10
Balaa Saddeetesso'oo; Awwaannisa
1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati gara mootichaa dhaqi. Ani bilbaasota kiyya kana odduu isaaniititti tolchiisaaf, mootichaa fi qondaaltota isaa mataa jabeesseera. 2 Ati ammoo waan ani worra Gibxi'ii irratti tolche, bilbaasota ani isaan oddu'utti huje kana, dabarsitee ilmaan teetii fi ilmaan ilmaan teetiititti hin hinta. Isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e tanaan hin beettan» jedhe.
3 Maarre Muuse'ee fi Aaron gara mootichaa dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Ibrootaa, ‹Ati haga yoomii naaf ajajamuu didda? Kolbaan tiyya deentee akka na waaqonfattuuf gad lakkisi. 4 Ati kolbaa tiyya yoo gad lakkisuu didde, ani boru tuuta awwaannisaa biyya teetitti hin fida. 5 Awwaannisi sun haga latti mudhatiisa dhaddutti lafa hin golla. Waan diqqoo bokkeya dhaka'aa irraa hafe, muka diida keessatti quunxiisatti jirulle mara hin nyaata. 6 Mana keeti keessa, mana qondaaltota teetiitii fi mana worra Gibxootaa mara keessa hin guuta. Abbootiin teetii fi abbootiin abbootii teetii, lafa tanatti haga qubataneen jalqabanee haga adhaa, waan kana ijjumaa dhagganee hin beekanu› jedha» jedhane. Achiin duuba Muuseen mooticha biraa bayee deeme.
7 Qondaaltoti mootichaalle, mootichaan, «Haga yoomii namichi kun tiyyoo nu'utti te'a? Kolbaan tun deentee Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka waaqonfattuuf gad lakkisi; ati worri Gibxi'ii akka badane haga ammaa hin hubannee?» jedhaneen.
8 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron waamamanee gara mootichaa deebi'anee dhufane; inni isaaniin, «Dhaqa'aatii, Mootii Waan Maraa, Waaqa keessan waaqonfadha'a! Garuu worri dhaqu kun eennu fa'a?» jedhe.
9 Muuseelle deebisee, «Tun jila Mootii Waan Maraatiif jilifannu waan teeteef, nuuti ijoolle'ee fi jaarsolee teenna, ilmaanii fi ijoollee durraa teenna, hoole'ee fi re'ee teenna, loon keennalle fudhannee hin deenna» jedhe. 10 Mootichille, «Isin dubartootaa fi ijoollee teessan fudhattanee akka deentanu, ani yoo gad isin lakkise, Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatuu ti; isin garuu waan hantuu yaadattaneertan. 11 Waawwo'o! Ka isin gaafattane kanuma waan te'eef, worri dhiiraa callaan deemee Mootii Waan Maraa waaqonfatuu ti» jedhe. Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron mooticha biraa ari'amane.
12 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Awwaannisi biyya Gibxi'ii irratti dhufee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe maraa fi waan diida keessatti quunxiisatti jiru mara akka nyaatu harka keeti biyya Gibxi'ii irratti ol diriirsi!» jedhe. 13 Maarre Muuseen ulee ifii biyya Gibxi'ii irratti ol kaasee, guyya'aa fi halkan san Mootiin Waan Maraa qilleensi gara aduun baatuu lafa san irratti akka dhufu godhe; boruyyaa ganama qilleensi awwaannisa fide. 14 Awwaannisi sun bacatee dhufee, lafa Gibxi'ii maratti tuute*Tuute: Yookiin heechat.. Balaan awwaannisaa ka akkasii tanaan qara ijjumaa mudhatee hin beeku; gara duraalle hin jiraatu. 15 Haga gurraachottutti awwaannisi sun lafa gollee, waan bokkeya dhaka'aa irraa hafe mara, waan diida keessatti quunxiisatti jiru maraa fi midhaan muka irraa mara nyaate. Lafa Gibxi'ii mara irratti wonni magariis tokkolle hin hanne. 16 Mootichille Muuse'ee fi Aaron ariiti'iin waansisee, isaaniin, «Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi isin irralle'etti cubbuu hujeera. 17 Amma yennaa tokko qofa cubbuu tiyya naaf araarama'a; balaa hamaa kana akka na irraa balleessuuf, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii naa daadimadha'a» jedhe.
18 Muuse'ee fi Aaronille mooticha biraa deemanee gara Mootii Waan Maraa daadimatane. 19 Mootiin Waan Maraa qilleensa gara qilleensa jabaa gara aduun seentuutitti jijjiiree, qilleensi sun Awwaannisa san oofee abbaayaa diintu'utti†Abbaayaa diintuu: Afaan Ibrootaatiin abbaayaa allaadu'uu jedhama. naqe. Biyya Gibxi'ii keessatti awwaannisi tokkolle hin hanne. 20 Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa jabeessee, mootichi akka deemanuuf Israa'eloota gad lakkisuu didate.
Balaa Sagaleesso'oo; Dukkana
21 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dukkanti dimmi biyya Gibxi'iititti akka buutu, harka keeti gara gubba'aa ol kaasi» jedhe. 22 Maarre Muuseen harka ifii gara gubba'aa ol kaasee, haga guyyaa sadii dukkanti dimmi biyya Gibxi'ii irratti buute. 23 Haga guyyaa sadii san nami tokkolle wol dhagguu hin dandeenne yookiin addee jiranu sanii hin kaane. Te'uu malee, latti Israa'elooti leetu marti ifa qaddiiyyu.
24 Achiin duuba Mootichi Muusee waamee, «Dhaqa'aatii Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a; dubartooti teessanii fi ijoolleen teessanille isin woliin dhaqanuu ti; hooleen, re'e'ee fi horiin keessan ammoo asitti hafanuu ti» jedhe.
25 Muuseen ammoo deebisee, «Ciinca'aa fi kennansa gubamu ka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf dhikeessinu ati nu'uuf kenni ree. 26 Horiin keenna marti nu woliin dhaquu qaba; qenci tokkolle asitti hin hafu. Mootii Waan Maraa Waaqa kennaaf ka dhikeessinu isaan keessaa filanna; haga achi geennutti Mootii Waan Maraatiif ka dhikeessinu hin beennu» jedhe. 27 Mootiin Waan Maraa mooticha mataa jabeessee, mootichi akka isaan deemanu hin feene. 28 Mootichi Muuse'een, «Fuula kiyya duraa bayi! Deebitee fuula kiyya duratti akka hin mudhanne beekkadhu! Guyyaa fuula kiyya dhaggite, ati hin duuta!» jedhe.
29 Muuseelle deebisee, «Akkuma ati jette, ani deebi'ee fuula keeti duratti hin mudhadhu!» jedheen.