Fadaayaa Lewwicha, addatantoota waan te'aneef, itti gaafatantoota mana meya Galma Waaqaa akka te'anu godhe; Haanaanii ilma Zaakurii, akaakoo Mataaniiya'aa, qarqaaraa isaanii godhe. Hujiin isaanii qooda fira isaaniitiif kennamu qoodiisa.
14 Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu; hujii dansaa ani Galma keetiif, tajaajila isaatiif godhe haxoottee hin balleessin!
15 Bara san kolbaan Yihuda'aa guyyaa Sanbataatiin woynii cunfanuun, midhaan galfatanuun, unkuruura woyni'ii, midhaan woyni'ii, midhaan harru'uutii fi fe'iisa adda addaa guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidaneeranuun dhagge. Tanaaf ani yennaa san sagalee akka hin gurgurre isaan dhoogge. 16 Kolbaan biyya Xiiroosii worri Yerusaalem keessa le'u gariin qurxummi'ii fi waan gurguramu adda addaa, guyyaa Sanbataatiin gara Yerusaalemii fidanee Yihudootatti gurguratane. 17 Ani qondaaltota Yihuda'aa mormee, «Guyyaa Sanbataatiin, wonni hantuun isin hujiisatti jirtanu kun maan? Isin Sanbata batteessiisatti jirtan. 18 Waaqi qacha'aa fi nu irratti badii tana mara wonni fideef, abbootiin teessan badii tana hujjeefii motii? Ammalle isin Sanbata batteessiisaan Israa'el irratti mufii Waaqaa ta caaltu fidaartan» jedhe.
19 Sanbati boru jedhaa, aduun dhiitee dimimmitteen, karri Yerusaalemii akka cufantuu fi haga Sanbati dabarutti akka hin bananne ani ajaje; guyyaa Sanbataatiin fe'iis tokkolle akka ol hin seenne, tajaajiltoota tiyya keessaa garii karra karra irra dhaabbachiise. 20 Daldaltootii fi worri waan adda addaa gurguratu yennaa tokko yookiin yennaa lama dalleya Yerusaalemiitiin ala bulaneeran. 21 Ani ammoo, «Isin maaniif dalleyaan dura bultan? Lammeessoo yoo itti deebitane, ani hunnaan isin ari'a!» jedhee isaan ifi eeggachiise. Yennaa sanii jalqabanee isaan guyyaa Sanbataatiin deebi'anee hin dhunne. 22 Lewwooti guyyaa Sanbataa woyyoonsiisaaf, ifi qulleessanee, dhaqanee karroota akka eeganu ani isaan ajaje. Ee Waaqa kiyya, waan kanaaf na yaadadhu, akka jaalala keeti guddaa bara baraatitti, na mararfadhu!
23 Bara san ani, dhiirti Yihudootaa dubartoota Ashidoodii, Amooniitii fi Mo'aabii akka fuudhaneeranu beeke. 24 Ijoollee isaanii keessaa gamis afaan worra Ashidoodii yookiin afaan kolbaa dhibi'ii keessaa tokko dubbatti malee, afaan Yihudootaa dandeettee hin dubbattu. 25 Anille isaan mormee, isaan abaareelle, isaan keessaa garii dhowee, rifeensa isaan irraa buqqise; ijoollee durraa ta isaanii ilmaan ormaatitti akka hin heerumsiinne, ilmaan isaaniille yookiin isaan ifiifille ijoollee durraa ta ormaa akka hin fuuneef maqaa Waaqaatiin isaan kakachiise. 26 Ani isaaniin, «Mootiin Israa'elii Solomoon cubbuu ka huje fuudha akkasii kanaanii motii? Gosa biyya adda addaa keessaa mootiin akka isaa hin jiruuyyu; Waaqi isa jaalatee, Israa'el mara irratti isa mootonse; te'uu malee, dubartooti ormaa ta inni fuudhe isaayyuu akka cubbuu huju godhane» jedhe. 27 Isin ijoollee duraa ta ormaa fuudhiisaan Waaqa keenna mormtanee hammeenna gudda'aa fi yakkaa akka hujjanu dhage'iisaan nuutille fakkeenna keessan hordonnaa ree?
28 Yoyaadaan ilma hayyicha guddaa Eliyaashiibii ti; ilmaan Yoyaada'aa keessaa tokkochi intala Sanbalaaxii qachaa horoonii fuudhe; maarre ani akka inni Yerusaalem lakkisee deemu godhe.
29 Ee Waaqa kiyya! Hujii hayyumma'aatii fi gondooroo ati hayyootaa fi Lewwoota woliin goote akka isaan xureessane qaabadhu!
30 Maarre ani hayyootaa fi Lewwoota waan orma te'e mara irraa qulleessee, tokko tokkoofuu, hujii hujanu itti kenne. 31 Ammalle ani qoraan ciincaa ittiin ciinceffamuu fi midhaan galfatanu keessaa ka mata'aa, yennaa murteeffantetti, gara Galma Waaqaa akka fidanu godhe.
Ee Waaqa kiyya, waan ani godhe kanaaf na yaadadhu!