34
Dhakaa Baxxicha Lama Ka Seerri Irratti Barreeffame Ka Lammeessoo Hujamane
(Kes. 10:1-5)
Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Dhakaa baxxicha lama kama qaraa kaan fakkeessiitii boci. Anille jechoota dhakaa ati caccassite kaan irra jiranu san irratti hin barreessa. Ganamaan qophowiitii gara gaara siina'aa ol bayi. Achitti qaccee gaaraa gubba'atti na dura dhaabbadhu. Nami tokkolle si woliin ol hin bayin yookiin gaara irratti eessalle'etti hin mudhatin; gaara san jala horiille hin tikatin» jedhe. Maarre Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame kama qaraa kaan ka fakkaatu bocee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee barii ganama gara gaara Siina'aa ol baye.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa duumensa keessa gad bu'ee achitti isa woliin dhaabbatee maqaa ifii, Mootii Waan Maraa lallabe. Inni Muusee dura dabaree, lallabee, «Ani Mootiin Waan Maraa, Mootii Waan Maraa, Waaqa mararaa arja'a; ka aari'iif hin ariifanne; jaalalli kiyya ka bara baraatii fi arjummaan tiyya baca'a. Jaalala kiyya ka bara baraa haga dhaloota kuma heddu'uutitti hin eegadha; hammeenna, finqilaa fi cubbuu hin araarama. Te'uu malee, yakkaamessa adoo hin adabin hin lakkisu; ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii haga dhaloota sadii fi afuriititti, cubbuu abbooti'iitiif hin adaba» jedhe.
Muuseen yennuma san lafatti gad gombifamee sagadee, «Ee Gootta'a, ani yoo si biratti fudhatama dhaggadhee jiraadhe, ani akka ati nu woliin ideentu si daadimadha. Kolbaan tun mataa jabeeyyii teetulle, hammeennaa fi cubbuu teenna nuu araaramiitii kolbaa teeti nu tolfadhu» jedhe.
10 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Kunoo, ani Gondooroo si woliin godhataara; kolbaa teeti mara duratti biyya lafaa irratti kolbaa lafa irra jirtu mara keessatti baasa tanaan qara te'ee hin beenne hin godha. Kolbaan ati odduu leetu, baasa ani Mootiin Waan Maraa sii godhu hin dhaggiti. 11 Waan ani adha si ajaju muummessi. Ani Amoorota, Kana'aanota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota si duraa hin ari'a. 12 Akka isaan tiyyoo si'itti hin teene, addee ati dhaqaartu worra lafa san keessa le'u woliin Gondooroo akka hin goone ifi eeggadhu. 13 Addee ciinca'aa ta isaanii diiga'a; soodduu isaanii woyyittii butucha'a; utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantu ta isaanii jissa'a. 14 Ani Mootii Waan Maraa, Waaqa hinaatticha waan te'eef, waaqa dhibii hin waaqonfatin.
15 «Kolbaa lafa sanii woliin akka wol hin Gondoorre ifi eeggadhu; sababille isaan waaqota ifii gula fiiganee yennaa ciincaa dhikeessanu si hin waaman; atille ciincaa san hin nyaatta. 16 Ilmaan teeti durra isaanii yennaa fuusifatte, durri sun waaqota ifii gula fiiganee, ilmaan teetille akka isaanii waaqota isaanii gula akka hin fiinne ifi eeggadhu.
17 «Sibiila baqe irraa waaqota dharaa hin hujatin.
18 «Jila daabboo uukoo hin qannee jilifadhu; ji'a Abiibii keessa biyya Gibxi'iitii waan baateef, akkuma ani si ajajetti guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaadhu.
19 «Ilmi angafa te'ee dhalate marti kiyya; jibichi yookiin korbeessi qara dhalatelle kiyya. 20 Harree korma qara dhalate buruusoo korbeessa hoole'eetiin wodi; yoo woduu dhadde ammoo morma isaa micciiri; ilmaan teeti keessaa angaficha wodi.
«Nami tokkolle harka duwwaa na dura hin dhikaatin.
21 «Guyyaa jaa hujii teeti hujadhu; guyyaa torbeesso'oo ammoo foorfadhu; yennaa qottee facaafattu, yennaa midhaan galfattulle teetu foorfadhu.
22 «Midhaan qamadi'ii ka matooma bilchaatu yennaa galfattu, jila torbaan torbaa jilifadhu; dhuma wogga'aa irralle'etti, jila midhaan galfatiisaa jilifadhu. 23 Dhiirtiin marti wogga'atti yennaa sad ana Mootii Waan Maraa ka Waan Mara Dande'u, Waaqa Israa'el duratti dhaggamanuu ti. 24 Ani gosa biyya adda addaa si duraa ari'ee lafa teeti si'iif hin badhisa; wogga'atti yennaa sad ana Goottaa Waaqa keeti duratti dhaggamiisaaf yennaa ol baatu, nami tokkolle lafa teeti hin fudhatu.
25 «Daabboo uukoo qaddu dhiiga ciinca'aa ka anaaf dhikaate woliin hin dhikeessin; foon horii Jila Irra Dabaramaatiif qalame irraa haga ganamaa hin tursin.
26 «Waan latti si'iif baache keessaa midhaan matoomaa ka irra caalaa dansa'aa ana Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif dhikeessi.
«Buruusoo re'e'ee aanan haadha isi'iitiin hin iffeelin» jedhe.
27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Ani jechoota kanaan si woliin, kolbaa Israa'elii wolille'een Gondooroo waan gondooradheef, jechoota kana barreeffadhu!» jedhe. 28 Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro'oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse.
Muuseen Gaara Siina'aa Irraa Gad Bu'e
29 Muuseen dhakaa baxxicha lama ka seerri irratti barreeffame san harkatti qabatee gaara irraa yennaa gad bu'e, inni Mootii Waan Maraa woliin dubbataa waan tureef, fuulli isaa akka ifiisatti jiru hin beenne. 30 Aaronii fi Israa'elooti marti Muusee yennaa dhaggane, fuulli isaa waan ifiisatti jiruuf gara isaa dhikaatiisa sodaatane. 31 Muuseen ammoo isaan waamee, Aaronii fi sooressitooti kolba'aa marti gara isaa deebi'ane; innille isaanitti dubbate. 32 Achiin duuba kolbaan Israa'elii marti Muusee bira dhufanee, inni ajaja Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aa gubba'atti isatti dubbate san isaan ajaje.
33 Muuseen isaanitti dubbatee fixeen duuba fuula ifii hagooggate. 34 Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbbatiisaaf, fuula isaa dura yennaa dhikaatu, hagoogguu fuula ifii irraa dhooggata; yennaa gad bayu ammoo waan ajajame mara Israa'elootatti hima. 35 Isaan fuulli Muuse'ee akka ifu dhaggane. Achiin duuba inni Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf, yennaa dhaqu mara fuula ifii hin hagooggata.