Kitaaba Iyoobii
Seensa
Kitaab Iyoobii dabarsii marroo namicha dansaa rakkoon jaddu'uu fi balaan irra dhaqqabe tokkoo hima. Nami kun ijoollee ifiitii fi qabeenna ifii mara dhabiisa qofa adoo hin te'in, madaa hantu'uun farre. Achiin duuba wolaloo sad ta akka mari'iitiin dhikaatteen Iyoobii fi jaaloti isaa haala farrisiisaa akkanaatiin waan itti dhage'ame mudhisan. Dhuma irratti Waaqi ifiifuu Iyoobitti mudhata.
Jaaloti Iyoobii rakkoo isa irra dhaqqadde yaada dhugeeffannaa aada'aatiin diidessan. Tanaaf isaan, «Waaqi nama qajeela'aaf waan dansaa kenna; nama hamaa hin adaba; tanaaf Iyoob cubbuu waan hujeef rakkoon tun isa irra dhaqqadde» jedhan. Iyoob nama balcha'aa fi qajeelaa waan te'eef, adabbiin hantuun tun ammoo ta isa irra dhaqqabu'uuf hin malle. Wonni hiibboo te'e nama balchaa akkasii irratti adabbiin hantuun dhaqqabiisa. Iyoob dhugeeffannaa ifii irraa duubatti deebi'iisa dhabulle, Waaqi muraa sirri'ii isaaf kennee, akka bilisa isa baasuu fi akka duriititti akka isa deebisuuf Waaqa jabeessee gaafatiisa hin lakkinne.
Waaqi gaaffii Iyoobiitiif deebii tokko tokkoon kennuu dhabulle, dhugeeffanna'atti jabaatiisa isaa, hunnaa fi qarooma ifii ka adda te'een bifa wolaloo baaseffachiittuun deebii isaaf kenneera. Achiin duuba Iyoob, Waaqi gudda'aa fi qaroo akka te'e hubatee, sodaa male'ee fi dubbii mufi'iitiin waan itti dubbateef gaabbee, araara galeera.
Dhuma irratti kutaan barreeffama karaa wolaloo hin te'iniin barreeffame, Iyoob akka duriititti akka deebi'ee fi karralle ta durii caala'aayyuu akka dhaggate hubachiisa. Jaaloti Iyoobii rakkoon isa dhaqqadde sababa maaniitiif akka teete waan hin beekiniif, Waaqi guddoo isaan xixeera. Yaada dhugeeffannaa aada'aatiin caalaa Waaqi guddaa akka te'e ka hubate Iyoob qofaayyu.
Haadhoo Dubbi'ii
Iyoob karra ifii, maatii ifiitii fi fayyaa ifii dhabe1:10—2:3
Iyoob guyyaa dhalate abaare3:1-26
Marii qaraa4:1—14:22
Marii lammeesso'oo15:1—21:34
Marii sadeesso'oo22:1—26:14
Dubbii Iyoobii ta muumme'ee27:1—30:31
Iyoob balleessaa akka hin qanne mirkaneessee dubbate 31:1-40
Dubbii Eliihuu32:1—37:24
Dubbii Mootii Waan Maraa ta qaraa38:1—39:30
Dubbii Mootii Waan Maraa ta lammeesso'ootii fi deebii Iyoobii40:1—42:6
Waaqi deebi'ee Iyoob fayyisee, karraa fi maatii isaa eebbise42:7-17
1
Seexanni Iyoob Ataabe
1 Nami maqaan isaa «Iyoob» jedhamu ka lafa, «Uzi» jedhantu keessa le'u tokko jiraayyu; inni nama komii hin qanne, qajeelaa, ka Waaqa sodaatuu fi ka waan hantuu irraa fagaate. 2 Inni ilmaan torbaa fi ijoollee durraa sad, 3 hoolee kuma torba, gaala kuma sad, qotiyyoo ximmaadii dhibba shan, harree dhibba shanii fi tajaajiltoota hedduu qabaayyu. Worra gara aduun baatu jiru keessaa dureessi isa gewu hin jiruuyyu.
4 Ilmaan Iyoobii dabaree dabare'een mana mana ifiititti areerti'iif wol waamaniiyyu; obboleeyyan durraa sadiin ta ifiille waansisaa, isaan woliin nyaataa unaniiyyu. 5 Guyyaan areerti'iif wol waamanu dabareen duuba, Iyoob, «Ijoolleen tiyya gadhaa ifii keessatti Waaqa yakkitee, isa arrassiteerti fa'a» jedhee waan yaaduuf, isaan qulqulleessiisaaf ganama ba'aa ka'ee akka laakkossa isaaniititti ciincaa dhikeessaayyu; inni waan kana yennaa mara tolchaayyu.
6 Gaafa tokko ergantooti Waaqaa, Mootii Waan Maraa dura yennaa dhikaatane, Seexannille isaan woliin dhikaate. 7 Mootiin Waan Maraa, «Ati eessaa dhutte?» jedhee, Seexana gaafate.
Seexanni deebisee, «Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa ture» jedhe.
8 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafaa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate» jedhe.
9 Seexanni deebisee, «Iyoob sababa malee si Waaqa sodaataa ree? 10 Ati isaa fi maatii isaa, waan inni qabu duudi'itti dalleya marsitee ijaartee, hujii isaa duudii eebbittee, horii isaalle waan horsiitteefii motii ree? 11 Me harka keeti diriirsiitii waan inni qabu mara balleessi; inni iluma teeti duratti si hin abaara» jedhe.
12 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a; Iyoob quballe'een hin tuqin malee, waan inni qabu mara akka feete godhuu dandeetta» jedhe.
Achiin duuba Seexanni Mootii Waan Maraa duraa bayee deeme.
Dhuma Ijoollee Iyoobiitii fi Badii Karra Isaa
13 Gaafa tokko ilmaan Iyoobiitii fi ijoolleen durraa ta isaa mana obboleessa angaficha ifiititti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti adoo jiranuu, 14 nami ergame tokko gara Iyoobii dhufee, «Nuuti qotiyyo'oon qotiisatti jirruun, harreeleelle kaloo nu biraa dheediisatti jirtuun, 15 dedhuma namooti Sheeba'aa isaan lolanee, tajaajiltoota shallaaga'aan ijjeesanee, horii dannabanee deemane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
16 Adoo ergamaan sun dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Mandiisuun buutee hoole'ee fi tajaajiltoota teeti fixxe; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
17 Inniin kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Worri Kaldootaa addee saditti qoodamee, dedhuma nu lolee, gaala duudii fudhatee deeme; tajaajiltootalle shallaaga'aan ijjeese; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
18 Ergamaan kunille adoo dubbatiisatti jiruu, ergamaan dhibiin dhufee, «Ilmaan teetii fi ijoolleen durraa teeti mana obboleessa angafichaatitti nyaataa, daadhii woyni'ii uniisatti jirtuun, 19 dedhuma hobonbolattiin goomolee irraa dhuttee, roga manaa arfanuu dhoottee, manni isaan irratti jigee dhumatane; na qofattuu jalaa bayee, tana sitti himiisaaf dhufe» jedhe.
20 Achiin duuba Iyoob ol ka'ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, 21 «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du'ulle qullaa tiyya deebi'ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.
22 Tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; Waaqa irralle'etti hantuu hin dubbanne.