5
Daadimata Marartii Dhaggatiisaaf Dhikaate
Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu;
kunoo, salphinna keennalle dhaggi.
 
Qabeenna keenna ormi,
mana keenna alagaan fudhate.
 
Nuuti ijoollee worri irraa du'e,
ta abbaa hin qannee teeneerra;
haadhotiin teennalle
haadha hiyyeessaa te'aneeran.
 
Bisaan unnuuf hin kaffalla;
qoraanille hin bitanna.
 
Akka horii waanjoo itti hidhanee
oofamiisaan guddoo dadhanneerra;
fooralle nu dhoogganeeran.
 
Sagalee quufiisaaf,
worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne.
 
Abbootiin teenna ta durii
cubbuu hujjee dabarte;
nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiif
rakkatiisatti jirra.
 
Garbooleen nu bulchan;
nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru.
 
Goomolee keessa
ijjeechaan waan jirtuuf,
lubbuu teenna gurgurannee,
sagalee dhagganna.
 
10 Beela irraa ka ka'e
gogaan keenna
akka suunsumaa gurraachoweera.
 
11 Dubartoota Xiyoon keessatti,
durralle qachoota Yihuda'aa keessatti
hunnaan woliin rafane.
 
12 Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante;
jaarsoleen ulfinna dhadde.
 
13 Dargaggoota dhiiraa
hunnaan daakuu daassifatane;
ijoolleen dhiiraa
qoraan guddaa ba'atanee tintimane*Tintimane: Yookiin gatantarane..
 
14 Jaarsoleen
yaa'ii karra qacha'aa,
dargaggootille sirba lakkitteerti.
 
15 Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera,
sirbi keenna gara bowaa deebi'eera.
 
16 Nuuti cubbuu waan hunyeef,
ulfinni nu irraa ka'eera;
nu'uuf aanne'e!
 
17 Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera;
iltille nu cuurrotteerti.
 
18 Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee,
jeedalti irra burraaxxi.
 
19 Ee Waaqa, ati ammoo,
haga bara baraa mooti'i;
barcumaan mootummaa teetiille
dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.
 
20 Ati maaf ijjumaa nu deete?
Maaf haga kana mara nu lakkitte?
 
21 Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu,
nuutille hin deebina;
bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi.
 
22 Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta;
akka maleelle nutti aarteerta.

*5:13 Tintimane: Yookiin gatantarane.