9
Balaa Shaneesso'oo; Dhuma Hori'ii
1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Gara mootichaa dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya dhaxxee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. 2 Ati ammalle akka isaan deemanu yoo gad lakkisuu dide, 3 ani horii keeti ka diida tikatu fardoolee teeti, harreelee teeti, gaalota keeti, hoolota teetii fi re'oota teeti irratti dhukkuba hamaa hin buusa. 4 Horii Israa'elootaatii fi horii worra Gibxi'ii wodhakka'atti garaagarummaa hin tolcha; horiin Israa'elootaa hin du'u jedha› jedhiin» jedhe.
5 Mootiin Waan Maraa guyyaa murteessee, «Ani waan kana boru lafa tanatti hin fida» jedhe. 6 Guyyaa itti aanu Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe godhe; horiin worra Gibxi'ii marti dhumatee, ka Israa'eloota ammoo tokkolle hin duune. 7 Mootichi akka ilaalanu namoota ergee, horiin Israa'elootaa tokkolle akka hin du'in hubate; te'uu malee mootichi mataa jabaatee kolbaa gad lakkisuu didate.
Balaa Jayeesso'oo; Iita
8 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, «Badaa ibiddaa irraa daadhaa ooboo takkaa fuudha'aatii, Muuseen mooticha duratti qilleensa irratti ol qolaansuu ti. 9 Daadhaan sun lafa Gibxi'ii mara irratti bukuu te'ee, namaa fi horii irratti iita maloottu hin te'a» jedhe. 10 Isaanille bukuu fuudhanee fuula mootichaa dura dhaabbatane; Muuseelle daadhaa san qilleensa irratti ol qolaansee, kolba'aa fi horiin marti iitowane. 11 Worri xanoo xanuu fi worri Gibxi'ii marti waan iitowaneeranuuf, worri xanoo xanu Muusee dura dhaabbatiisa hin dandeenne 12 Mootiin Waan Mara ammoo mooticha mataa jabeessee, akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi Muuse'ee fi Aaron dhage'iisa didate.
Balaa Torbeesso'oo; bokkeya dhaka'aa
13 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Boru ganama bari'iin ka'iitii, mooticha dura dhikaadhuutii, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Ibrootaa: Kolbaan tiyya akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. 14 Yoo gad lakkisuu didde, biyya lafaa mara irra ka akka kiyyaa tokkolle akka hin jirre, akka ati beettuuf ani amma si irratti, qondaaltota teetii fi kolbaa teeti irratti balaa hamaa hin fida. 15 Ani akka harka kiyya ol fudhadhetti si'ii fi kolbaa teeti adoo dhowee jiraadhee, silaa ati lafa irraa ijjumaa baddeerta. 16 Te'uu malee hunna tiyya si'itti mudhisiisaa fi maqaan kiyya biyya mara irratti akka beekkamuuf, ani si lakkise. 17 Ati ammoo haga ammaa ol ifi qaddee kolbaan tiyya akka deentu gad lakkisuu didde. 18 Tanaaf, boru yennaa akkanaa tana bokkeya dhaka'aa hamaa ka dabarsii biyya Gibxi'ii keessatti bu'ee hin beenne, hin buusa. 19 Bokkeenni dhaka'aa hori'ii fi nama gara manaa hin galin waan ala jiru mara waan ijjeesuuf, ati amma horii keetii fi waan ala jiru mara manatti akka galchanu ajaji jedha› jedhiin» jedhe. 20 Qondaaltoti mootichaa worri jecha Mootii Waan Maraa sodaate, garboolee ifiitii fi horii ifii manatti galfatiisaaf ariifate. 21 Worri gariin ka jecha Mootii Waan Maraa tuffate, garboolee ifiitii fi horii ifii alatti lakkise.
22 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Lafa Gibxi'ii mara irratti, namaa fi horii irratti, waan lafa Gibxi'ii irratti latu mara irratti bokkeenni dhaka'aa akka bu'u harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe. 23 Yennaa Muuseen ulee ifii gara gubba'aa ol kaase, Mootiin Waan Maraa mandiisu'uu fi bokkeya dhaka'aa buusee balaqqeettiille balaqqitte. Maarre Mootiin Waan Maraa bokkeya dhaka'aa lafa Gibxi'ii irratti roobisiise 24 Bokkeenni dhaka'aa hamaan bu'e; balaqqeettiin balaqqitte. Haga Gibxi biyya teeteen jalqaddee bubbeen bokkeyaa ta teetee hin beenne teete. 25 Bokkeenni dhaka'aa kun biyya Gibxii keessatti namaa fi horii alatti hafane mara dhowe. Waan diida keessatti lateeru mara dhowee, mukoota mara caccasse. 26 Addee worri Israa'elootaa le'anu lafa Gooshenii qofatti, bokkeenni dhaka'aa hin buune.
27 Achiin duuba Mootichi Muuse'ee fi Aaron waamee, «Ani amma yakkeera. Mootiin Waan Maraa balcha'a. Ani fi kolbaa tiyya ammoo yakkineerra. 28 Bokkeenni dhaka'aatii fi mandiisuun waan nutti bacatteef, Mootii Waan Maraa nu'uuf daadimadha'a. Anille gad isin hin lakkisa. Haganaa achi as hin turtanu» jedhe.
29 Muuseen deebisee, «Ani qachaa keessaa yennaa baye, harka kiyya gara Mootii Waan Maraa ol kaasee hin daadimadha. Latti tun ta Mootii Waan Maraa akka teete akka ati beettuuf, mandiisuun hin dhaabbatti. Bokkeenni dhaka'aalle haganaa achi hin jiraatu. 30 Garuu ati fi qondaaltoti teeti Mootii Waan Maraa Waaqa akka hin sodaanne ani hin beeka» jedhe.
31 Yennaa san talbaan daraaree garbuun ammoo shawwee waan te'eef, talba'aa fi garbuulle bokkeya dhaka'aatiin badane. 32 Qamadi'ii fi ajjaan ammoo duuba irra waan bilchaatanuuf hin banne.
33 Achiin duuba Muuseen mooticha biraa deemee, qachaa keessaa bayee, daadimatiisaaf, harka ifii gara Mootii Waan Maraa ol kaase. Mandiisu'uu fi bokkeenni dhaka'aa dhaabbatee, bokkeennille roobiisaa lakkise. 34 Mootichi mandiisuun, bokkeenni dhaka'aatii fi bokkeenni akka dhaabbate yennaa dhagge, ammalle yakkaa huje. Innii fi qondaaltoti isaa mataa jabaatane. 35 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muuse'etti dubbate, mootichi mataa jabaatee, Israa'elooti akka deemanu gad lakkisuu didate.