10
Mordekaayi Ulfinna Guddaa Dhaggate
1 Mootichi Ahashiweros lafa mootummaan isaa geette maraa fi oddoolota mootummaa isaa jala jiranu mara irratti gibira buuse. 2 Wonni guddoon inni hunnaa fi jabeenna ifiitiin huje martinuu, mootichi attamiin akka Mordekaayi nama beekkamaa godhelle, kitaaba dabarsii mootota Medooniitii fi Faaresii keessatti barreeffanteerti. 3 Mordekaayiin Yihudichi itti aanaa mooticha Ahashiwerosii ti; Yihudoota odduulle'etti nama ulfaata'aa fi nama jaalatama'a. Inni kolbaa ifiitiif waan dansaa waan hujee fi nageya sanyii isaanii maraaf waan dubbateef, Yihudoota hedduu oddu'utti nama ulfinna guddaa qabu.