33
Mootiin Waan Maraa Israa'elooti Gaara Siina'aa lakkisanee Akka Deemanu Ajaje
1 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Atii fi kolbaan ati biyya Gibxi'ii keessaa baatte, gara lafa ani, ‹Sanyii teetiif hin kenna› jedhee, Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kaku'uun waadaa gale sanii deema'a. 2 Ani ergamaa isiniin dura ergee, Kana'aanota, Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota ari'ee hin baasa. 3 Gara lafa aananii fi dammaa san deema'a. Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, karaa irratti akka isin hin balleessineef, ani isin woliin hin deemu» jedhe. 4 Kolbaan dubbii rakkittuu tana yennaa dhageette, bowiisa jalqadde; nami tokkolle seesa adda addaa hin keyanne. 5 Mootiin Waan Maraa Muuse'een «Ati Israa'elootaan, ‹Isin kolbaa mataa jabaattu waan teetaneef, ani haguma diqqaalle isin woliin adoo deemu te'ee isin hin balleessa. Amma seesa adda addaa ifi irraa baafadha'a; ani waan isin godhu hin murteessa› jedhi» jedhe. 6 Maarre Israa'elooti gaara siina'aa*Gaara Siina'aa: Maqaan gaara Siina'aa ka dhibiin, «Koreb» jedhama. irratti seesa ifii ka adda addaa ifi irraa baafatte.
Dunkaanii Woldeenna'aa
7 Muuseen Dunkaanii san fuudhee addee quttumaatiin ala irraa fageessee dhaabee, «Dunkaanii Woldeenna'aa» jedhee moggaase. Nami Mootii Waan Maraa wo gaafatuu barbaadu marti gara Dunkaanii Woldeenna'aa ta addee quttumaatiin ala jirtu san dhaqa. 8 Yennaa Muuseen bayee gara dunkaani'ii deemu mara, kolbaan marti kaatee seensuma dunkaanii ifii dura dhaabbattee, haga Muuseen dunkaanii seenu ilaalti. 9 Akkuma Muuseen gara Dunkaani'ii seeneen utubaan duumensaa gad bu'ee seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbata; Mootiin Waan Maraalle duumensa keessaa Muusee woliin dubbata. 10 Kolbaan utubaan duumensaa seensuma Dunkaani'ii dura dhaabbatuun yennaa dhaggitu mara, isaan martinuu ol ka'anee seensuma dunkaanii ifii duratti sagadan. 11 Akkuma nami nama dhibii woliin dubbatu, Mootiin Waan Maraa fuula duratti Muusee woliin dubbata; achiin duuba Muuseen gara addee quttumaa deebi'a; Iyaasuun ilmi Nunii dargaggeessichi isa qarqaaru sun ammoo dunkaanii lakkisee hin deemu.
Muuse'ee Fi Ulfinna Mootii Waan Maraa
12 Muuseen Mootii Waan Maraatiin, «Ati, ‹Kolbaa tana sooressi› jettee natti hinteerta; te'uu malee, nama na woliin ergitu natti hin hinne; ati, ‹Ani si beeka; na birattille fudhatama qadda› naan jetteerta. 13 Ani si biratti yoo fudhatama qabaadhe, akka si beeku, yennaa mara si biratti fudhatama qabaadhu karaa keeti na barsiisi. Kolbaan tunille kolbaa teeti akka teete qaabadhu» jedhe.
14 Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Anumatti si woliin ideema; fooralle si'iif hin kenna» jedhe.
15 Muuseelle deebisee, «Ati yoo nu woliin hin ideenne teete asii nu hin baasin. 16 Ati yoo nu woliin hin ideemin, anii fi kolbaan teeti si biratti fudhatama akka qannu nami attam beeka ree? Ati nu woliin yoo hin jiraatin, anaa fi kolbaa teeti, kolbaa biyya lafaa ta dhibii irraa wonni nu adda godhu maan ree?» jedhe 17 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ati na biratti fudhatma waan qadduuf, maqaa keetille'een waan si beekuuf, waan ati na gaafatte kana mara si'iif hin godha» jedhe.
18 Achiin duuba Muuseen, «Maganne'e, ulfinna keeti natti mudhisi» jedhe.
19 Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dansummaa tiyya mara si'iin dura hin dabarsa; ani maqaa kiyya, Mootii Waan Maraa si biratti hin lallaba. Ani namuma mararfadhu, hin mararfadha; namuma itti gadhaa laafuuf, gadhaa hin laafaaf. 20 Garuu, nami fuula kiyya dhagge le'uu waan hin dandeenneef, ati fuula kiyya dhagguu hin dandeettu. 21 Kunoo, addeen ati rassaa irra dhaabbattu, na bira jirti. 22 Yennaa ulfinni kiyya achiin dabaru, baqaqa rassa'aa keessa si keyee, ani haga dabarutti harka kiyyaan si golla. 23 Achiin duuba ani harka kiyya si duraa fuudhee, ati dudda kiyya hin dhaggita; garuu fuula kiyya hin dhaggitu» jedhe.