Kitaaba Hizqi'elii Raagichaa
Seensa
Hizqi'eliin Raagichi dhaloota Kiristoosiitiin dura woggaa dhibba shanii fi saddeettamii jaatti Yerusaalem adoo hin diigaminiin duraa fi diiganteen duuba booji'amee Baabilon keessa le'aayyu. Jechi raaga isaa worra booji'amee Baabilon keessa jiruu fi kolbaa Yerusaalem keessa leetuuf dabare. Kitaab Hizqi'elii raagichaa kutaa gugurdoo jaatti qoodama.
1. Waaqi akka Hizqi'el raagicha te'u waame.
2. Muraan Waaqaa kolbaa irratti akka dhuttuu fi jinnannii fi badiin Yerusaalemii akka dhuttu ergaa ifi eegachiittu.
3. Gosa biyya adda addaa ta kolbaa isaa cunqursitee fi dokonkorsite akka adabu ergaa Mootii Waan Maraa biraa dabarte.
4. Jinnana Yerusaalemiitiin duuba Israa'el jajjabeessiisaa fi wonni dansaan gara duraa akka isi'iif teetu, jecha waada'aa ka himame.
5. Raaga Waaqa mormu.
6. Galmi Waaqaatii fi mootummaan Israa'elii addee ifii ta duriititti akka deebi'ane fakkii Hizqi'el dhagge.
Hizqi'el nama dhugeeffannaa guddoo qabuu fi nama waan gara duraa te'u fageessee yaadu. Inni waan gara duraa te'u hedduu bifa mudhi'iitiin dhagge. Ergaa isaa keessaa hedduun hujii fakkeennaatiin ifa teetee himante. Hizqi'el irra caalaa haareffamiisi gadhaa keessaatii fi ayyaanaa barbaachisaa akka te'e, nami tokko tokkooyyuu cubbuu ifiitiif itti gaafatamaa akka te'e mudhise. Inni marroo haareffamiisa jiruu kolba'aalle addii ifii lallabeera. Hizqi'el hayyicha, raagichalle waan te'eef, Galma Waaqaatii fi woyyumma'aafille fedhii addaa qabaayyu.
Haadhoo Dubbi'ii
Hizqi'el waamame1:1—3:27
Ergaa Marroo Badii Yerusaalemii4:1—24:27
Gosa Biyya Adda Addaa Irratti Muraa Waaqaa25:1—32:32
Waadaa Waaqi Kolbaa Ifiitiif Qabu33:1—37:28
Raaga Waaqa Mormu38:1—39:29
Mudhii Marroo Galma Waaqaatii Fi Lafa Gara Duraa40:1—48:35
1
Mudhii Waaqaa Ta Hizqi'el Dhagge Ta Qaraa
Mudhii Ulfinna Waaqaa
1 Woggaa soddomeesso'oo, ji'a arfeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, worra booji'ame keessaa tokko adoo te'ee jiruu, laga Kebaarii biratti ol gubbaan banantee ani mudhii Waaqaa dhagge. 2 Mootichi Yehoyaakiin booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti, 3 Biyya Baabilonii laga Kebaarii biratti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya gara ana Hizqi'elii hayyicha ilma Buzii dhufe; achitti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu.
4 Ani ol ilaalee, bubbeen bokkeyaa gara kaabaatiin dhuttuun dhagge; duumensa ciggaa keessaa balaqqeettiin balaqqittee, adaala duumensaa san ifi guddaan ifee, addee balaqqeettiin balaqqitetti wonni takka akka sageettu'uu calalaxxe. 5 Wodhakkaa bubbee bokkeyaa sanitti dada lubbuu qaddu, ta nama fakkaattu afur dhagge; 6 garuu tokko tokkoon isaaniituu fuula afurii fi koola afur qaban. 7 Miilli isaanii sootii, faanti miila isaanii kottee jabbi'ii fakkaatti; akka sageettuu haxowanteelle calalaxxi. 8 Isaan Koola ifii ka gama afuriituu jalatti harka namaa qaban; isaan arfanuu fuula fi koola qaban; 9 koolli isaanii wol dhaqqaba; tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, qajeelanee gara duraa deeman.
10 Dadi lubbuu qaddu tun arfanuu fuula adda addaa afur, gara duraatiin ka fuula namaa fakkaatu, gara middaatiin ka fuula neenqaa fakkaatu, gara bita'aatiin ka fuula qotiyyo'oo fakkaatu, gara duubaatiin ka fuula risa'aa fakkaatu qaban. 11 Fuulli isaanii akkas fakkaata. Koolli isaanii lamaan irii ol diriiree, qaccee koola dada isaanitti aaneeruu tuqa; koollii lamaan hafe ammoo nafa isaanii golla. 12 Tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, gara Ayyaanni Waaqaa isaan qajeelche, qajeelanee gara duraa koolaan ka'anee deemane.
13 Dadi lubbuu qaddu sun bifi isaanii kashila ibidda bobe'uutii fi xassaa bobe'u fakkaata; dada san odduu ibidda asii fi achi tacho'utti jiraayyu; ibiddi sun akka malee ifa; balaqqeettiille ibidda san keessaa baate. 14 Dadi lubbuu qaddu sun akka balaqqeettii banqo'oo asiif achi fiidde.
15 Ani dadi lubbuu qaddu arfan san yennaa ilaale, korboo afur tokko tokkoo isaaniituu biratti lafa irratti dhagge. 16 Bifi korboo arfan saniitii fi akki isaan itti hujamane akka kana fakkaata: Bifi isaanii akka bifa dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa; isaan arfanuu wol fakkaatan. Tokko tokkoon isaaniituu akka korboo wol keessa jirtuutitti hujamaneeran. 17 Isaan yennaa deemanu, adoo asii fi achi gara hin galin, gara dadi lubbuu qaddu deemanu gara arfanittuu deeman. 18 Irgi korboota tanaa dhedheerota sodaachisanu; korbooti sun arfanuu naannoo irga ifii irraa ila qaban. 19 Yennaa dadi lubbuu qabanu sun ideemanu korbooti sunille cinaa isaanii ideeman; yennaa dadi lubbuu qabanu sun lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille ol ka'an. 20 Garuma ayyaanni Waaqaa ideemu dadi lubbuu qabanu sunille deeman; Ayyaanummaan dada lubbuu qabanuu keessa jiru sun korboota san keessalle waan jiruuf, korbooti sunille isaanuma woliin ka'anee deeman. 21 Ayyaanni Waaqaa sun dada lubbuu qabanuu fi korboota san waan qajeelchuuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa ideemanu korbooti sunille isaanuma woliin deeman; yennaa isaan dhaabbatanulle isaanuma woliin dhaabbatan; yennaa isaan lafa irraa ol ka'anulle wolumaan ol ka'an.
22 Mataa dada lubbuu qabanu sanii gubbaa wonni akka dhakaa roobaa calalaqee ila sodaachisu ta gubbaa gombobbittii fakkaattutti diriireeraayyu. 23 Gubbaa gombobbittii saniin jala koolli isaanii lamaan gara woli wolii isaanii diriiree jira. Dadi sun tokko tokkoon isaaniituu koola lama ka nafa ifii ittiin gollatanu qabaniiyyu. 24 Yennaa isaan koolaan ka'anu, shookkessi koola isaanii akka shookkettii galaana gudda'aa, akka shookkettii qoonqoo Waaqa Waan Mara Dande'uu yookiin akka hogaa gumii loltootaa fakkaattu dhage'e; isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanu, koola ifii gad qabatan. 25 Isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanee koola ifii gad qabatanelle gubbaa gombobbittii san gubba'aa qoonqoon dhage'ante.
26 Gubbaa gombobbittii san irra wonni barcumaa mootumma'aa ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame fakkaatu tokko jiraayyu; waan akka barcumaa mootumma'aa san gubbaalle waan nama fakkaatu tokkotti jiraayyu. 27 Addee hidha isaa fakkaatu san irraa jalqabee irii ol waan akka sibiila ibidda keessatti finiinee fakkaatu, addee hidha isaa fakkaattu san irraa jalqabee irii gad waan ibidda fakkaatu ka ifi calalaqu cinaa isaa mara jiru tokko dhagge. 28 Ifi cinaa isaa maraa calalaqu sun, akka hiituu yennaa bokkeyaa duumensa keessaa mudhattuu ti.
Kun fakkeenna bifa ulfinna Mootii Waan Maraa fakkaataayyu; ani yennaa waan kana dhagge, fuulaan lafatti gad gombifamee, qoonqoo nama dubbatuu dhage'e.